Guyyaa tokkootti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii inni guddaan galmaahe

Madda suuraa, Reuters
Erga weerarri Covid-19 addunyaa mudatee guyyaa tokkotti namoota vaayirasichaan qabamanii inni guddaan Sanbata xiqqaa galmaahuu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa beeksise.
Akka ibsa dhaabbatichi guyyaa Sanbata xiqqaa kenneen lakkoofsi namoota haaraa qabamanii 260,000 ta'uu ibseera.
Kuniis erga weerarichi addunyaarratti mul'atee yeroo duraf guyyaa tokkotti namni nuusa miiliyoona tokkoo ol qabamee jechuudha jedheera WHO'n.
Biyyoota namootni haaraan hangi kun akka qabaman gumaacha guddaa godhan US, Biraaziil, Indiyaafi Afrikaa Kibbaadha.
Erga Waxabajjii 10 boodas yeroo duraatiif lakkoofsi namoota sababa vaayirasii kanaan lubbuu isaanii dhabanii inni guddaan galmaaheera.
Guyyaa tokkotti namoota 7,360 ol ta'antu lubbuu isaanii dhabe.
Lakkofsii inni guddaan namoota haaraa qabamanii kana galmaahee ture Jimaata darbe ta'uus kan Sanbata xiqqaa kaleessaa ammoo kan Jimaataanis ol ta'ee argameera.
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota Koroonaavaayirasiin addunyaarratti qabamanii jiranii miiliyoona 14 kan tare yoggaa ta'u, kanneen sababa dhibee kanaan lubbuu isaanii dhaban ammoo 600,000 ol ta'uu gabaasni Yunivarsiitii Joons Hoopkiin ni mul'isa.
US keessatti namootni haaraan hedduun qabamaa jiran magaalota gara kibbaa jiran kanneen uggura sochii labsuuf rincicaniifi maaskii uffachuun dirqama akka ta'es hin labsine keessattiidha.
Filooridaa, Teeksaasiifi Arizoonaan kutaalee biyyaa weerarichi itti cimaa jiruudha.
Filooridaan amma gidduugala weerara kanaa taateetti kan jedhamtu yoo ta'u, Sanbata xiqqaa qofa namootni haaraa 10,000 vaayirasichaan yoo qabaman kan lubbuu dhaban ammoo 90. Waliigalatti namootni Filooridaatti Vaayirasichaan qabaman 337,000 kan du'an ammoo 5,000 gahaniiru.
Biraaziliifi Indiyaan byyoota biroo Vaayirasichi itti hammaachaa jiru yoo ta'u aardii Afrikaa keessaa Afrikaan Kibbaa lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniinis kanneen lubbuu dhabaniinis dursaa jirti.
Guyyaa Sanbata xiqqaa biyyoota lakkoofsa namoota haaraa qabamanii isa guddaa kan galmeesite yoo ta'u Keeniyaanis akkasuma lakkoofsa namoota haaraa qabamanii isa guddaa 688 galmeessiteetti.
Gama kaaniin biyyotni lixa Awrooppaa vaayirasicha to'annoo jala oolfatan daangaa fi dalala isaanii banuu eegalaniiru.
Haata'u malee biyyoota akka Ispeen keessatti weerarichi deebi'ee hammaachuu akka danda'u agarsiiftuuwan mula'achaa jiru.















