Misirroon lameen haleellaa IS cidhasaaniirratti qaqqabsiiseef itti-gaafataman

Maxxanfame

Guyyaan kun silaa jireenyasaanii keessatti guyyaa gammachuu hunda caalu ta’uu qaba ture. Garuu guyyaa gaddaa isa hamaa ta’ee darbe.

Mirwais fi Rehanan waggaa darbe wayita cidhasaanii magaalaa Kaabul keessatti gaggeeffachaa jiranitti ture gareen IS cidhicharratti boombii dhoosuun namoota 90 ol kan galaafate.

Misirroon kunneen maatii, firaa fi hiriyoota qabna jedhanii abdatan kan yeroo gammachuusaaniitti argamaniif battalatti dhaban, sababa kanaan miidhaan sammuu isaaniirra ga’e miidhaa hunda caala.

Taateen sun erga mudatee torbee kana keessa waggaa tokko guuta, ergasii Rehanan, shamarreen umrii ganna 18, yeroo jalqabaaf waan isaan mudate as baatee hawaasatti dubbatte.

Taatee guyyaa sanaa yeroo yaadattu,’’yeroo hunda nan wareera, nan boo’a, hirriba hin rafu’’ jechuun BBCtti dubbatte.

Hawaasa walitti qabame yoo argitu ni shororkoofti, geejjiba keessattifaa.

‘’Adaduman sagalee dhukaasaa dhagahuun guyyaa sanan yaadadha. Akka waan ammas waa na mudateetti yaada.’’

Namoonni taatee guyyaa sanaan namni jalaa du’e galma cidhi itti qophaa’e bakka haleellaan itti raawwate sana fuulduratti hiriira ba’uun guyyicha yaadachuu barbaadu.

Mirwais garuu akka hin argamne dubbate, wayituma waa’ee dhohiinsa sanaa yaadatu harkisaa hollachuu eegale.

‘’Sirna cidhaa dura akkaan gammachuutti turre. Battaluma balaan eessaa dhufeensaa hin beekmane nu shorokeesse. Akka waan samiirraa lafatti kufneetti nutti dhagahame. Gammachuun keenya hundi nurraa godaane.’’

Misirroowwan kunneen garee Shi’aati, garee kanaan kan morku IS kanaaf irratti qiyyaafatee haleellaa raawwate.

Gareen IS yeroo dhiyoo as maandhee warra Shi’aa soqee hadhuu fi barbadeessuu itti fufee jira.

Wayita maatiin miidhamtootaa balaa mudatee fi dhiiga jigeef misirroowwan kunneen itti gaafatamtoota godhan ammoo daranuu miidhaa sammuu hamaa keecha seenan.

‘’Guyyaa tokko osoon waa bitachaa jiruu dubartii guyyaa sana fira dhabde tokko arge, isheenis situ ajjeese naan jettee natti dhaadatte’’ jedha Mirwais.

Namoonni firootasaanii guyyaa sana dhaban hedduun misirroowwan kunneen akka diinaatti ilaalaa jiru, sababa kanaan mana uffata hodhaa qabu cufuuf akka dirqame hima Mirwais.

Rehanallee akkasuma itti dhaadatu, daafoo jarittii kanaan shorokoofne, osoo jarri wal-fuuchuu baatanii silaa haleellaan sun hin raawwatu ture ittiin jedhu.

‘’waan guyyaa sana ta’eef hunduu na komata. An garuu jalaa callisuu malee deebii hin qabu’’ jetti Rehanan.

IS Kaabul keessatti gamaa gamasii wayita haleellaa raawwatu Rehana fi Mirwais gara ofiitti deebi’uun mudannoosaanii yaadatanii samuudhaa dhukkubu.

Rehanan yeroo ammaa tajaajila gorsa xiinsammuutiin jiraatti, Daabbati ‘Peace of Mind Avgaanistaan’ jedhamu kan magaalaa Kaabul keessatti argamu tajaajila kana kennaaf.

Rehanan akka jettutti tajaajilli gorsa xiinsammuu argachaa jirtu, xaxaawwan guyyaa haleellaa sanarraa ka’anii jiran adda baafachuu fi isa booda waan jedhamaa jiru sirriitti hubachuuf ishee gargaareera.

‘’Anaaf yoo xiqqaate rakkoo kiyya dubbachuun waan guddaadha’’

Abbaan warraashee Mirwais gamasaatiin ogeeyyii xiinsammuutti rakkoo ofii himachuun mataansaa akkaan akka nama gargaaru dubbata.

‘’Avgaanistaan namoota gorsa xiinsammuurratti hojjetan hedduu barbaaddi. Lammiileen Avgaanistaan kan hin miidhamne yookiin ammoo firri jalaa hin duune hin jiru’’ jedhe.