Koronaavaayiras: Hanqina qorannoo Covid-19 mootummaan Inglaand dhiifama gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Hoggantuun sagantaa qorannoofi hordoffii mootuummaa Inglaand qorannoo koronaavayirasii waajjin wal qabate rakkoo jiruuf dhiifama gaafatteetti.
Ergaa Tiwiitara gubbaatti barreessiteen Saraa-Jeen Maarsh rakkoon kan jiru wiirtuulee qorannoo keessa osoo hin taane laabratooriilee keessadha jettetti.
Kun kan ta’e eerga saayintistoonni lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jiraachuu isaa akeekkachisanii booda.
Ministeerri fayyaa Maat Hankook “kontiraatota muusaratti rakkoon uumameera,” kana furuuf ammoo torban gabaaba qofa fudhata jedha.
Ta’us garuu namootni qorannoo argachuuf km 120 ol akka hin imalleef “malli qophaa’eeru,” jira jedheera.
Namootni mallattoo dhukubichaa qaban tokko tokko guyyooti darban keessatti qorannoo argachuu akka hin dandeenye komii kaasaniiru.
“Wiirtuuleen qorannoo keenyaa hundi dandeetti namoota hedduu qorachuu qabu.” Kan jettuu Aadde Maarsh rakkoon kan uumame hanqina dandeetti hojii laabratooriitinii jetti.
Maanchistar irraa kan taate Kaarliin da’imashee ganna torba qufaa fi ho’iinsa qaamaa qabu akka qoratamuuf bellama qabachuu yaaltuus “gaddaafi aariin” akka deebite himti.
“Bilbila si’a 30 ykn 40 ergan yaalee boodan argadheeni yeroon argadhuun ammoo bellamni hin jiru naan jedhani.”
“Yeroo tokko bakkii hundi guuteera naan jedhani,” jetti
Boodarra garuu wiirtuu qorannoootti buufata xiyyaaraa Maanchestar jirutti bakka argachuu himuun “namni tokkollee achi hin jiru,” jettetti.
Namootni biro filannoon biraa manatti ofii qorachuu tures argachuu hin dandeenye.
Mootummaan bakkeen vaayirasichaan miidhaman irratti xiyyeeffachuuf jecha kutaalee biyyatti tokko tokko keessatti qorannoo hir’isuu isaa BBC’n bira ga’eera.
Kana booda Haankook Fulbaana 4 irraa eegale namni kamuu qorannoof km120 ol imaluu hin qabu jechuun waada seene ture.
“Rakkooleen biro uumamiiru,” jechuun BBCtti himeera,
Hanqinni kun kan uumame tarii Iskootlaand keessatti manni barnoota waan banamaniif barbachiisummaan qorannoo waan dabaleef ta’uu mala kan jedhan jiru.














