Fuulli Tiwitaraa namootaafi dhaabbilee bebbeekamoo haakarootaan butame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Fuulli Twitter namoota bebbeekamoo Ameerikaa biliyeenaroota akka Elon Mask, Maayik Biluumbarg, Jeef Bezos fi Biil Geetis fa’aan haakarota Bitkooyinii gaafataniin butame.

Haleellaan kun tujaarota Ameerikaa kanniin qofaa otoo hin taane, akkaawuntiin pirezedantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obamaa, kadhimamaan dimokiraatota bakka bu’uun pirezedantummaaf dorgomuuf jiranii Joo Baayiden fi raappara beekamaa Kaaniye Weest butamee ture.

Haakaroonni kunniin gama kiriptookaransiin waa'ee maallaqa arjoomuu galanii maxxansan.

''Namni hedduu qabeenyakoo akkan qoodu na gaafatan,'' jedha ergaan fuula Biil Geetis irratti dhooban.

Dhaabbati Twitter, haleellaan kun ''haalaan kan qindaa'edha,'' jechuun, kun karaa hojjettoota dhaabbatichaa keessaa kanneen hayyama olaanoo qaban irratti xiyyeeffate jedhame.

Karaa hojjettoota kanneeniin seenuun, akkaawuntoonni namoota bebbeekamoo kanaa butame jedhe dhaabbatichi.

Hojii gagggeessaan Tiwitaraa Jaak Doorsiiy Roobii kaleessaan ''Tiwitaraaf guyyaa jajjaba/hamtuu ture,’’ jedhan.

Itti dabaluudhaanis, rakkoo mudate qorachaa jirra, wayita waa’ee ta’ii mudatee guutummaatti hubannoo arganne ifatti ibsina,’’ jedhaniiru.

Akkaawuntii mallattoo cuqulisaa ofirraa qabanii fi addatti beekamtii qaban akka odeefannoo kamiyyuu hin qoodne jalqabarraa qabanii dhorkuus ibsan.

Paaswoordii ittiin akkawuntii banatan jijjiruun akka hin danda’amnee fi kaanimmoo guutumaatti hojjataas hin jirretu himame.

Kaampanichi rakkoo mudate furuuf hojjachaatuman jira jedheera.

Toorri Tiwitara Joo Baayideen akkuma butameen cufamuu fi barreeffamni irratti maxxanfames haqamuutu ibsame.

Hundeessaan kaampanii cyber-security Dimeetirii Alperovitich, haleellaa saayibarii amma yoonaatti guddaa ta’etu midiyaalee hawaasaarratti raawwatame jedhanii ibsan.

Fuula hojii gageessaan kampaanii Tesla fi SpaceX Elon Maask irratti ammoo ''daqiiqaawwan 30 itti aananiif teessoo as jala kaa'ame jirutti Bitcoin yoo ergitan, dachaa godheen isinii deebisa,'' jedhamee maxxanfame.

Itti dabaluunis ''Sababa Covid-19f miira arjummaatu natti dhagahama,'' jedha maxxansi kun.

Dubbi himaan Biil Geeeti AP tti akka himetti, rakkoo cimaa tiwitarri keessa jiru agarsiisa jedhan.

Akkawuntiin namoota bebbekamoo hedduu haala kanaa butamuun kan hin baratamneefi hin eegamne ta’uunis himameera.