Koronaavaayiras: Addunyaarratti guyyaa tokkotti namootni 284,000 ol Covid-19 qabaman

Nama waa barreessaaru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Biyyoonni baay'een uggura laaffisaa jiraatanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) garuu lakkoofsi namootaa guyyaa tokkotti Covid-19 qabaman guutuu addaunyaarratti dabalaa jira jedheera.

Dhaabbatichis sa'aatii 24 darban namoonni haaraa 284, 196 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Namoonni 9,753 yoo du'an kunis eega Ebla booda lakkoofsa ol'aanaa guyyaa tokkoo ta'uusaa ibseera.

Rooyitarsi lakkaawwii guyyuu kootiin biyyootni aaddunyaa 40 ta'an guyyaatti namoota Covid-19'n qabaman kan kanaan dura galmeessaa turanirra isa olaanaa galmeessaniiru jedhee gabaase.

Kutaalee addunyaa hunda keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiras jedhe.

Asiin dura riikordii namoota qabamanii WHO ta'ee kan galmaa'e Adoolessa 18 irratti yeroo namoonni 259,848 qabamaniidha.

Lakkoofsa namoota haaraa qabamanii biyyaan:

  • US - 69,641
  • Biraaziil - 67,860
  • Indiyaa - 49,310
  • Afriikaa Kibbaa - 13,104

Biyyoonni lakkoofsa namoota du'anii itti dabalee:

  • Peeruu - 3,876
  • Biraaziil - 1,284
  • US - 1,074
  • Meeksiikoo - 790
  • Indiyaa - 740

Ameerikaa keessatti namoonni koronaavaayirasiidhaan qabamanii miiliyoona afur yoo caalu; 145,000 ammoo du'aniiru.

Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Teedroos Adhaanoom(PhD) torbee kana yaaddoo fayyaa addunyaa kanarratti yoo dubbatan, ''jireenya isa dur barretti deebi'uun hin jiruu'' jedhan.

''Weerarri kun akka itti jiraannu jijjiireera'' kan jedhan Dr. Teedroos, ''namni kamuubakka ta'e deemuuf yoo murteessu, maal akka hojjechuu deemuufi eenyuun arguu akka deemu yoo murteessuu murtee jiraachuufi du'uu akka ta'eetti hubachuu qaba'' jedhan.

Sababni isaas wantichi ''dhugumatti akkasidhaa'' jedhan.

Biyyoota akka US, Biraaziilfi Indiyaa alatti biyyoota akka Awustiraaliyaa, Japaan, Hoong koong, Booliviyaa, Sudaan, Itoophiyaa, Keeniyaa fi kaan hedduu keessatti lakkoofsi namoota haaraa qabamanii saffisaan dabalaa jira.