‘’Talaalliin Covid-19 argamuus, namoonni miliyoona lama du’uu malu’’

Maxxanfame

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaalliin Covi-19 otoo hin rabsamiin dura namoonni miliyoona lamatti dhiyaatan dhibichaan du’uu malu jedhe.

Dhaabbatichatti hogganaa gartuu yeroo muddamaa Dr Maayik Rayaan akka ibsanitti, hawaasni adduunyaa yoo waliif hin tumsine, lakkoofsi namoota du’aani dabaluu malaa jedhaniiru.

Weerarichi babal’achuu erga jalqabee kaase namoonni miliyoona tokkotti dhiyaatan du’aaniiru, miliyoona 32 kanneen ta’animmoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Biyyoota muraasatti weerarri vaayirasichaa hammaachaa jiraatus Ameerikaa, Indiyaa fi Biraazil keessatti namoonni miliyoona15 vaayirasichaan dhukkubsataniiru.

Biyyoota Awurooppaatti immoo, sochii namootaa ugguruuf karoorfameera.

Awurooppatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufuun yaaddeessa akka ta’e Dr Maayik dubbataniiru.

Sochii namoota ugguruun dura garuu qorannoo cimsuudhaan, namoota dhibichaan qabaman wajjin tuttuqaa qaban addatti fo’uun tamsa’ina vaayirasichaa ittisuutu filatamaa jedhan.

Waa’ee lakkoofsa namoota du’anii maaltu jedhame?

Talaallliin dhibichaa otoo hin rabsamiin dura namoonni miliyoona lama du’uu maluu jedhan.

Wal’aansi dhukkubsattootaaf kennamu foyyaa’uudhaan lakkoofsi namoota du’aanii hir’achuus kaasanii, talaalliin bu’a qabeessummaan isaa mirkanaa’e argamuus namoonni du’an miliyoona lama caalan du’uu malu jedhan.

Mootummoonni itti gaafatamummaa qabu bahuun lubbuu namoota du’aarraa baraaruu akka qabanillee akeekkachiisan.

Biyyoonni baay’een ofeggannoo barbaaachisaa gochuurratti argaman keessaa Ispeen Maadiriiditti sochii namoota gartokkeen daangeessuu karoorfamee ture, garuu mormiin mudate jennaan otoo hojiitti hin hiikamiin hafeera.

Faraansaaayittis hojjattootni manneen dhugaatii fi restooraantii iddoon hojiisaanii akka hin cufamne morman, UK’n garuu tarkaanfiwwan ofeeggannoo haaraa fudhatte.

Israa’el hojiiwwan daldalaa fi balalii xiyyaararratti dambii haaraa baafatte.

Biyyi weerarri dhibichaa hunda caala hammaate Ameerikaan garuu dhaabbilee daldalaarratti uggura buufte kaafte.

Ogeessii dhibeewwan daddarboo Ameeerikaa Dr Antoonii Faawuchii garuu biyyattiin ammayyuu weerara marsaa jalqabaa keessaayyuu hin baane jedhanii ibsan.