Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awwaala jumlaa: Waraanni Niijar snamoota nagaa 70 ajjeesuun himatame
Komishinii mirgoota namoomaa Niijar waraanni biyyattii wayita tarkaanfii haleellaa jahaadasitii naannicha keessatti gageeffameetti namoota nagaa(siiviloota) hedduu ajjeesuu isaa himateera.
Awwaala jaha keessatti reeffi namoota 70, Kaaba-lixa biyyattii bakka Tilaabeerii jedhamu bakka hokkarri jahaadistiin miidhamutti argamuu isaa dubbataniiru.
Ajjeechaan kunis jalqaba bara kanaarratti akka raawwatametu himama.
Qorattoota keessaa tokko akka jedhettis namoonni kunneen qawwee fi meeshaa waraanaa xixiqaan ajjeefaman.
Gareewwan mirga namoomaa Idil-addunaas waraana Niijar, Maalii fi Burkina Faasoo wayita duula jahaadistootaafi gareewwan hidhatan kan biraa irratti naannawa Saahel keessatti gaggeessanitti ajjeechaa siviloota hedduu raawwachuun himatu.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaaleessaa Niijar naannoo jedhame kanan keessatti baatii Bitooteessaa hanga Ebla jidduutti erga waraanni tarkaanfii fudhateen booda namoonnii 120 bakka buteensaanii dhabamuu qarannoon bira gahu beeksiiseera.
''Dhugumatti ajjeechaan siviloota hidhannoo hinqabnee raawwatameera, qorannoo taasifeeneenis yoo xinnaate reefa namoota 71 boollawwan awwaalchaa jaha keessatti agaree jirra'' jedhan Abdowulaye Seydowu, pirezidaantiin Neetworkii Paan Afrikaa Nageenya, Dimokraasiifi Misoomaa kan qorannicha keessatti qooda fudhatee.
Itti dabaluunis ''Ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaan kan Humnoota Raayyaa Ittisaafi Nageenyaa (FDS)tti'' jedhan.
Mr Seydowu garuu ajjeechaa kana keessaa qondaaltoonni waraanaa olaanoon itti gaafatamoodha jechuun rakkisaa miti jedhan.
Himannaa kanaafis aanga'oota Niijar irraa hanga ammaatti deebii kenname hinjjiru.