Pirezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Keeniyaa pirezidantiin biyyattii paarlaamaa akka bittinsaniif gaafatan

Madda suuraa, AFP Contributor
Pirezidantiin Mana Murtii Waliigalaa Keeniyaa Deeviid Maaraagaa, baay'inni miseensota paarlaamaa biyyatti gadaanaa waan ta'eef paarlaamaan akka bittinaa'uu gaaffii dhiyyeessan.
Maaraagaan gaaffii kana kan dhiyeessan xalayaa pirezidaantii biyyatti Uhuruu Keeniyaattaatiif barreessaniin.
Xalayicha keessattis lakkoofsi miseensota dubartootaa gadaanaa ta'uun heera motummaa kan cabseefi loogii dubartoota irratti raawwatameedha jedhaniiru.
Heera Mootummaa Keeniyaa keessatti saalli tokko kan biraa irraa caalmaa 2/3tiin teessuuma paarlaamaa qabachuu hindanda'u jedha.
Haa ta'u malee, biyyattiin teessuma paarlaamaa qabdu 350 kessaa dubartoonnii 116 ykn isaan ol qabachuun osoo irra jiraatu amma lakkoofsi isaanii kanaan gadiidha.
Paarlaamaan ''wal qixxummaa saalaa heera mootummaatiin kaa'ame kabachiisuu dagateera. Irra deebiinis seera kana akka kabajaniif ajajni mana murtii itti dhiyaate ture'' jechuun xalayicha keessatti caqasaniiru Maaraagaan.
Dabaluunis pirezidantiin biyyatti paarlaamaa akka bittinsaniif gorsuuf dirqamni seera irra jiraachuulleen himan.
Dubbi himaan paarlaamaa Jastiin Muturii gama isaanitiin paarlaamaa diiguun filmaata qabatamaa miti jedhan.
Miseensonni paarlaamaa kaan dubartoonni hedduminaan filannoo irratti akka hirmaatan haa jajjabeeffaman yoo jedhan, kan hafan ammoo lakkii teessumni muraasni addatti dubartootaaf qofaa haa murtaa'u jechaa jiru.














