Telekoomiin guddichi Afrikaa MTN Taalibaaniifi al-Qaa'idaatiif matta'aa kennuun himatame

Maxxanfame

Afrikaatti kubbaaniyaan bilbila mobaayilaa guddichi MTN garee shororkeessitoota jedhaman akka warra Taalibaaniifi al-Qaa'idaatiif matta'aa kenneera jechuun Mana Murtii Federaalaatiin himannaan irratti banameera.

Kubbaaniyaan kun garee shororkeessitootaatiif maallaqa kan kenne utubaawwan neetiwoorkii qabeenya guddaa irratti invasti godhe akka miidhaan irra hin geenyeef akka eeganiif jedheeti jedhameera.

Himannaa dhiyaate kana keessaa kubaaniyoonni Ameerikaa keessatti argaman shan kan jiran yoo ta'u himannichis kan dhiyaate maqaa lammii Ameerikaa Afgaanistaan keessatti ajjeefame tokkoonidha.

Himannaa dhiyaate keessatti akka jedhametti gareen shororkeessitootaa kunneen lamaan maallaqa MTN irraa argatan bara 2009 hanga 2017tti duula haleellaa Afgaanistaan keessatti gaggeessaniif itti fayyadamaniiru.

Gochi kun ammoo seera farra shororkeessummaa Ameerikaa kan faallessudha; kana waan ta'eef MTN seera kana cabseera jedhameera.

Kubbaaniyaan kun garuu bakka kamittiyyu yeroo hojii isaa hojjetu haala itti gaafatamummaa qabuun akka ta'e ibseera.

MTN Afirkaatti guddicha kan ta'eefi addunyaa irratti ammoo kubbaaniyoota gurguddoo sadet keessaa tokkodha.

Kubbaaniyaan kun maamiltoota miiliyoona 240 ol qaba jedhamee amanama.

Bara 2015 keessa SIM kaardii hin galmaa'iin jiran haquu dhiisuu isaatiirraan kan ka'e aanga'oota Naayijeeriyaatiin himannaa irratti banameen Doolaara Biliyoona 5 akka kaffaluuf itti murtaa'ee ture.

Falmii yeroo dheeraan boodas pirezidaantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa gidduu seenuun adabbiin kun gara doolaara biiliyoona 1.7tti akka gadi hir'atuuf taasifameeraaf.

Waggaa darbellee Iraanitti ambaasaaddarri duraanii Afrikaa Kibbaa MTN akka Iraan keeessaatii hojjetuuf pirojektii Doolaara biiliyoona 31.6 akka mo'atuuf matta'aa fudhateera jechuun hidhamuun isaanii ni yaadatama.