Koronaavaayiras: Dirree Dhawaatti ogeessonni fayyaa Covid-19n qabamuun yaaddoo uumeera

Maxxanfame

Dirree Dhawaatti ogeessonni fayyaafi hojjetoonni dhaabbilee fayyaa keessatti deeggarsa kennan 21 koronaavaayirasiin qabamuusaanii qindeessituun Dubbi Himtuu Biiroo Fayyaa magaalichaa Sintaayyoo Dabasaa BBC’tti himan.

Akka qondaalli Biiroo Fayyaa kun jettutti ogeessonni fayyaa kunneen bakka hojii isaaniitti kan vaayirasichaaf saaxilaman.

Bulchiinsi magaalattiis, ogeessonni fayyaa vaayirasichaan qabamuun isaanii hojii dhibee kana ittisuu dadhabsiisa mala sodaa jedhu qabaachuu dubbatti Aadde Sintaayoon.

Blchiinsichi wantoota koronaavaayirasii ittiin ofirra ittisuuf gargaaran gahumsaan ogeessota kanaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsuun, "hanga ammaatti hir'ina hin qabnu,' jetti.

Qindeessituun kun tutuqqiiwwan dhaabbileen fayyaa keessa jiran ogeessota kunneen akka koronaavaayirasiif saaxilaman taasiseera jetti.

Marii ogeessota kunneen waliin taasifameenis sa’aatii akkamii vaayirasichaaf akka saaxilaman adda baasuuf akka rakkatan himti.

Haalonni jiran garuu akka agarsiisanitti ogeessonni fayyaa fi hojjettoonni deeggarsaa kunneen "yeroo wal’aansa fayyaa kennanitti carraan saaxilamuu ni jiraata," jette.

Kanarraa ka'uunis tarkaanfiiwwan of eeggannoof ogeessonni fudhataa jiran keessa deebiyamee ilaalamuu akka qabaatu BBC’tti himtee jirti.

"Ogeessonni fayyaa vaayirasichaan qabamaa dhufuun isaanii vaayirasicha ittisuudhaaf carraaqqii taasisaa jirru nu jalaa dadhabsiisu," jechuun yaaddoo bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa qabu ibsiteettis.

Ogeessota fayyaa koronaavaayirasiin qabaman keessatti narsonniifi doktaroonni kutaa dhibee tasaa fi namoota haalaan dhukkubsatanii keessa hojjetanii ni argamu.

"Ogeessonni kutaa kana keessa hojjetan sababa amala hojii isaaniirraa kan ka'een carraan dhibee kanaaf saaxalamuu isaanii bal'aadha."

Dirree Dhawatti hanga ammaatti namoota 8,000 koronaavaayirasii qorataman keessaa kanneen 500 ol ta'an irratti argamee, namoonni 20 ammoo sababa dhibee kanaatiin lubbuun isaanii darbeera.

Magaalaa Dirree Dhawaatti namoonni 400 ol ta'an ammoo koronaavaayirasiirraa kan bayyanatan ta'uu Aadde Sintaayyoon BBC’f ibsaniiru.

Oduu walfakkaatuun, Yuunivarsiitii Aksum mana barnoota fayyaatti ogessii to'annoo dhibeewwaan daddarboo beekaman Dr Fissahaa Alamsaggad Covid-19'n lubbuun darbe.

Gargaaraan piroofeesaraa Fissahaa Alamsaggad ogummaasaaniitiin weerara koronaavaayirasii to'achuurratti hojjataa osoo jiranii vaayirasichaan qabamuun wal'aanamaa turanii A.L.I Hagayya 1, bara 2012’tti lubbuu dhaban.

Fulbaana darbe osoo Yuunivarsiitii Aksumitti hin geeddaramiin Yuunivarsiitii Jimmaa Institiyuutii Saayiinsii Fayyaa Hawaasaatti barsiisaa fi qorataa ta'aniii waggoota 17’f hojjataniiru.