'Nageenya waaraa fiduuf hawaasni walitti bu'iinsa diduu qaba'

Madda suuraa, UN
Hayyoonni lammiilee Itoophiyaa UKtti argamaniifi 50 ol ta'an walitti qabamuuf dhimmi sababa ta'e, dhimmi nagaa dhabiinsa irra deddebiin Itoophiyaatti mudatu ta'u himu.
Dr Alamaayyoo Gabrayyees taatee baatii Bitooteessaa mudatee tureef lammiilee Itoophiyaa wallaansa fayyaa UKtti baratan waan tokko haa goonu jechuun waliin dubbachu akka eegalan yaadatu.
Oggeessa wallaansa kaansarii kan ta'an Dr Alamaayyoon ka'umsi isaanii jalqabaa waldaa hakiimoota Itoophiyaanootaa UKtti argamuu haa cimsinu kan jedhu akka ture himu.
Haa ta'u malee, haala Itoophiyaan keessatti argamtu ''hanga yoonaatti caliifnee ilaala? Yaaddoo boru maaltu dhufa jedhuun eegna'' jechuun walitti qabamu BBC'tti himan.
Isaan boodas hakiimoota lammii Itoophiyaa ijaan wal arganii hinbeekne 50 gamticha keessatti hirmaachuu himan.
Gamtaan araaraafi nagaa Itoophiyaanootaa jedhamuun waamame kunis haala nageenya biyyattiifi maal godhamu akka qabaatu irratti marii taasisa.
Dr Li'uulsaggad Ababa hayyuu araaraafi nageenyaati. Dhimumma kanarratti biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti tajaajiluus ni dubbatu.
Walgahiiwwan kanneen irrattis maalummaa walitti bu'insaa, malawwan walitti bu'iinsi ittiin hiikamuufi kannnen biroorratti marii qopheessu himu.
Nageenya karaa midiyaa hawaasaatiin bora'e karaadhuma midiyaa hawaasaatiin deebiisun ni danda'ama?
Biyyaa fagaatanii argamanilleen carraa meeshaaleen dijitaalaa ummanni itti fayyadamuun, daandii agarsiisuuf carraan ni jiraata jedhanii amanu.
Namoonni karaa miidiyaalee hawaasummaatiin 'qotiyyoon dhaleera' jedhan gocha isaanii irraa akka of qosatan taasisuuf midiyaan hawaasummaa tajaajilu akka danda'u dubbatu.
Maddi waldhabdee inni tokko odeeffannoo hin mirkanoofnee daddabarsuudha kan jedhan ogeessi kun, namoonni kun hunduu odeeffannoo hinmirkanoofne dabarsuu irraa akka of qosatuus ni gorsu.
Dhugumaan miidiyaan hawaasummaa nagaa fiduu danda'a kan jedhu irratti shakkii qabaatanis, odeeffannoo sobaafi haasaa jibbinsaa akka hafan gochuu danda'a jedhu.
Odeeffannoofi haasaawwan kun hafan jechuun ammoo gara nagaatti tarkaanfii jalqabaa ta'uu danda'a jechuun abdii qaban ibsaniiru.
Dabalataan ammoo miidiyaan hawaasummaa aadaa falmii karaa yaada gabbisuu danda'uun gaggeessuufi jabeessuu irratti bu'aa buusuu danda'a jedhaniiru.
Dr Alamaayyoon "Itoophiyaan biyyaa rakkoo hedduu qabdudha," jechuun "caalaatti kan miidhamte," ammo karaa odeeffannoo sobaafi haasaa jibbaa midiyaalee hawaasummaa irratti tatamsa'aniini jedhu.
Akka amantaa isanitti yaaada hamaa teeknoolojii dijitaaliin facaasame fayyisuun kan danda'amu karaama teeknoolojii dijitaalaa fayyadamuu qofaani.
Nagaan hojii guyyaa tokkoon waan argamu miti kan jedhan Dr Li'uulsaggad gama isaaniin "nagaan adeemsa" akka ta'e cimsanii dubbatu.
Adeemsa kana gargaaruufis ilaalchaafi yaada namoota jijjiiruun akka barbaachisuu, namootni akka haasa'aniifi yaada isaanii akka ibsataniif haala mijeessuun akka barbaachisu dubbatu.

Waldhabdee akka abaarsaatti namootni ilaalan akka jiran kan ibsan Dr Li'uulsaggad , waldhabdeen abaarsa osoo hin taanee yaadaan walii galuu dhabuu ykn odeeffannoowwan wal simu dhabuudha jechuun wanti akkanaa taa'anii haasa'uun hiikamuu danda'a jedhaniiru.
Aadaan waldhabee haasaatiin hiikuu sabaa lammii biyyatti adda addaa bira kan jiru ta'uu kan ibsan Dr Li'uulsaggad aadaa waldhabdee hiikuu kana fidanii nagaa buusuu qabna jedhu.
UK taa'anii Itoophiyaatti nagaa fiduun ni danda'amaa?
Biyya ofiirraa kiloomeetira hedduu fagaatanii oduu sobaa miidiyaa hawaasummaa irratti yeroo dhaga'anii qaamaan argamanii waa gochuu dadhabaniyyuu, homaa gochuun hin danda'amu jedhanii akka hin yaadne kan himan Dr Alamaayyoo dha
"Hanga dandeenyu haa goonu," jechuun nagaa fiduuf hojjeechaa akka jiran himu. Nagaan waan nama tokkoon dhufu miti jedhu Dr Li'uulsaggadimmoo.
"Nagaan mootummaan qofaa isaa wanta fiduu danda'u miti. Nagaan poolisii ykn looltooni waraanaa waan fiduu danda'an miti, hundi waliin ta'uun yeroo hojjachuu danda'udha nagaan kan dhufu," jedhu.
Itoophiyaan nagaa dhabuun ishee daqiiqaa, sa'aatiifi guyyaa hunda kan na yaaddessudha kan jedhan Dr Alamaayyoo nagaan nu jalaa miliqee waldhabdee keessa yoo seename "to'achuun ni cima," jedhu.
Kanaaf biyyooti ollaa ilaaluu qofa osoo hin taane, kanaan dura biyyaa keessatti yeroo nagaan boora'e ilaaluun salphaatti gara hokkoraatti seenamuun akka danda'amu hubachuun barbaachiisa ta'uu Dr Almaayyoon gorsaniiru.
Kanaafis namni hundi hojiin har'a hojjatan nagaa borii irratti dhibbaa uumuu danda'u yaaduun of eeggannoon socha'uu akka qabu yaadachiisaniiru.
Dr Li'uulsaggad gama isaaniin hawaasni hundi "waldhabdeen na ga'a, sodaatiin taa'uun na ga'a, maatiikoo rasaasaaf aarsaa hin godhu, maasiikoo qotadhee jiraachuun barbaada," jechuu qaba jedhu.
Yeroo sana loltoonnis, mootummaanis gargaaru danda'a jechuun hanga sadarkaa sana hin ga'amnetti nagaa fufiinsa qabu uumuun akka hin danda'amne himu.
Meeshaan waraanaa nagaa hin fidu kan jedhan ogeessi kun, humni hidhate meeshaan isaa "har'a isa dabarsuu yoo danda'es bor isa dhaabuu hin malu," jechun ibsaniiru.
Namootni abbummaan nagaa kan isaanii ta'uu baruu akka qabaniifi "waldhabdeen nu ga'e" jechuun akka isaan barbaachisu dubbataniiru.
Jarsoliin biyyaa, hoggantoonni sabaa, maanguddoonni, abbootiin amantaa naannoo isaanitti sochiin meeshaalee waraanaa seeraan alaa akka dhaabbatu gochuuf "ofittummaa keessaa ba'uun nageenya kaaniif falmuun akka isaan barbaachisu," himaniiru.
Biyya keenya namoota siyaasaafis ta'e rogeessotaaf qofa kennuun wanta itti gaafatammummaa hin qabnedha kan jedhan Dr Alamaayyoon ammo "Ana hin ilaallatu jedhanii qamoolee kanaaf biyyaa dhiisuun guyyaa tokkotti magaalaan akka barbaadaa'uu agareerra," jedhu.
Dr Li'uulsaggad ummaatni waldhabdeen na ga'e yoo jedhe "nagaa buusuun yeroo dheeraa fudhata jedhee hin amanu," jechuun Itoophiyaa keessatti nagaa buusuuf namootni biyya keeessas ta'e ala jiran itti gaafatamummaa fudhachuu akka qaban dubbatu.
Dr Alamaayyoon gama isaaniin nagaa fiduuf dargaggootaaf waltajjii haasaafi marii qopheessuun waa'ee duudhaa Itoophiyaa barsiisuun barbaachiisadha jedhu.
Dr Li'uulsaggad ijoollee keenyaatti wanti himnu hubachuu akka qabnu himuun "eenyummaa irraa darbanii waa'ee waliin ta'uu barsiisuun barbaachisaadha," jedhu.
Dhabbilee barnootaa olaanoo keessattis yoo ta'e, yaadaa yaadaan falmuu barattoonni akka baran irratti hojjachuun barbaachisaa akka ta'e gorsaniiru.















