Kora UN irratti muddamni US-Chaayinaa gidduu daran hammaate

Pirezedaant ZYii Jiinping fi Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Kora Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) gaggeeffamaa jiru irratti muddamni US fi Chaayinaa gidduu jiru daran hammaateera.

Pirezdaantiin US Donaald Tiraamp haasaa Marii Waliigalaa UN fayyadamuun weerara Covid-19f Chaayinaan itti gaafatamuu qabdi jechuun himataniiru.

Pirezedaant Tiraamp koronaavayirasiin, “Chaayinaatii ba’ee addunyaa akka faalu,” gootetti jechuun himataniiru.

Pireesdaantiin Chaayinaa Zyii Jinpiing gama isaaniitiin haasaa isaanii keessatti, addunyaan ittisaa koronaavayirasii “siyaasaatti geeddaruu hin qabu," jedhaniiru.

Maariin bara kanaa Niiwu Yoorkitti kan taasifame yoo ta'u, harki caalaan hirmannaa karaa interneetaan gaggeefame.

Hoggantoonni biyyootaas ergaa isaanii dursanii karaa vidiyoon waraabanii dabarsaniiru

Ta’us Pireezdaant Tiraamp hasaa irratti milkaa’ina argamsiise jedhan labsuufi morkattoota isaa himachuuf fayyadameera.

“Biyyi dhibee kana addunyaatti gadhiiste Chaayinaan akka itti gaafatamtuu gochuu qabna,” jedheera.

Dabalataanis “Gara jalqabaa weerara kanaatti yeroo Chaayinaan sochii biyya keessaa dhorkitee, balaliiwwan Chaayinaa keessaa ba’anii addunyaa akka faalaniif eyyamteetti. Ofii sochii biyyaa keessaa dhorkitee lammileen ishee manaa akka hin baane gootus dhorkaa imalaa ani biyyasheerra ka’e garuu balaaleeffatteetti,” jedhe.

Tiraamp ittisa koronaavaayirasii ilaalchisee hedduu kan qeeqamanidha. Ofii isaanii garuu tamsaasa vaayirasichaa dhaabuu dandeessi jechuun Chayiinaa himataa tureera.

Chaayinaan ammoo himannaa kayyoo irrraa nama kaachisudha jechuun deebisteetti.

Lakkoofsa namoota koronaavayirasiin du’anii 200,000 ol qabachuun US addunyaa irratti dursaa kan jirtu ta’us, Pirezdaant Tiraamp yeroo hedduu dhibee kana salphisanii haasa’u.

US fi Chaayinaa jidduu muddamni jiru dhimmoota akka daldalaa, teeknoolojii, dhimma Hoong Koong fi qabiinsa Muusliimoota Chaayinaa dabalatee waan hedduu of keessatti qabatee guddataa jira.

Haasaa Pireezdaantii US booda Pireezdaant Zyii “waldhabdeen qaroomaa” uumamuu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

“Adda addummaa keenyaa xiqqeessuffii waldhabdee furuu irraatti karaa mariifi haasaatiin hojjachuu itti fufna. Ofii keenya qofa guddisuu hin barbaadnu,” jedhaaniiru.

Maarii kana haasaan kan eegalsiisan Hogganaan Olaanaa UN Antoniyoo Guteeraas maaqaa Chaayinaas ta’e US osoo hin kaasiin “waraanni qabannaa haaraa akka hin umaamneef waan dandeenyu hunda goochuu qabna,” jechuun akeekkachiisaniiru.