Bu'aan sagalee filannoo barfachuu mala jedhe Tajaajilli Poostaa US

Nama konkolaataa poostaa keessa taa'ee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tajaajilli Poostaa US (USPS), filannoo Sadaasa 3 taasifamuuf sagaleen miiliyoonaan lakkaa’aman barfachuun osoo hin lakkaa’amin hafuu malu jedhe.

Hojimaata ergaa tajaajila dhaabbata kanaatiin istaandaardiin akka ‘‘ergaan tokko tokko turu taasisuu malan waan jiraniif nayaaddessa’’ jedha dhaabbatichi.

Deeggaraa Tiraampi cimaadha kan jedhaman dursaan USPS turuu ergaawwaniif sababadha jechuun qeeqxonni himatu.

Sababa weerara kanaatiif jecha namoonni lakkoofsaan hedduun karaa poostaatiin sagalee kennu jedhamee eegama.

Filannoo akkasii kana kan mormaa jiran Tiraampi, Kamisa darbe deeggarsa maallaqaa dabalataa dhaabbata kanaaf taasifamu nan dhaaba jedhanii turan.

Sagaleen akka hatamuufi morkataa isaanii Joo Baayidaniif carraa injifachuu mijeessuu mala jechuunis irra deddeebiin dubbataniiru. Akka ogeessotaatti garuu, raayyaa waraanaa fi Tiraampi mataasaaniitiin faayidaarra kan oolu sagalee poostaan kennuun hannarraa bilisadha jedhu.

Obaamaan yaada Tiwiitara gubbaa baasaniin, ‘‘filannoo keenya xiqqeessuuf yaalaa jira’’ jechuun Tiraampiin yoo qeeqan, ‘‘bulchiinsi isaanii vaayirasicha mannaa sagalee hacuucuu irratti xiyyeeffate’’ jedhani.

Gama biraatiin, Dimokraatota keessaa miseensonni ciccimoo koongiresii lama Naansii Peeloosii fi Chak Shuumar, pirezidantichi ‘‘qoccolloo’’ tajaajila poostaa waliin dhiisanii filannoon 2020 ‘‘maloota buttaa isaaniirraa bilisa ta’uun akka geggeeffamuuf hayyamuu qabu’’ jechuun waamicha dhiyeessani, pirezidantichaaf.

USPS maal jedhe?

Idaan doolaara biiliyoona 160 ta’u kan irra jiru USPS, Adoolessa keessa xalayaa kutaalee bulchiinsotaa US’tti ergee ture. Sagaleen filannoo guyyaa karoorfatameen lakkaa’amuuf qaqqabuu dhiisuu akka danda’u kan akeekkachiisu. Akka oduu NBC’tti, yoo xiqqaate naannoleen 15 xalayaa kana argataniiru.

Xalayaan naannoo Pensilveeniyaaf barraa’e akka jedhutti, ‘‘hojimaata wal-xaxaa’’ naannichi ergaa poostaa irratti qaburraa kan ka’e, akka gaafatametti torbee tokko dura irraa kaasee sagaleen kennamu dafee ga’uu dhiisuu mala.

"Hojimaatni Peensilveeniyaafi dhaabbatichi yeroo ergaan poostaa itti ga’u adda ta’uunsaa waltti bu’iinsa fiduun, sagaleen haala yaadameen yeroo yaadametti akka hin geenyeef sababa ta’uu mala’’ jedhani Kaawunsiliin Jeneraalaa USPS Toomaas Maarshaal.