Koronaavaayiras: Addunyaarratti namoonni Covid-19n qabaman miliyoona 30 caale

Maxxanfame

Addnuyaaratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamusanii mirkanaa'e miliyoona 30 ol darbuu ragaan Yunvarsitii Joons Hopkins irraa argame ni mullisa.

Kana maleess namoonni 940,000 ol ta'an dhibeedhuma kanaan lubbuusaanii dhabaniiru.

Biyyoota addnyaarratti dhibee kanaan caalaa miidhaman keessa US , Indiyaafi Biraaziili tokko hanga sadaffaatti kan jiran yoo ta'u, biyyoota Awurooppaa keessatti ammoo yeroo ammaa deebi'ee ka'aa jira.

UK keessatti, mootummaan weerara marsaa lammaffaa ka'aa jiruu to'achuuf guutuu Inglaandiitti ta'rkaanfii dhorkaa yeroo gaabaabaa fudhachuu yaadaa jira.

Awurrooppaan alatti ammoo Israa'el Jimaata biyyattii guutuutti yeroo jalqabaatiif uggura labsite jirti.

Ardii Afriikaatti lakkoofsi weerarichaa dhugaan sirriitti beekamuu baatulleen namoonni vaayirasichaan qabaman miliyoona tokkoo ol galmaa'eera. Haalli qorannoo garuu gadaanaa ta'uuun isaa gabaafameera.

Biyyoota garmalee miidhaman keessatti maaltu ta'aa jira?

US keessatti namoonni miliyoona 6.6 vaayirasichaan qabamuun yoo mirkannaa'u, kanneen 197,000 kan ta'an du'uunsaanii barameera.

Lakkoofsi namoota haaraa qabamanii kan Adooleessa yeroo garmalee ol ka'eetiin wal bira yoo qabamu gadii bu'aa jira.

Jalqaba torban kanaattis, Pirezidaant Donaald Tiraamp miidhaa Covid-19 qaqabsiise gadiiqabuuf yaaluusaa haaleera.

Indiyaa keessattis namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e torban kana keessa miliyoona 5 caaluun addnuyaarratti biyya weerarichaan miidhamte lammaffaa taasise.

Haala facaatii vaayirasichaatiin kan Indiyaa baayyee saffisaadha ture. Guyyaan namoota kuma 90tu qabama. Namoonni kuma 80 olis sababii hirrina dhiyeessitii Oksijiniifi kunuunsa namoota garmalee dhukkubsataniitiin du'uun gabaafameera.

Biraazilis namoota vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee miliyoona 4.4 ol fi du'a 134,000 galmeesite jirti.

Baayyina du'aatiin UStti aantee biyya garmalee miidhamte lammaffaa taaateetti.

Pirezidaantiin biyyattii Jaa'ir Bolsonaaroo uggura kaa'ame mormuun koronaavaayirasii 'qufaa xiqqoo' jechuun tuffachuun qeeqamaa turan. Booda garuu baatii Adooleessaa keessa ofumaanuu vaayirasichaan qabamanii ture.

Arjantiinaafi Meeksiiskoonis biyyoota Amerikaa Kibbaa garmalee dhukkubichaan miidhaman keessatti argamu.

Argantinaanii namoota kuma 600 ol Meeksiikoon ammoo kuma 680 ol qabamu mirkaneesaniiru.

Haalli Awurooppaa keessaa maal fakkaataa?

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) lakkoofsi ardicha keessatti mullataa jiru ''akka bilbila damaqsituu'' ta'uu qaba torbanuma kana keessa ture.

Torbana lamaan darban kana keessatti tatamsa'inni dhukkubichaa biyyoota Awurooppaa keessatti dachaan dabalu kan dubbatan Haans Kluge Kamiisa darbe ture.

Torban darbe qofaatti biyyoota Awurooppaatti namoonni kuma 300 ol haaraa qabamuuti himame. Kunis erga Bitooteessaati as isa olaanaadha.

Akka WHOtti, biyyoota Awuurooppaatti namoonni miliyoona shanii ol qabamanii kumni 228 ol du'aniiru.

Haala kana dhaabuufis biyyoonnifi kubbaniyoon qoricha argachuuf qabeenyaa dhangalaasaa jiru.

Pirezidaant Tiraamp qorichi baatii Mudde dura akka dhiyaatu dhiheenya kana dubbatanii jiru. Oggeessoonni fayyaa hedduun garuu kun dhugaa hin ta'u jechuun akeekkachisaniiru.

Raashiyaan gamasheetiin Hayaggaa keessa ture yeroo jalqabaatiif fayyadama biyya keessaatiif ka mirkaneessite. Boodas saayintisitoonni biyyattii yaaliin jalqabaa qorichichaa bu'aa gaarii argamsiisuu beeksiisan.

Qoratoonni garuu yaalii taasifame bu'aa qabeessa jechuuf baayyee gadaanaadha jedhan.

Hanga ammaatti aduunyaarratti qoricha yaaliin kilinikaasaa xumurame hin jiru.

Dorgommiin biyyoonni dureeyyii qorichicha argachuuf taasisaa jiranis yaaddoo umaa jira.

Yeroo ammaa qorichoonni 150 ol ta'an walaansa Covid-19f qoratamaa jiru.

Kanneen qoratamaa jiran keessaa 'steroids' qofaatu lubbu akka olchu mirkanaa'ee.

UKn 'steroid dexamethasone' dhukkubsattoota haala cimaa keessatti argamaniif balaa du'aatii akka hirrisuu mirkanneessite jirti.

Odeeffannoon biraas 'hydrocortisone' akkasuma bu'aa qabeessa ta'u hima.