Koroonaavaayiras: Dargaggoonni dhorkii Covid-19’f kaa’ame cabsuun ragadaa turan 13 du’an

Police investigator stands on the site where 13 people were killed in a crush at a nightclub doorway on 22 August 2020

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dhimmichi akkasi, poolisiin dargaggoota mana dhiichisaa tokko keessa guyyaa dhalootaa kabajuuf walitti qabaman argee marse.

Poolisiin akka isaan marse kan baran dargaggoonni kunneenis daandii xiqqoo manicha bira jirtuun miliquuf osoo wal-dhiibanii ture gammachuuf kan dhufan, dargaggoonni 13 dhidhiitamuun kan lubbuu akka laayyootti dhaban.

Poolisiin manichatti kan duule eeruu argate irraa ka’uun ture.

Mootummaan Peruu sababa koroonaavaayirasiin namoonni wal-ga’anii akka hin dhichifne arga dhorkee bubbuleera.

Mudannoon gaddisiisaan kun kan mudate kilaba halkanii Toomaas Reestoobaar jedhamu kan naannoo Liimaa Loos jedhamutti argamu keessattidha.

Ragaaleen ijaa poolisiin aara imimmaanessu fayyadamuu yoo himan, poolisiin ani waan akkasii hin goone jechuun haaleera.

Dargaggoota achi turan keessaa 15 irratti qorannoon taasifamee vaayirasicha akka qaban mirkanaa’eera.

People grieve outside the nightclub in Lima where 13 people were killed in a crush on 22 August 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namootni ala kilabichaatti gaddasaanii ibsachaa turan

Peruun biyyoota Laatiin Ameerikaa vaayirasichaan daran miidhaman keessaa tokko dha. Namoonni 27,000 lubbuu yoo dhaban miiliyoona 500 kan ta’an ammoo dhibee kanaan qabamaniiru.

Kanarraa ka’uun ture Eebla darberraa kaasee labsiin sa’aa darbaa kan labsame.

Ministirri haajaalaa biyya keessaa akka ibsanitti namoonni 120 ta’an sagantaa Sanbata darbeerratti hirmatanii turani.

Dargaggoota lubbuun darbe keessaa lama dubartoota yoo ta’an, abbaafi haati manichaa yeroof to’annoo jala oolaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa