Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataa kubbaa miilaa Awustiraaliyaa miidhama qaaamaaf beenyaa birri mil 36 kaffalameef
Taphataan kubbaa miilaa duraanii Awustiraaliyaa Shuwaan Ismiiz bara 1980 fi 1990 keessa taphata beekamaa ture.
Garuu tapharratti miidhama sammuu cimaa isa mudateef insuraansiin dolaara Ameerikaa miliyoona tokkoo ykn birri miliyoona 36 caalu kaffalameef.
Mallaaqni hammasii isaaf kaffalamuun ispoortii biyyatti kessatti jalqabbii guddaadha jedhu warrii isaaf kaffalamuu deeggaran.
Dhaabbannii inshuraansii MLC jedhamu taphataa kubbaa miilaa duraani ganna 51 kun miidhama qaamaa hin fayyineef saxilamuusaa mirkaneesseera.
Obbo Ismiiz ‘’iyyanni koo fudhatama argachutti gammadeera’’ jedhee miidiyaa biyyattiitti himeera.
Kan malees, Liigiin kubbaa miilaa Awustiraaliyaa taphattoonni madaa’uu sammuuf wayita saaxilaman akkaataa isaan itti keessummeeffaman foyyeessuu qaba jedhee gaafate.
Atileetonni durii dubbachuu waan eegalaniif kanneen gosoota ispoortii akka ragbii fi kubbaa miilarratti miidhamani turan erga dhihoo as xiyyeeffannoo argataniiru.
Bara 2018 keessa qo’annoon taasifame, taphattoonni ragbii Awustiraaliyaa duraani 25 miidhama qaamaa yeroo dheeraaf turuun qabamuusaanii mirkaneesseera.
Bara 2016'tti liigiin kubbaa miilaa Ameerikaa taphattoota dorgommiirra soorama bahan kanneen sammuun madaa'uf saaxilamaniif akka gareetti doolaara biliyoona tokko kaffaleera.