Balaa Xiyyaaraa: Indiyaatti xiyyaarri Boeing 737 kufee lamatti cabe namoota 18 du’an

Ibsa waa'ee viidiyoo, Xiyyaara 'Air India' kufee qixa lamatti cabe
Maxxanfame

Xiyyaarrii Daandii Xiyyaaraa 'Air India Express' jedhamuu namoota 190 fe'ee ture Kibba biyyattii kutaa biyyaa Keraalaatti erga kufe booda yoo xiqqaate namootni 18 lubbuun darbu, anga’oonni himaniiru.

Xiyyarri Boeing 737 gara Dubaay imalaa ture buufata xiyyaraa Kalikaatitti kufee bakka lamatti cabuu isaa anga’oonni daandii qilleensichaa himan.

Balaliin kun lammilee Indiyaa sababa koronaavayirasiin biyyaa biraatti ugguraman gara biyyaatti deebisaa ture.

Ministirri Muummee Indiyaa Nareendiraa Moodii “balaa xiyyaaraa kanaan gadduu” isaa ibseera.

Bakka balaan kun itti qunnametti hojiin lubbuu baraaruu xumuramee namootni miidhaman gara hospitaalota Kalikaatii fi Malapuraam jiran geeffamuu Ministeerri olaanaa Keraala, Pinarayii Vijayan himaniiru.

Namooti hedduun kan miidhaman yoo ta'u, 156 irra miidhaan cimaa ga’era jedhan qondaalli olaanaa poolisi.

Akka daandiin xiyyaaraa ‘Air India Express’ jedhutti namoota lubbuun darbee keessaa balaliistoonni lamaan ni argamu.

Balaliin IX 1134, daa’immaan kudhan dabalatee imaltoota 184 fi hojjatoota xiyyaara jaha qabatee ture.

Xiyyaarri kun kan kufe akka sa'aatii biyattiitti Jimaata galgala 1:40 irratti yemmuu yeroo lammataaf Buufata Xiyyaaraa Kalikat qubachuuf yaalettidha.

Yaalii jalqabaa irratti balaliistonni bu’uu kan dhisaniif sababa roobni cimaa tureefi.

balaa xiyyaaraa Indiyaa Keraalaa

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, balaa xiyyaaraa Indiyaa Keraalaa

Ministeerri daandii qilleensaa Hardeep Siing Purii akka jedhutti sababa roobaan xiyyarrichii bakka buufaturra darbee deeme gara meetira 10 erga furguggifame booda bakka lamatti cabeera.

Wajjirri Qorannoo Balaa Xiyyaaraa Indiyaa balaa kanaratti qoranno akka gaggeessus himeera.

Lubbuun namoota hedduus kan baraaramuu danda’e sababa xiyyaarichi ibidda hin qabanneef ta’uu Puriin DD News’tti himaniiru.

Yeroo xiyyarri kun bu’uuf deemutti Keralaa keessa roobaa cimaatu ture, kunis waqxii roobaa waan ta’eefi.

Jimaata gara ganamaarra roobni cimaan ture Keraalaa, bulchiinsa Idukkiitti sigiga lafaa waan uumeef namootni hedduu du’aniiru jedhame yaadama.