Maqalee: 'Manneen sirreessaa 10f kitaaboota kuma 10'

'Duula kitaaboota walitti qabuu' magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiruun manneen sirreessaa naannichaatti argaman 10f kitaaboolee kuma 10 walitti qabuuf karoorafamuu qindeessaan duula kanaa BBC'tti himeera..
Dargaggoonni yaada kana maddisiisee Saamu'eel Dastaa akka jedhuutti, duulli kunis ALI Fulbaana 20 eegalee hanga Onkololeessa 30tti kan itti fufuudha.
Kitaaboolees arjoomtota adda addaa irraa argachuuf kan karoorsan yoo ta'u yaanni isaanillee namoota hedduun fudhatama argachuu dubbateera.
Haaluma kanaanis duulichi eegalamee osoo torban hin gutiin kitaaba 700 ta'an walitti qabuu danda'aniiru.
''Xiyyeeffannaan waan hin kennamneef namoonni ofii manneen sirreessaa keessa kitaabni jiraa?' jedhan jiru. Dhagahaniifi yaadanii waan hin beekneef kan baayyee gammadan jiru.
Namoonni hedduun ammoo kitaaboota yoo arjooman kaan ammoo ragaalee hojii keenya deeggaran nuuf kennuu eegalaniiru,'' jedhu.
Saamu'eel kitaaboota kanneen walitti qabuuf namoota akka kakaasaniif shamarran waltajjiiwwan adda addaa irratti dorgommii bareedinaafi modeelummaatiin hojjatan filachuu dubbata.
Haaluma kanaanis shamarran afur; Adunyaa Daanyawu, Biizii Mabiraatuu, Makiidaa Fisihaafi Rodaas Miizaan kan jedhaman filachuun hojii egaluu dubbata dargaggoo Saamu'eel. Isaanis moggaasa maqaa 'Urjiiwwan Tigraay ' jedhuun duula kitaaba walitti qabuu kana gaggeessaa jiru.
''Saamu'eel yaada kana yoo naaf dhiyeessuu baayeen gammade. Sababiinsaas mo'attoonni ykn dorgommii modeeloonniifi kilippii muziqaafi filmiiwwan alatti waan akkasii kanarratti yoo hirmaatan hin mullatan,'' jetti Addunyaa Daanyaawu.
Kitaabonni kunneenis sirreefamtoonni turtii mana hidhaa isaaniin beekumsasaanii akka cimsataniifi yeroo gaarii akka dabarsan gargaara jetti.
Waan kana ta'eefuu isheefi hirriyyoonni ishee duula kanarratti hirmaachuusaanii akka carraa gaariitti lakkoofti.
Yaadi ka'umsaa maal ture?
Darggagoo Saamu'eel ogummaa damee beeksiisaafi aartii irratti hirmaata.
Waggoota sagaliin dura wayita kutaa saddeet barataa tureetti manneen kitaabaa mana sirreessaa naannoo Tigraay keessatti argaman dowwachuuf carraa argatee ture. Yaalii amma taasisaa jiru kanaafis ka'umsa kan ta'eef taatee sana ta'uu dubbata.
''Yeroo sanatti miseensa paarlaamaa barattootaan ture. Yeroo santtis manneen sirreessaa Naannichatti argaman dowwachuun mana kitaabaa isaanii ilaallee turre. Haalli yeroo sanaa keessa kiyya waan jiruuf amma gochaan sochii taasisuuf murtee irra gahee,'' jedha.
Sirreeffamtoonni kitaaba barbaadan carraan ittiin argachuu danda'an waan hin jirreef ture kan gahee isaa bahuuf murteessee.
''Naannoo Tigraayitti manneen sirressaa 10tu jiru. Kitaaba gahaa qabaachuu baatanilleen manneen kitaabaas ni qabu. Sirreeffamtoonni namoota boru hawaasatti deebii'anii makaman waan ta'aniif jijjirama isaanii kitaaba keessatti argachuu danda'u.
Kanaafuu, beekumsaafi xin-sammuu isaanii ijaaruun akka bahan kan jedhurraa ka'een hojii kana eegale,'' jedha.
Manneen sirreessaa keessaa tokko kan ta'e Bulchiinsi mMana sirreessaa Maqalee haala sochii eegalamee kanarratti, 'Mana kitaabaa qabaannulleen sirreeffamtoonni kitaaba barbaadan hin argatan. Kanaafuu, duullli eegaltan gocha gaarii waan ta'eef nulleen nu gargaaraa' jechuun gaaffii akka dhiyeeffatanSaamu'el ni dubbata.
Hirmmaannaa tola-oltotaa
Duula kitaaba walitti qabuu kana keessaatti warra hirmaatan keessaa tokko kan taatee Shamarree Addunyaa gama isheetiin, deebiin ummatarraa kennameefi hirmaannaan taasifamaa jiru kan nama boonsu ta'uu ibsiti.
"Namoonni yaadicha fudhataniiru. Fuula midiyaalee hawaasaa isaanii irratti dudubataa jiru. Namoonni kitaaba nuuf arjoomu barbaadanis nuuf bilbiluun nutti himaa jiru. Nutis bakka isaan jiran dhaquun walitti qabaa jirra,'' jechuun ibsiti.
Maqalee irraa qofa osoo hin taanee naannoolee Tigraay gara biraa irraayilleen bilibilamuufiin ''koottaa kitaaba fudhadhaa' jechuun waamichi dhiyaataaf kan jiruuf, isaan garuu yeroof magaaluma Maqalee qofaa keessatti walitti qabaa jiraachuu dubbatti.
Kennaawwan bakkeewwan biraa irraa kennaman attamiin akka walitti qabuu danda'an irrattis marii'ataa jiraachuu dubbatti.
Wayita kitaabolee kanneen walitti qabuuf deemanaiitti baasii geejjibaa kisii isaaniitii fayyadamu. Namoonni tokko tokkoos haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuun geejjibaaf maallaqa akka kennaniif dubbatti Addunyaan.
Saamu'eel gama isaatiin, ''Nuti wayita eegallu kitaaboota kuma 10 kan manneen sirreessaa 10f raabsaman walitti qabuuf ture. Garuu hirmaannaa namootaa amma jiruun isa caalaa walitti qabuu akka dandeenyi nutti argasiseera,'' jedhan.
Kanaafuu, mana sirreessaa tokko kitaaba kuma tokko ol akka qaqabu tilmaama.
Qabiyyeewwan kitaabootaa
Saamu'eeliifi Addunyaan akka jedhaniitti gosa kitaaba namoonni arjoomanii ilaalchisee ulaagaan kaa'ame omtuu hin jiru.
Kanas ta'e garuu namoonni, ''sirreeffamtootaaf'' yaada jedhu xiyyeeffannaa keessa galchuun hanga ammaatti kitaaboonni arjoomaman kanneen manneen kitaabaa keessa ta'uu danda'aniidha jedhu.
''Osoo duulicha hin eegaliin dura garuu waajjira Nageenyaa Naannichaa waliin dhimmicharratti mar'achuufi xiinxala gaggeessuuf yaaluus Saamu'eel ni dubbata.
Sirreeffamtoonni manneen hidhaa kanneen keessatti argamanis kan oggummaa gosa garaa garaa irraa dhufan waan ta'aniif, kitaboonni kunneenis ni gargaaru jedhanii akka yaadan Addunyaan ni dubbatti.
















