Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi: Qorannoo Covid-19 saffiisaan biyyoota 133 keessatti hojiirra oolfamuuf
Meeshaan qorannoo koronaavaayirasii daqiiqaa muraasa keessatti adda baasu kunis, biyyoota galiisaanii gadi aanaa fi giddu galeessaa ta'ee keessatti faayidaa olaanaa qabaata jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
Doolaara shan qofa kan kaffalchiisu qorannoon kun, biyyoota hiyyeeyyii ogeeyyii fayyaa fi laabraatoorii ga’aa hin qabne keessatti akka salphaatti koronaavaayirasiin nama qabu adda baasaniif ni faayida.
Akkaataa walii galtee dhaabbilee meeshaa qorannoo kana oomishan waliin taasifameen, meeshaaleen qorannoo miiliyoona 120 ta’an ji’oota ja’an dhufan keessatti oomishamuu danda’u.
Tarkaanfii kun weerara dhibee kanaa ittisuu keessatti qooda olaanaa gumaacha jedhan aanga’oonni olaanoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.
Biyyoota addunyaa hedduu keessatti qorannoon Covid-19 erga taasifamee booda hanga bu’aansaa dhufutti yeroo dheeraa waan fudhatuuf tarkaanfii ittisa dhibechaaf fudhatamu daran danqeera.
Biyyoota vaayirasichi daran keessatti tatamsa’ee jiru kanneen akka Hindii fi Meeksikoo keessatti qorannoon taasifamee hatattamaan bu’aan qorannoo waan argamuu hin dandeenyeef tatamsa’ina vaayirasichaa baruuf ragaa qabatamaa argachuun rakkisaa ta’eera.
Meeshaan qorannoo koronaavaayirasii haaraan kun daqiiqaa 15 hanga 30 gidduutti bu’aa qorannoo akka argamsiisuu danda’u Daarekatarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adhaanom ibsaniiru.
Yeroo ammaa garuu qorannoon koronaavaayirasii erga gaggeeffamee booda bu’aasaa argachuuf sa’atii hedduu yookiin guyyoota eeguu barbaachisa.
Daabbileen oomisha qorichaa ‘Aboot fi Eesdii’ jedhaman Dhaabbata Biil fi Maalindaa Geets waliin ta’uun meeshaa qorannoo Covid-19 haarawa kana miiliyoona 120 oomishuuf walii galuu Dr Teedroos himaniiru.
Akkaataa walii galtee kanaan meeshaaleen qorannoo kunneen wayita oomishan dursa biyyoota Laatiin Ameerikaa vaayirasichaan daran hubaman dabalatee biyyootaa 133’f ni kennama jedhameera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras