Ibiddi saafaa Awustiraaliyaa bineensota ‘biiliyoona sadii galaafate yookiin miidhe’

Bineensota balaa ibiddaan miidhaman

Madda suuraa, getty images

Maxxanfame

Waggaa darbeetti ibidda Awustiraaliyaa raaseen bineensonni biiliyoona sadii ta’an du’aniiru yookiin qe’eerra buqqa’aniiru jedhan saayintistoonni.

Argannoon kun kan ibsu “seenaa ammayyaa keessatti kun balaa bineensota daggalarra ga’e isa hamaa ta’uu isaati” jedha Fandiin Uumamaa Addunyaa (WWF).

Bara darbeetti ibiddii saafaa Awustiraaliyaa maratti tatamsa’e, daggalaa gubuun, yoo xiqqaate lubbuu namoota 33 galaafateera.

Bineensonni hoosisan, simbirrooti, bineensota lafarra muunyuuqaniifi raachooti ibidda kanaan yookiin ammoo dahoo isaanii dhabuun du’aniiru.

Yeroo ibiddi kun Amajjii keessa hammaatetti, saayintistoonni magalaa Niw Sawuuz Weelsi fi Viktooriyaa keessatti qofa bineensonni biiliyoona 1.25 ta’an du’aniiru jechuun tilmaaman.

Tilmaamni haaraan garuu bakka guddaa dhuunfata. Lafti gara heekta miiliyoona 11.46 ta’u – kan biyya Inglaandiin gitu- Fulbaanaa hanga Guraandhalaa gidduutti gubateera.

Miidhaan ga’e hangami?

“Yeroo waa’ee bineensonni biiliyoona sadii ta’an ibidda kanaan miidhamuu yaadu, baay'ee guddaadha – lakkoofsa amanuuf cimudha,” jedhu qaroannoo saayintiistoota yuunivarsiitiiwwan Awustiraaliyaa 10’n gaggeeffame kan dursan Piroof Kriis Diikmaan.

Ammatti lakkoofsa bineensota du’anii sirritti adda hin baane, garuu carraa bineensonni kun ibidda kana jalaa miliquu itti danda’an “guddaa waan ta’u miti, sababni isaas hanqinni nyaataafi bakka jireenya waan isaani qunnamnuufi'' jedhan.

Lakkoofsi kun kan tilmaamame lakkoofsa fi heddumina bineensota balaa kana dura ture irratti hundaa’uuni.

Kana jechuun gabaasa kanarratti gosti bineensota- kan akka qurxummii, qocaa fi bineensota lafee hin qabne hin dabalamne jechuudha.

Guraandhala keessa balaa ibiddaa saafaa kanaan booda mootummaan Awustiraaliyaa gosa bineensota 113 ‘gargaarsa hatattamaa’ barbaadan adda baasee ture.

Bineensota adda baafaman keessaa harki caalu bakka jireenya isaanii daggalaa fi margeen Kibbaa fi Baha Awustiraaliyaa keessa jiran yoo xiqqaate %30 ol dhabaniiru.

Mootummaan bineensota fi bosona deebisee haaromsuuf doolaara miiliyoona 35 waada kan gale ta’us , namootni kunuunsa uumamaaf falman Awustiraliyaan seera kunuunsa uumamaa irratti qabdu jabeessuu qabdi jedhu.

Mootummaan Awustiraaliyaan balaa ibiddii kun geessisee irratti qorachaa kan jiru yoo ta’u, Onkololeessa keessa gabaasni ni dhiyaata jedhamee eegama.

Saayintistoonni irra deddeebiin uumamuu ibidda kanaafi jabinni isaa jijjirama qilleensaa irratti dhiibbaa uumuu danda’a jechuun ragaa dhiyeessanis qoratamutti jira.

Ogeessoti akka jedhanitti aarri ibiddaa kanas du’a 445 waliin hidhata qaba.