Koronaavaayiras: Tiraamp erga Covid-19n qabamee booda qophii ummataarratti argame

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin US Donaald Tiraamp kanaan booda namoota kaaniitti Covid-19 dabarsa jedhamee akka hin yaadamne hakiimoonni Waayiti Hawus beeksiisan.
Siin Koonleey erga Kamiisaati fayyaa Mr Tiraamp irratti yeroo jalqabaatiif dubbate.
Pirezidaantichi erga koronaavaayirasiin qabamanii booda yeroo jalqabaatiif guyyaa Sanbataa ummataaf Waayit Haawusiitti haasaa taasianii ture.
Haata'u malee, tarii vaayirasicha namoota kaaniitti dabarsaa laata jedhamee yaaddootu ture.
Yaadannoon hakimii isaa akka jedhuutti, ''kanaan booda pirezidaantichi yaaddoo vaayirasii nama biraatti dabarsu hin qabu,'' jechuun hangi vaayirasichaas 'hirrachu hima.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haata'u malee, ibsichi pirezidaanti Tiraamp Covid-19 nagaatiivi haa ta'anii haa dhiisanii hin ibsine.
Pirezidaantichi koronaavaayirasiin qabamuun hospitaala erga galanii bahanii booda, yeroo jalqabaatiif deeggartoota isaanii fulduratti Waayit Hawusirraa haasaa taasisaniiru.
Qophii pirezidaantichi maaskii malee irratti haasaa taasisan kunis, ''mormii deegarsaa nagaa'' seeraafi sirnaaf taasifameedha. Haata'u malee, duula na filadhaa Tiraamp fakkaata.
Kanaan booda qoricha farra Covid-19 hin fudhadhu kan jedhan pirezidaantichi, ''baayyee fayyaa'' kiyya jechuun ummatatti himaniiru.
Erga Kamisaatii asi Waayiti Hawus haala fayyina pirezidaantichaarratti waan jedhe hin jiru.
Pirezidaantichi kana booda erga guyyoota sadiif hospitaalatti dabarsanii booda bilisa haa ta'anii ykn haa dabarsanii ifa miti.
Duula gaggeessaan Joo Baayidan akka jedheetti kaadhimamaan Dimokiraatii guyyaa Sanbataa koronaavaayirasiirra nagaatiivii ta'eera.
Mr Tiraamp qophii Waayit Hawusirratti maal jedhan?
Walakkaan walgahii Sanbataa kunis faawundeeshinii ''Blexit'' jedhamuufi warri gurraachaafi Laatinoonn akka paartii Ripablikaanootaa deeggaran barbaadutu qopheesse.
Pirezidaantichis sagantaawwan Dimokiraatootaa akka ''Soshaalitii-Koministootaan ol- waa'ee mirgootaatii'' jechuun Mr Baayidanan dubbiin tuqaniiru.
Mr Tiraamp irra deddeebiin akka hawaasa gurraachaaf bara Abraahaam Liinkanii asiitti pirezidaantii kamiyuu caalaa waan baayyee raawwateetti himeera.
Akkasumas, talaalliin Covid-19n ''yeroo baayyee gababaa ta'e'' keessatti ni qophaa'a jedhaniiru. Kunis kan daarektarri Jidduugala To'annoo Dhukkubootaa ji'a darbee seenaatarootatti himaniin faallaadha.
Warri sagalee walitti qaban akka jedhanitti Mr Baayidan dijiitii tokkoon Mr Tiraampiin dursan. ABC News/Ipsosn akka adda baaseetti Ameerikaaoonni %35 haala Mr Tiraamp itti rakkina koronaavaayirasii qaban ni mirkanneesu.
Haata'u malee, filannoo pirezidaantummaa US qabatamaan kan murtaa'u bulchiinsawwan muummee keessatti. Bakkeewwan kunneenis bakka itti filattoota waliigalaatiin itti mo'atan; kan Hiilaarii Kilintan bara 2016 sana caalaa, bakka dorgomtoonni lamaanuu itti mo'achuuf carraa qabaniidha.
Pirezidaantiichi Wiixata dhufutti Filooridaa bulchiinsa baatii itti aanuu keessaa dorgommiin pirezidaantummaa cimaan keessatti gaggeeffamu keessatti 'duula guddaa' taasifamuun karoorfamuu himeera.
Haala fayyaa pirezidaantichaarratti waan haaraan maali?
Tiraamp 'Fox News'tti akka himeetti 'dhugaadhumatti baayyee cimaakootu jira,'' jedhaniiru. Kanaafuu, kana booda qoricha hin fudhadhus jedhaniiru, ''doozii dhumaa kan waan hundaa fudhadheera.''
Hakimiin dhuunfaa pirezidaantichaa Seen Koonleey Kamisa akka jedhaniitti, guyyaa Sanbataa kaasee gara ummataan walitti dhufuutti yoo deebii'an rakkoo hin qabaatu. Kunis erga koronaan qabamanii wallaansa argatanii Onkololeessa 1 kaasee guyyoota 10 ta'a jechuudha.
Mr Tiraamp Covid-19n qabamuun akkuma barameen guyyoota sadiif hospitaala keessatti wallaansa argataa kan turan yoo ta'u, qoricha 'steroid dexamethasone'qoricha farra remdesivir fi qorichoota wal makaa kaampaanii 'Regeneron' jedhamuun omishame fudhate.
Jidduugalli To'annoo Dhukkubootaa namni yeroo mallattoo koranaavaayirasii irratti argamee kaasee yoo xinnaate guyyoota 10 qofaatti of baasee akka turu gorsu.
Yoo dhukkubni itti cimee wallaansa hospitaalaa barbaachise hanga guyyoota 20 barbaachisuu danda'a.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













