Fayyaa: Weerarri gifiraa baatii afran darban keessa naannolee biyyattii hunda waliin gahe

Talaallii gifiraa

Madda suuraa, AFP/GettyImages

Maxxanfame

Weearari dhukkuba gifiraa baatiiwwan afur darban keessa guutuu biyyattii keessatti mullachuu Ministeerri Fayyaa Itoophyaa beeksiise.

Ibsa kaleessa midiyaalee biyya keessaatiif kenanniin Minitirri Ministeerichaa Dr Liyaa Taaddassaa, weerarri gifiraa sababiiwwan adda addaatiin walqabtee biyyattii keessatti bal'inaan mudateera jedhan.

Dr Liyaan weerarri gifiraa kunis rakkina 'waajira ministeerichaaf qormaata ta'e' ture jechuun ibsanii, baatiiwwan darban afraniif ammoo sababiiwwan adda addaatiin wal qabatee talaallii kennuun qabbanaa'ee akka ture himan.

Kanneen weerara gifiraa kanaan garmalee miidhamanis daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta'eedha kan jedhan Dr Liyaan, isaan keessaas walakkaa ol kan ta'an daa'imman talaallii hin fudhatiin ta'uu himaniiru.

Babal'achuu weerara gifiraa naannoolee hunda keessatti mudatee kanaafis sababiin hanqina hubannoofi hanqina tajaajilaatiin wal qabtee talaallii idilee osoo hin fudhatiin hafuu akka adda duraatti himan.

Lakkoofsi daa'imman talaallii fudhachuu eegalanii jidduun dhaabanii hedduu ta'usaa himnii, akkasumas talaaliiwwan marsaa lammaffaa dabalataa daa'imman baatii sagaliifi waggaafi baatii sadi irratti fudhachuu qaban dhiisuun weerarri gifiraa kun akka babalu gumaacheera jedhan.

Keessattuu wayita ammaa kanatti, weerara koronaavaayirasiitiin walqabatee lakkoofsi namoonni tajaajila wallaansa fayyaa idilee barbaachuuf gara dhaabbilee fayyaa deemanii gadii bu'eera jedhan Dr Liyaa.

Haalli kunsi weerarri gifiraa kun akka babalatuuf gumaacha taasiseera jedhu.

Talaalliin gifiraas torban darbeerraa kaasee haala dulaatiin naannoolee hunda keessatti kennamuu eegalusaas Ministirri fayyaa dabaluun himaniiru.

Hanga ammaatti daa'imman miliyoona 5.1 talaalamusaanii kan dubbatan Dr Liyaan, haata'u malee tasgabbii dhabiinsa torban darbee keessa tureen walqabatee naannoon talaalliin itti kennamu hin eegalamiin jiraachuu himu.

Kanaafuu, bakkeewwan akkanaattis dhiheenyatti talaallicha kennuun ni eegalama jedhan.

Kana malees. daa'imman umuriinsaanii baatii sagalii kaasee argamu, talaalicha kana dura fudhataniis fudhachuu baatanis amma kan talaalaman ta'uus himan.