Koronaavaayirasi: Konkolaachisaa ambulaansiifi taajjabbii dhukubsattoota Covid-19

Maxxanfame

Taarikuu Atiragaan jedhama. Konkolaachisaa ambulaansiiti. Ergan ambulaansii konkolaachisuu eegalee reefun baatii sadii guuta.

Isaan dura Godina Gondar Lixaatti bulchiinsa magaalaa Yohaannis Matammaa konkolaachisummaan tajaajileera.

Amma magaalattiif ambulaansii haaraan kennamnaan, gara kanatti ce'ee. Hojiin kiyya inni guddaan namoota biyya alaarraa biyya keessa galan gara jiddugala keessa turaniitti geessuudha.

Lammileen Itoophiyaa karaa adda addaatiin wayita gara biyyaa deebi'anitti, erga ho'i qaamaa safaramee teessoon isaanii galmaa'een booda gara lafa turmaatii kan Kokiit, Ganda Wuwaa ykn bakka biraa galfamu.

Namoonni kunneen shakkamtoota waan ta'aniif kan waliin dhufan hanga namoota jahaa, torbaa bakka tokkotti ambulaanisiinan geessa.

Kanneen gamoojjiidhaa dhufan bakka tokkotti, kan Kaartum irraa dhufanis akkasuma qofaa geeffamu.

Bakka turmaata keessa erga torban lamaaf turanii saamudni fudhatamee qoratamanii booda kan vaayirasiin irratti argames kan gara jiddu gala wal'aansaatti geessus anuma.

Magaalaa Baahir Daariitti yeroo lama, Gondariitti ammo yeroo 12 ykn 13 geesseera.

Amma garuu godinichi ambulaansiiwwan dabalataa waan argateef 4 taanee deddeebiisna.

Covid-19 baayyee kan baramee miti. Hawaasa keessatti ilaalcha battalumatti nama ajjeessa jedhutu ture.

Haala akkasii keessatti ture namooti lama kan naannichatti yeroo jalaqabaatiif vaayirasichi irratti argamuun kan barame.

Tokko gammoojji Sudaan keessatti hojjataa humnaa ture, inni biraa ammo jiraataa Kaartuum. Lamaanu mallattoo homaa hin qaban ture.

Jara kana ture yeroo jalqabaatiif kanan humnoota nageenyaafi oggeessoota fayyaa waliin ta'uun gara buufata fayyaa geese.

Keessattuu inni Kaartum irraa dhufe 'osoon mallattoo hin qabaanne attamiin si qabeera naan jettu? Na qabus fayyuun danda'a. Kun dogongora' jechaa ture.

Mudannoo sijaaraa fi fincaanii

Ambulaansonni duubaan guutummaan cufaadha. Haalli taa'umsa isaas nurraa kan fagaateedha.

Namoonni wayita vaayirasiin sirra jira jedhaman baay'ee rifatu. Kaan hin deemu kan jedhaniifi akkasumas foddaa cabsanii bahuuf kan yaalanis turan. Kanaafu gorsi ni kennamaaf.

Maskii afaaniifi funyaanii akkasumas harkatti guwaantii kawwanna. Wayitan Baahir Daai geessutti qoricha farra vaayirasii biifu ambulaansichatti. Kun garuu Gondariitti hin jiru.

Nama fuudhee geessu mataasaa nurraa fuudhuudhaaf daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo nu eegsiisu.

Sababii kanaanis namoonni vaayirasiin irratti argamees, 'kunoo dirqiin nu fidaa jirtu malee jarri isin hin barbaadnu nuun jechaa jiru' jechuun mormii keessa galuu eegalu.

Ani dhaloonni kiyya Matammaa waan ta'eef, amala hawaasaa waanan beekuuf yoo haasoofsiisu na hubatu. Lola itti maknaan hin ta'u.

Booda keessa ammo namoonni wal'aansa irra jiraniifi kanneen bakka turmaata jiran walii bilbiluun erga odeeffannoo sassaabbatanii booda, yoo vaayirasiin qabamunsaanii itti himamu jiddu gala wal'aansaa ofiin filachu eegalan. Baahirdaar yoo ta'e nu geessaa, Gondar hin deemnu jedhu.

Wayitan namoota jalqabaa lamaan fuudhee deemetti, tokko sijaaraa araade qabsiifachuun barbaada jedhe. Duraan sakatta'amee waan hin galleefu sijaaraa baate ture.

Nutis lakkii hunda keenyaaf gaarii waan hin taaneef hin qabsiisiin jenneen. Takka ture ammo 'fincaan na qabeera naaf dhaabaa' jedhe.

Jalqaba waa'ee vaayirasicaa baay'ee waan hin beekneefu, daandiirra hin dhaabbatiinaa nuun jedhamee ture. Nutis akkasuma tokkicha kaanaan Baahirdaarummatti dhaabbanna ture.

Gondar Mattammaa irraa KM 190 fagaata. Gondar Baahirdaar irraa ammoo KM 180. Kanaafu Matammaadha Baahirdaar km 370 fagaata. Guyyaa sanas halkan gara sa'aatii 4 ture Baahirdaar kan gallee.

Namtichi magaalaa erga galleen booda yoo barbaaddan buusaa na ajjeessa malee hin dandeenye jedhee sijaaraasaa qabsiifate.

Ana waliin oggeessa fayyaa tokkotu ture. Miseensi nageenyaa konkolaataa biraatiin ture. Nutis akkuma ta'etti jajabbeessinee sijaaraa harkaa fudhuun gara jiddu gala wal'aansaa seensifne.

Yeroo tokko ammo namoota saddeetitu adda baafame. Wal'aansaaf Gondar deeman.

Isaan boodas saddeettan isaanii fuudhee akkan deemu natti himame. Waraqaanis oggeessa fayyaa irraa barraa'ee naaf kennameera.

Anis namoota vaayiirasiin irratti argame ambulaansicha keessatti fee'uun namtichi qaama nageenyaa eeguu eegallee. Inni dhufuu didnaan callisee oofuun eegale.

Tibba sana namoota Sudaan irraa bosona keessaan gala turan to'achuun ho'a qaamaasaanii safaruun warra nageenyaatti hojii baay'isee ture.

Ergan daandii walakkaa gaheen booda 'fincaan nu qabeera nu buusi' naan jedhan. Anis dhiphachuun eegale.

Achiinis 'tole homaa miti, magaalaa keessa dhaabuun hin danda'amu. Bosoonnis nageenya keessaniif gaarii miti. Kanaafuu buufata fayyaa barbaadnee achitti fincooftanii dhiqattu jedhee osuman kofalchiisaa, haasoofsiisu magaalaa Gondar gallee.

Sijaaraa xuuxuufi fincaaniif bu'uu barbaaduun alatti rakkoon hanga ammaatti na mudate hin jiru.

Baayyeen isaaniis kan miidiyaan darbu ni dhagahu. 'Maaliif qofaatti nama tokko tokkoon nu hin geessitu?' jedhanii gaafatu.

Waliin waan turtaniif waliin isin geessina jennaan.

Namoota vaayirasiin irratti argame amalaan qabeen gara jiddugala wal'aansaa geessa. Yoo akkas ta'e malee waliigaltee konkolaachisuu hin dandeessu.

Waanan namoota fuudhuuf bakka turmaataatti deddeebii'uuf baay'een isaanii maqaan na beeku.

Warri bakka turmaataa keessa jiranis jiddugala wal'aansaa kamitti caalaa tajaajila gaarii akka argan dursanii qoratu. Ani garuu bakka oggeessonni fayyaa geessi naan jedhan geessa.

Naannoo keenya keessa dhukkubichi jiraachu kan beeku muraasa. Kaan akka biyyoota Awurooppaatti namni ittiin du'e yoo arge malee kan hin amanneedha. Dubbiin kun sobadha yeroon itti jedhame ture.

Kunis 'osoo qufaa, gubaa qaamaa ykn dhukkubbii biraa hin qabaatiin sobaan vaayirasichaan qabamte jirta naan jedhan' jechuun fudhachuuf baay'ee rakkataa turan namoonni kaan.

Ana mataasaa namoota shakkamaniifi kanneen vaayirasiin irratti argame waanan deddebiisuuf, magaalaa guutuun quba natti qabaa ture.

Namoonni naannoo sanaa kamiyyu 'eenyutuu Covid-19 deddeebisaa jira yoo jedhaman, konkolaachisaa Matammaa Taariikuudha' jedhu.

Ani mataankoo erga namoota gara jiddugala wa'laansa Baahirdaar geessee deebii'een booda bu'ee shaayi dhuguuf baay'ee soodaadha.

Hawaasichi 'namni Covid-19 walqabateen hojjatu hunduu adda bahee taa'u qaba' jedha.

Anis konkolaachisummaan waanan Covid-19 irra hojjadhuuf, haalli naaf mijatee qofaa kiyya turuun qaba malee haadha warraa kiyya, ykn abbaafi haadha kiyya waliin jiraachu narra hin turre.

Jara geessee yoon deebi'u hiriyoonni kiyyaa mataansaanii nagaa mormaa olii nagaafatu ture. Amma jijjiramni jira. 'Omaa miti nagaa nugaafadhu' kan jedhanis jiru.

Jalqaba irratti garuu 'vayirasiichi Matammaa gallaan isatu nutti fida' jechuun ilaalcha gaarii anaaf hin qaban ture. Amma barameera.

Yeroo gara yerootti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa waan dhufeef, kan ambulaansiin geeffamanii ol ta'aa jiru.

Wayita al tokkotti namoota 20 irratti argamuutti awutobiisii Yunivarsitiin Gondar nuuf kenneetti fayyadamaa jirra.

Namoonni araada akka sijaaraa, jimaa fi shiishaa qaban, bakka turmaataatti 'kan nyaannu nuuf hintaane' jechuun kan badan jiru. Haa ta'u malee namoonni sababii adda addaatiin bakka turmaataa badanis eeruu hawaasaatiin deebiifamani ni qabamu.

Fakkeenyaaf namichi 'guyyaa 14 tureera maaliif saamudi naaf hin fudhamne? Erga saamuda hin fudhannee maaliifan taa'a? jechuun gara Magaalaa Mandara 7tti bade tokko eeru ummataatiin qabameera.

Ergan hojii kana eegalee kaasee nagaa kiyya, mataan illeen na dhukkubee hin beeku.

Haa ta'u malee yaaddoon qaba ture. Namoonni deddeebisaa ture hedduun mallattoo dhukkubichaa hin qaban.

Haala sardamaa keessa jirra yoo ta'es, guwaantii na jalaa dhumnaan saanitaayizariitti fayyadamunan karraa ambulaansichaa saaqa ture.

Kanaafi baay'ee of shakkaa ture. Torban dura qoratamee bilisan ta'e. Ergasiin boodas baay'een of eeggannoo taasisaa jira.

Bakkeewwan Itoophiyaa keeessatti yaaddoo guddaa qaban keessa tokko Gondar Lixaati. Sudaan irraa fageenya meetira 10 qofaa qabna. Wayita keellaa saaqaniifi cufan ni agarra. Iddo muummeen ammo Matammaa Yoohaannis. Karraa fi sochii hedduu qabdi.

Wayita Suudan keessatti vaayirasichi dabalu imalli gara Itoophiyaatti taasifamu ni dabala. Kanneen magaalaa keessa jiraatan osoo hin hafiin ni dhufu.

Sababii hir'ina bajataatiin maaskiifi guwaantii gahaa argataa hin jirru. Kanuma tureetti fayyadamaa jirra malee sababii koronaatiin kan nuuf dhufe hin jiru.

Qaamooleen nageenyaa mataansaanii saaxilamaa jiru. Kanaafu osoo itti yaadamee namoota oolchuun ni dana'ama.