Ministeerri Haajaa Alaa Keeniyaa Yaasiin Jumaa Itoophiyaa turuu akka fedhu beeksise

Yaasiin Jumaa

Madda suuraa, ForeignAffairsKenya

Maxxanfame

Gaazexessaan lammii Keeniyaa Yaasiin Juumaa Itoophiyaatti hidhaa turee torban tokko dura gadhiifame, hiriyoota isaa waliin achuma turuuf fedha qabaachuu isaa Ministeerri Haajaa Alaa Keeniyaa ibse.

Ajjeefamuu falmaa mirgaa artist Haacaaluu Hundeessaa fi to'annoo jala oolfamuu nama siyaasaa Jawaar Mohaammad hordofee ture, Yaasiin qaamolee nageenyaa mootummaan mana Jawaarii kan qabame.

Mana hidhaa Itoophiyaa keessatti guyyoota 48'f kan ture Yaasiin, Covid-19'n qabamee ture.

Dhiibbaa Ministeerri Haajaa Alaa Keeniyaa lammiin isaa kun akka gadhiifamu gochaa tureen torbee tokko dura hidhaa bahus, sana dura Manni Murtii mirgi wabii isaa eegamee akka gadhiifamu si'a lama murteessee ture.

Haata'u malee Abbaan Alangaa si'a tokko ol iyyannoo itti gaafate, si'a biraa ammoo oolisiin akka hin baane isa ittisee ture.

Torbee tokko dura ammoo Abbaan Alangaa Yaasiin ''dogongoraan kan hidhame ta'uu'' himuun akka gadhiifamu ajajeera.

Yaasiin erga mana hidhaatii bahee bakka waldhaansa Covid-19 mootummaan qopheessee Gidduu gala Fayyaa Waradaa 7 ture.

Ministeerri Hajaa Alaa Keeniyaa ibsa Roobii darbe baaseen Yaasiin Covid-19 irraa bilisa akka ta'eefi biyyatti deebi'uufis kan hayyamuuf ta'uu ibseera.

Haata'u malee Yaasiin Itoophiyaa turuuf fedha qabaachuu ibsuu Waajirichi ibseera.

Yaasiin erga mana hidhaatii bahee xalayaa barreesseen, hawaasa Oromoo biyya alaa jiruun deeggarsa naa gootaniif galatoomaa jedheera. Garee abookaatoowwan isaas maqaa dhahee galateeffateera.