Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booyiing 737 Max deebiyee balali'uutti dhiyaachaa jira
Balaa xiyaaraa lubbuu namoota hedduu galaafateef sababa kan ta'e Booyiing 737 Max jijjiiramoota hedduu akka taasisuuf Ameerikaatti qaamni dhimma kana to'atu tarreesseef ture.
Bulchaan Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) osoo xiyyaaroonni kunneen deebii'anii balalii'uu hin eegaliin dura tarkaanfiiwwan fudhatamuu qabaatan jedhe gad-fageenyaan ibseera.
Max 737 baatii Bitooteessa bara 2019 irraa qabee ture balaa xiyyaarota lama mudateen badiinsa lubbuu namoota 346 sababa ta'een booda hojiin ala kan taasifaman.
Dhaabbanni Boyiing garuu xiyaaronni Max 737 jalqaba bara 2021 irraa qabee jijjiramni erga taasifameefiin booda gara qilleensaatti akka deebii'an abdata.
Jijjiramniwwan akka taasifaman yaadi itti dhiyaatees softiweerii to'annoo balaliinsaa fooyyeessuu, adeemsawwan hojjattoota xiyyaaraa xinxaluufi keessoowwan isaa deebiisanii ilaaluu kan hammatudha.
Gabaasa walfakkaataa Wiixata maxaneen, FAAn yaadiiwwaan Boyiing mataa isaatiin kennaman rakkoolee kana dura balaa badiinsa lubbuu namootaatiif madda ta'e hiikuuf gahaadha jedheera.
Tokkichi yaadichi ifa taanaan, Booyiing isaan booda jijjiramicha taasisuun xiyyaaroota balaliinsaaf qophii taasisa.
Haaromsi amma akka taasisaniif yaadni irratti dhiyaate kunneenis xiyyaaroota daandiiwwan qilleensaatiif dhiyaataniifi kanneen ajajamana ykn kan ganaa omishaman hunda irratti taasifamu qabaata.
''Gara tajaajilaatti deebii'uuf sochii cimaa taasisaa jirra. Nutis FAA fi to'attoota idil-addunyaa gara biraa waliin walitti dhiheenyaan hojjataa jirra.
“Hojiiwwan hedduu fuldura keenyaa waan qabnuuf, adeemsa mirkanneessuu keessattu kun ammoo waam bu'uraati,'' jedhe dubbi himaan Booyiingi BBC.
Kubaaniyichi Max 737 jalqaba bara 2021tti gara gabaatti akka deebii'u abdatuulleen, tarii daandiileen qilleensaa sababii koronaavaayirasiitiifi uggurawwan imalaatiif jecha fedhii olaanaa qabaachu dhiisu danda'u ta'a.
Kana malee yaaddowwaan gara biraa kan akka dhaabbata walabaatiin qorachiisuu fa'iis jiraachu mala.
Booyiingi garuu leenjii balaaliiftoota Max 737 Buufata Xiyyaara Gaatwick, bakka Daandiin Qiileensa Biritish baayiinaan jirantti gaggeessuf eegataa jira.
Kubaaniyan maatii BA ta'e IAGn bara darbe Boyingi 737 Max 200 bitachuuf fedhii akka qabu xalayaa barreessee ture.
Qorannoo Walitti fufaa
Karoorriwwan FAA baatiiwwan 18 ol kan fudhate yoo ta'u, kunis hojiiwwan injinariingi 40, qorattootaa, balaliinsittotaa fi hojjattoota deegarsa teeknikaa kan hammatuudha.
''Yaalichi xinxala FAA sa'aatiiwwan 60,000 ol gaafata,'' jedha Ejansichi.
Rakkoonni Max 737 walqabatees amantaa Boyiingi irra ture kan balleessee yoo ta'u, qorannoowwan federaalaa, yakkaafi sivilii akka gaggeefamaniif madda ta'eera.
Yaadi karooraa FAA kunis osoo murteen dhumaa hintaasifamaniin dura ummataan guyoota 45f kan xinxalamu ta'a.