Ciroo ajjeechaa Haacaaluu booda ji'a tokko keessatti: Hookkara, Miidhaa fi Yaadannoo Jiraattotaa

Magaalaa Ciroo

Madda suuraa, Chiro City/Facebook

Maxxanfame

Hookkara torbeewwan sadi dura ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun godina Harargee Lixaa magaalaa Cirootti uumameen lubbuun namoota sadii darbe heddun madaa'aniiru.

Ciroon magaaloota Oromiyaa hookkarri itti hammaatee namaaf qabeenya irratti miidhaan cimaa itti qaqqabe keessaa tokko.

Gaafa ajjeechaan Hacaaluu dhagahame dargaggootni halkan sa'aa torba irraa eegalee magaalicha keessa karaa cufuu akka eegalan himu jiraataan magaalicha dubbisne.

Jiraataan kuni ''bari'ee gara naannoo sa'aa 3 fi 4 immoo osuma dhaadannoo dhageesisaa jiranii namootni aarii keessa seenanii gara hookkaraatti jijjiirame" jedha.

"Mootummaanis nagahaan dhaadannoo isaanii yaa dhageesifatan jechaa ture. Hookkarri uumamnaan garuu mootummaanis hawaasa tumaa ture. Walitti bu'iinsis ni uumame" jechuunis hima.

Jiraattotni magaalaa Ciroo BBC'f yaada isaanii kennan hookkara fi walitti bu'iinsa qaamolee nageenyaa fi hawaasa gidduu tureen namootni heddu rasaasa humnootii mootummaan rukkutamuu himu.

Yaadannoo Hospitaala Waliigalaa Ciroo…

Guyyoota magaalli Ciroo hookkara keessa itti turetti namootni 47 kan umriinsaanii waggoota 4 - 56 ta'e miidhamanii wal'aansaaf gara Hospitaala Waliigalaa Ciroo deeman.

Kanneen keessaa kan lubbuun darbe namoota lama dabalatee namootni 29 rasaasaan rukkutamanii kan miidhaman ta'uu ragaan Hospitaala Waliigalaa Ciroo agarsiisa.

"Guyyootni sadeen ajjeechaa Haacaaluun booda turan rakkisaa turan. Xiyyeeffannaan keenyas yaalii hatattamaa 'emergency' irratti ture.

''Humna namaa qabnus achirratti qindeessaa turre" jedhu daayrektarri medikaalaa Hospitaala Waliigalaa Ciroo Dooktar Murteessaa Ahimad.

Hospitaalichi namoota miidhaman wal'aanee, kunneen miidhaan isaanii cimaa ta'e gara Adaamaatti ergee yeroo ammaa kana gara hojii idileetti deebi'uusaas dubbatu.

Haa ta'u malee, jiraattotni magaalaa Ciroo rakkoo fi yaaddoo hookkaricha hordofee isaan mudate irraa ammallee hin bayyananne.

Dhimma namoota rasaasaan miidhaman 29…

"Duuti Haacaaluu fi gochi raawwatame walitti hin dhufu" kan jedhan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Lixaatti abbaan adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessuu Komaandar Taaddasaa Qixxaataa, hookkara uumameen magaalaa Ciroo keessatti miidhaan heddu qaqqabuu himan.

Gubachuu manneenii fi konkolaataa akkasumas caccabuun daawwitii konkolaataawwan 270 ta'anii miidhawwan qaqqaban keessaa ta'uu dubbatu.

Haa ta'u malee, Komaandar Taaddasaan ragaan Hospitaala Waliigalaa Ciroo namootni 29 rasaasaan rukkutamaniiru jedhu "ragaa kijibaati" jechuun haalan. Lakkoofsi namoota miidhamanis saddeet qofa ta'uu himan.

Harargee Lixaa Magaalaa Ciroo

Madda suuraa, Fesbuukii

Daayrektarri medikaalaa Hospitaala Waliigalaa Ciroo garuu dhimma miidhamtoota 47 isaan biratti yaalaman ragaalee qindeessun qaamolee dhimmi ilaalatuf raabsuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Dhimma jiraattotni "namootni rasaasa humnootii mootummaan dhahaman" jedhanis sirrii akka hin taane fi namoota hiriira bahan keessaa namootni meeshaa waraanaa (qawwee) qabatanii dhukaasaa turan jiraachuu Komaandar Taaddasaa Qixxaataan dubbatu.

Haa ta'u malee, jiraataan magaala Ciroo haala ture ijaan arguusaa nutti hime "namootni hiriira bahan qawwee takka hin qaban. Ijoollee baay'een rasaasa humna addaatin dhahaman" jechuun dubbata.

"Namootni guuramaa jiru…"

Torbeewwan ajjeechaa Haacaaluu booda jiranitti haalli magaala Ciroo keessa jiru yaaddessaa ta'uu jiraataan BBCf yaadasaa kenne hima.

"Uummatni yaaddoo hamaa keessa jira. Waa'ee Oromoo xiqqoo yoo dubbatte maqaa shaneetin si qaban. Nama guuraa waan jiraaniifis uummatni yaaddoo hamaa keessa jira" jechuunis dubbata jiraataan kun.

Sodaan nageenyaa magaalattii keessa ammallee akka jiru kan himan Komaandar Taaddasaa Qixxaataa, akka godinaatti namootni hookkara uummame fi miidhaa dhaqqabe keessaa harka qabu jedhaman 780 to'annoo jala ooluu isaanii fi dhimmi isaanis seeraan ilaallamaa akka jiru himaniiru.