Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lafti walakkaa kutaa biyyaa tokko saboota duriif akka deebi’u murtaa’e
Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa lafti kutaa biyyaa Okilaahoomaa walakkaan isaa kan Ameerikaanota Duriiti (Native Americans) jechuun murteesse.
Abbootii murtii 9 keessaa 5, magaalaa Tulsaa dabalatee naannoon gara baha kutaa biyyaa kanaa lafa warra durii tahuun akka beekamu deeggaruun murteessaniiru.
Dhimma kana mana murtiitti kan fide namni Jimcy McGirt jedhamu, ALA 1997'tti daa'ima gudeeduun yakkamee ture.
Yakki kun iddoon itti raawwatame lafa Saba 'Muscogee yookiin Creek' jedhamuutti jechuun, falmii seenaa kaaseera.
Murteen kun dabruun maal akeeka?
Murteen guyyaa Kamisaa dabreefi McGirt fi Oklaahomaa gidduu ture kun, waggoota dheeraan booda dhimma seeraa saboota durii Ameerikaa Mana Murtiitti ilaalame keessaa isa guddichadha.
Murtoon kun dabruunsaatiin, miseensonni saba kanaa tahaniifi naannoo amma jedhame kana keessa balleessaa godhaniif itti murtaa'e, murtee amma dura irratti dabre kana mormuu danda'u jechuudha.
Lafa amma murteeffame keessatti balleessaa Ameerikaanonni durii raawwatan kan ilaaluuf aangoo kana qaban manneen murtii sadarkaa federaalaati jechuudha.
Miseensonni saba kanaa lafa kana keessa jiraatanis ashuraa kutaa biyyichaa kanfaluurraas bilisa tahu jechuun Reuters gabaaseera.
Lafti wallakkeessi kutaa biyyaa kanaa murteen irratti dabre kanarra namoonni miiliyoona 1.8 tahan kan irra jiraatan yoo tahu, kanneen keessaa %15 kan tahan Ameerikaanota duriiti (Native Americans)ti.
Dursitoonni saboota biroo maal jedhan?
Ibsa waloo baasaniin Saboonni Shanan Oklaahomaa - 'Cherokee, Chickasaw, Choctaw fi Seminole and Muscogee Nation' jedhaman, murtee kana haala gaariin simatan.
Bulchiisa waloo lafaarrattis angawoota federaalaa fi naannoo waliin tahuunis hojjechuuf waadaa seenan.