Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Qophiin Waayit Hawuusitti ture Tiraampiifi aanga'oonni kaan Covid-19n akka qabaniif sababaa?
Ergaan pirezidaantiin Ameerikaa Tiraampiifi haati warraa isaa koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'uu ilaalchise karaa Twitaraatiin barreessan addunyaa hunda naasisee ture.
Erga Tiraampiifi haatii warraasaanii hospitaala galanii booda attamiin vaayirasichaaf saaxilamuu danda'an kan jedhuu gaaffii kaasaa jira.
Qophii 'Rose Garden' kan Tiraamp irratti haala walfalmisiisaa ta'een Amii Koonii Mana Murtii Olaanaaf muuduusaa irratti labseerratti namoonni hirmaatan hundi amma gaaffii keessa galaa jiru.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhuutti, mallattoon vaayirasichaa namatti beeksisuuf guyyoota shanii hanga jahaa ni fudhata.
Suuraawwan qophii sanarraa fudhataman akka mul'isaniitti namoota hirmaatan keessaa maaskii kan kaawwatan muraasa qofaadha.
Teessumni mataataansaa meetira lama wal irraa hin fagaannee. Harka wal fudhuufi wal hammachuus ture agariisa.
Essaafi yoom akka itti darbee baramuu baatuleen, namoota qophii sanarratti hirmaatan keessaa hanga ammaatti namoonni saddeet vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'eera.
Pireziidaantichaafi Giiftii dureen alatti:
- Bulchaan duraanii Niiw Jeersii Kiris Kiristie akka vaayirasichaan qabaman Dilbata beeksiisan
- Keliyaanee Konweey, kana Hagayya darbee gorsituu Mr Tiraamp olaanoo ta'uu gadhiiftee turte, vaayirasichaan qabamuushee Jimaata darbee beeksiifte
- Maayik Lii, Utaah irraa Seenaatarri Riipaablikaanootaa, akkuma seenaatarri Kaaba Kaarolinaa Toom Tiliis karaa Twiitaraatiin vaayirasichaan qabamuu beeksiisan
- Yunvarsitiin Notre Daam pirezidaantiin isaanii Lubni Joon Jeenkinsi Covid-19n qabamusaanii mirkaneesseera
- Akkasumas, gaazexessaan maqaan hin eeraminiifi kan qophii sanarratti hirmaatee turees vaayirsichaan qabamusaa Waldaan Gabaaftoota Waayit Hawuus beeksiiseera.
Mr Tiraampiifi haatii warraasaanii erga daarektarri komunikeeshinii pirezidaanii Hoppi Hiiks vaayirasichaan qabamteen booda ture kan qorataman. Isheenis qophii Rooz Gaardan sanarratti qooda hin fudhannee turte.
Qajeelfamni Jidduugala Ittisaafi To'annoo Dhukkubootaa akka kaa'utti namoota maatiin alaa si bira jiraataniitti irraa miila jaha fagaachuufi harkaafi hafaan haguuggachuu qabda jedha.
Miseensoonni seera tumtootaa, miseensonni maatii saaniifi hojjattoonni Waayita Hawuus qophicharra turan. Kanneen amma vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ees teessuuma duraarra kan taa'aa turaniidha.
Haala seera koronaavaayirasii Waashingitan DCtti Dhaabbilee feederaalaa kan akka Waayiti Hawuus keessa galu baatanilleen, namoota 50 ol walitti qabuun dhorkaadha.
Tarii namoonni saddeettanuu kan qophii sanarratti vaayirasichaan qabaman yoo ta'e, kunis Waashingitan DC keessatti taatee tatamsa'iina hawaasaa isa guddaa ta'a jedheera Kantiibaan Mureel Bowzer wayita gaazexaa Waashingtan Poostitti dubbataniitti.
Miseensi Mana Maree Magaalichaa Biruuk Pintoo gamsheetiin, ''Waayit Hawuus qophii namoonni hedduun akkasii irratti hirmaatan irratti maaskii kaawwachuu dhiisuun nama gaddisiisa,'' jettee jirti.
"Kunis biyyattiif ergaa balaafamaa ta'uu qofa osoo hintaane, gama biraatiin yaaliiwwan nuti tatamsa'in vaayirasichaa hirrisuuf gochaa jirru kallattiin kan miidhuudha,'' jette.
Akkasumas, qophiiwwan muraasni Waayit Hawuus keessatti guyyuuma sana gaggeeffamusaanii riipportarri CNN tokko twiitaraan barreesseera.
Wayita Amii Koonee Baart haasaa taasftetti Pirezidaantichi ishaa maddii dhaabbatanii turan. Ms Baareet garuu guyyaa Jimaataa bilisa taatee jirti.
Itti-aanaan pirezidaantii Maayik Peensiifi haati warraasaaniinis qoratamanii bilisa ta'aniiru. Innis Mr Tiraamp irraa xiqquma fagaatanii taa'aa turan qophicharratti.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Wiiliyaam Baar ammoo itti aanaa pirezidaantichaan sarara tokkoorra taa'aa turan. Dubbi Himaan Waajjira Haqaa Mr Baar vaayirasichaan qabamuu guyyaa Jimaataa beeksiise.
Haalaa hordooffii Yunvarsitiin Joons Hopkinsi taasiseen, US keessatti namoonni miliyoona 7.3 koronaavaayirasiin qabamaniiru. Kunis addunyaarratti lakkoofsa olaanaadha.
Akkasumas, biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan lubbuusaanii dhaban olaanaa qabdi. Namoonni kuma 209 ol du'aniiru.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras