Miseensi poolisii Federaalaa nama afur ajjeese to'annoo jala oole

Miseensi poolisii Federaalaa nama afur ajjeese to'annoo jala oole

Madda suuraa, Komiishinii Poolisii Finfinnee

Maxxanfame

Magaalaa Finfinnee keessatti miseensi poolisii Federaalaa nama afur rasaasa itti dhukaasee ajjeesuun shakkame to'annoo jala oolu Komiishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Miseensi poolisii federaalaa gargaaraa saajin Malhiquu Makkii jedhamu Jimaata Fulbaana 1, 2013 A.L.I magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa iddoo Carcar Giyoorgis jedhamutti yakka kana raawwachuu poolisiin magaalattii gabaaseera.

Shakkamaan kun battalatti to'annoo jala oole jedha poolisiin.

Gabaasa Komiishiniin Poolisii Finfinnee fuula 'Facebook' isaarratti baase irratti suuraan poolisii yakkicha raawwachuun shakkamee fi qawween inni itti dhimma bahe maxxanfameera.

Ka'uumsi yakka kanaa wal-dhabdee haadha warraa isaa waliin uumame akka ta'e dubbi himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii waabeffachuun Komiishiniin Poolisii Finfinnee gabaaseera.

Miseensi poolisii kun haadha warraa isaa waliin ganna lamaaf waliin jiraachuu fi torbee lama dura wal dhabdee uumameen isheen gara maatii ishee deemuu Obbo Jeeylaan himaniiru.

Poolisichi qawwee Kilaashinkoov hojiif hidhate qabachuun gara qe'ee maatii haadha warraa isaa erga deemee booda, maatii haadha warraa isaa keessaa haadha, abbaa buddeenaa, abbaa warraa obboleettii fi hojjettuu manaatti dhukaasee ajjeese.

Poolisiin ragaa barbaachisaa walitti qabatee dhimmicha qorachuu akka eegalee fi battala qorannoon xumurameen himati irratti banama jedhe.

Komiishiniin Poolisii federaalaa gochi miseensi poolisichaa raawwate komiishinicha kan ibsu miti jechuun balaaleffatee jira.