Jijjiiraan taphattootaa akkuma itti fufeen taphni Piriimer Liigii har'a jalqabe

Manaajeroota Kilaboota Piriimer Liigii

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Piriimer Liigii Ingiliiz hawwiidhaan eegamaa ture har'a tapha Arsenaaliifi Fuulham sa'aatii 8:30 irratti taasisaniin jalqaba.

Taphawwan afur har'a gaggeeffaman keessaa shaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul kilaba bara kana Piriimer Liigiitti make Liidsi Yunaayitid waliin taphatu isa tokkodha.

Maanchester Siitii, Maanchester Yunaayitid, Chelsiifi Woolviis erga taphni Piriimer Liigii bara darbee xumurameen booda taphawwan Awurooppaa keessatti hirmaachaa waan turaniif tapha isaanii torban dhufu jalqabuuf ta'u.

Dorgommii Piriimer Liigii bara kanaa irratti Fuulhaam, Liidis Yunaayitidiifi West Biroom Albiin hirmaattota haaraa itti makamanidha.

Deggertoonni yoom dirreetti deeiyuu?

Dorgommiin bara kanaa karra istaadiyeemii cufachuun kan jalqabamu yoo ta'u haalli tatamsa'ina koronaavaayirasii ilaalamee daawwattoonni suuta suutaan istaadiyeemii seenaa akka jalqaban ni abdatama.

Tarii taphni Piriimer Liigiin Ingliiz istaadiyeemii cufaa keessatti kan gaggeeffamu hanga Onkoloolessa dhufu qofaattu qofa ta'uu danda'a.

Tapha Arsenaal Sheefiild waliin istaadiyeemii Emireetis keessatti taasisuuf jiru irratti namoonni lakkoofsaan muraasa ta'an istaadiyeemii akka galanii daawwataniif qophiin duraa taasifamaa jira.

Jijjiirraa taphattootaa

Jijjiirraa taphattootaa bara kanaatiin kilaboota Piriimer Liigii keessaa kan akka Chelsii taphattoota ciccimoo sassaabbate hin jiru.

Firaank Laampaard hanga ammaatti taphattoota ja'a kan mallatteessifate yoo ta'u taphattoota biroo gara Istaanfoord Biriij fiduudhaaf ammallee yaalaatuma jira.

Kilabiin Piriimer Liigii jijjiirraa taphattoota keessatti ciminaan hirmaataa jiru biroon Evertenidha. Kilabiin Kaarloo Anchelootiittin leenji'aa jiru kun Abdulaayee Dukuree Waatfoordirraa, Hames Roodiriiges Riyaal Maadiriid irraa akkasumas Alaaniin ammoo Naapooliirraa fudhateera.

Arsenaa; hanga ammaatti Gabri'eel Magaliyaas Liilii irraa Wiliyaan ammoo Chelsiirraa mallatteessifateera.

Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa sarara gidduu Ayaaks Vaan de Biiki mallatteessifateera.

Mohaamad Saalah fi Jordaan Handersan

Madda suuraa, BBC Sport

Eenyutu mo'ataa?

Piriimer Liigii Ingilizii baranaa kana ekilaba isa kamtu mo'ate kan jedhu namoota waan bakka lamatti hire fakkaata. Gareen tokko shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Liiverpuulitu injifata yoo jiran, gareen biraan ammoo Maanchester Siitiitti kan dhiyaatu hin jiru jedhu.

Maanchester Yunaayitidiifi Chesliin ammoo garee isaanii cimsanii ijarrachaa waan jiraniif tilmaamni sadarkaa 1-4 keessa galuu kennameeraaf. Shaampiyoonaa ta'u kan jedhu garuu ifatti hin tilmaamane.

Arsenaal, Tootenhaam, Leester Siitiifi Everten ammoo sadarkaa shanaffaa gadi jiru akka qabatan tilmaamni kennameera.