Piriimer Liigii: Maadriid kan gadhiise Gaareez Beel Tootanhaam dhaqqabe

Maxxanfame

Gaareez Beel Riyaal Maadiriid gadhiisuun har'a Tootanhaamitti deebi'e. Taphataan ganna 31 kun ergisaan gara kilabasaa dargaggummaatti deebi'ee akka taphatuuf waliigalteerra ga'amaa jira.

Mareen kilaboota lameenii haala gaariin deemaa kan jiru yoo ta'u, kilaboonni kunneen waliigallaan bakki turtii isaa Landan ta'a jechaadha

"Beel taphataa Tootanhaam ta'eera jedhamee haga natti himamutti, taphataa Riyaal Maadriid akka ta'e nan kabaja,'' kan jedhan leenjisaa Isparsi, Joozee Mooriinhoodha.

"Nama Riyaal Maadriidiif taphatu ilaalchisee yaada hin kennu,'' jechuun dabalanii dubbatan leenjisaan kun.

Beel hanga waliigalteen xumuramutti kophaasaa leenji'aa akka ture barameera.

Bakka bu'aan Beel Joonaataan Baarneet, adeemsi waliigaltee suuta deemaa akka jiru BBC' Weelsitti dubbateera.

Beel waggoota torba darban caalaa Riyaal Maadriid irraa ba'uuf dhiyaatee jira, maree gubbaa jirra, akkamiin akka xumuramu walumaan ilaalla," jedheera Baarneet.

Yeroon Riyaal Maadriid turetti isa mallatteessisuuf yaalee naaf hin milkoofne ture, pirezidantiin kilabichaa yaada koo hordofuun wayitan achii ba'u bitaniin kan jedhan Moriinhoon, taphataa keenya hin taanerratti yaada kennuu hin fedhu jechuun didani.

Bara darbe kilaba Chaayinaa Jiyaangisuu Saniingi akka hin galleef dhorkamee ture. Taphataan kunis Maadriidiif bara sanatti taphoota 20 irratti hiriiree taphateera.