Yoshihidee Sugaa Ministira Muummee Jappaan ta'an

Maxxanfame

Paarlaamaan Jappaan erga Ministirri Muummee biyyattii Shinzoo Abee aangoo gadhiisanii, bakkasaanii Yoshihidee Sugaa filateera.

Ministira Dhimma Kaabinee biyyattii kan turan Yoshihidee Sugaa, jalqaba torbee kanaarratti dura taa’ummaa paartii biyya bulchaa jiruu argatan.

Qondaalli kun michuu dhiyoo Shinzoo Abee kan turan ta’uusaaniitiin imaammataafi tarsimoo duraan ture kan itti fufsiisan ta’u.

Shinzoo Abee rakkoo fayyaa akka sababaatti eeruun ture ji’a darbe kan aangoo gadi lakkisuu isaanii ibsan.

Yaa’ii kaabineesaanii isa dhumaa har’a gaggeessan irratti, waggoota saddeet aangoorra turan keessatti hojii hojjetaniin akka boonan himaniiru.

Teessoo paarlaamaa 462 keessaa 314 argachuun kan mo’atan Yoshihidee Sugaa, kakuu raawwatanii hojii eegaluuf qophiirra jiru.

Qormaata isaan eeggatu

Qondaalli siyaasaa gameessi yeroo dheeraaf miseensa kaabinee biyyattii turan kun yeroo hamtuu keessatti biyya diinagdeedhaan addunyaarraa sadaffaarra jirtu hoogganuuf filataman.

Akkuma biyya addunyaa kamiiyyuu diinagdeenshee sababa weerara koronaavaayirasiin kan miidhamaa jiru Jappaan, dabalataan ammoo uummanni ishee irra jireessi kan umriin jaare ta’uun rakkoo biraadha.

Tokko sadaffaan uummata biyyattii umriinsaanii waggaa 65 oli.

Akka nama hooggansa Shinzoo Abee keessa yeroo dheeraaf tureetti Yoshihidee Sugaa adeemsa bulchiinsaa jiru akkanumaan itti fufsiisu jedhamee abdatamus, garuu haalonni amma jiran qormaata guddaa itti ta’u.

Yoshihide Suga eenyu?

Maanguddoon umrii waggaa 71 Yoshihidee Sugaa maatii qonnaan bulaa kan siyaasa keessaa qooda hin qabne keessaa dhalatan.

Isaan garuu suutuma gara siyaasaa seenan.

Jalqaba barreessaa paartii biyya bulchaa jiru, LDP, ta’an.

Boodarra qaama mootummaa olaanaa biyyattii, Mana maree naannoo ‘Diet’ jedhamu keessatti miseensa ta’an.

Bara 2005 ammoo Ministira Kaabinee ta’uun ejjennoo siyaasa keessatti qaban daranuu cimsataa dhufan.

Hojiisaaniitiin daran beekamtii fi galateeffannaa argataniin bara bulchiinsa Shinzoo Abees itti fufan.

Haala kanaan amma Ministira Muummee biyyattii ta’anii jiru, garuu filannoon biyyaalessaa fuuldurasaanii jira.

Filannoo sanarratti paartii LDP keessaa waan dursa argatan hin fakkaatan jedhu namoonni siyaasa Jappaan taajjaban.