Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalli namaa hawaa keessatti dhala godhachuu danda'aa?
Hawaasi qorannoo hawaa suduudaan akkaataa dhalli namaa itti jireenya hawaa keessatti dhaabbatu irratti yeroodhaa gara yerootti waan haaraa addunyaadhaan gahaa jiru.
Tokko waa'ee egeree dhala namaa dacheen alatti jiraachuu danda'uuti.
NASAn Caamsaa darbe wiirtuu dhaabbataa dhala namaaf addeessa irratti ijaaruuf doolaara biiliyoona 20 ramaduu ibseera.
Pirojektiin kun akka madda anniisaatti nukilraa fi soolaarii fayyadama.
Dhaabbati hawaa US kun dhalli namaa hanga bara 2030tti dhaabbiidhaan addeessarra qubachuu danda'a jedha.
NASAn dhalli namaa yeroo jalqabaaf gara pilaaneetii Maarsii akka imalus haala mijeessaa jira.
Imalli kun ji'a torbaa hnaga kudhanii fudhata jedhe.
Garuu dacheen ala jiraanna taanaan haala jireenyaa haaraaf tarkaanfii haaraa fudhachuuf qophaa'uu qabna.
Pilaaneetonni kaan kanneen akka Addeessaa fi Maarsii akka dachee qaamni isaanii dirree maagneetii fi baqqaana qilleensaa rukkina qabuun kan marfame waan hin taaneef, carallaa hawaa keessa guutanii jiraniif baayyee saaxilamoodha.
Addeessii fi Maarsiin bal'ina kan Dacheerra baayyee xiqqoo ta'e waan qabaniif guulli harkisaa isaan qabanis akkasuma kan Dacheerra baayyee laafaadha.
Hawaa keessa fageenya dheeraa ta'e imaluun qaama namaarratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf gara pilaaneetota kunneeniitti imaluun mataansaa qormaata tokko.
Wayita gara pilaaneetota kunneeniitti imallutti adeemsi walhormaataa miidhaa jala gala, akkamiin akka ta'e saayintistoonni hubannoo ga'aa argachuu baatanis.
Dacheen ala pilaanetii biraa irratti ulfaa'uun (daa'ima godhachuun ) akka oduu durii egeree saayinsiitti kan hubatamaa ture ta'us, amma garuu saayintistoonni wanti kun dhugoomuu akka danda'u hamma qoratan ibsaa jiru.
Dr. Nicole McPherson Yuniversitii Adelaide kan Awustiraaliyaa keessatti argamu keessaa barsiisti.
Akkasumas Giddugala Fayyaa fi Jiruu fi jireenya dhiirotaa Fremasons jedhamu keessatti Garee Baayooloojii Ispermii fi Miciree hoogganti.
McPherson waa'ee hawaa keessatti daa'ima godhachuu irratti qorannoo gaggeessuuf fedhii kan agarsiiste erga abbaa manaashee waliin dokumantarii waa'ee hawaa daawwatanii booda.
''Wanti akka durduriitti eegalame kunoo qorannoo saayinsiif ka'umsa ta'e, madda qorannoo saayinsii cimaa ta'eera,'' jette.
McPherson, garee qorattootaa kaan waliin ta'uun, haala harkisi (gravity) akkaan laafaa ta'e keessatti akkaataa ispermiin kutaa akka qaama namaa akkeessuutti hojjetame keessa itti imalu yaalii taasisan.
Qorattoonni kunneen ispermii gariin akka dhabaman adda baasan.
Harkisa lafaa isa sirriidhaan (normal gravity) yoo walbira qabamu ispermiin hanga dhumaatti deeme dhibbeentaa 50 qofa ta'uu hubatan.
Qormaati cimaan biraan carallaa hawaa keessaati.
Carallaan akka seeliiwwan ajjeesu beekamaadha. Keessatti seeliiwwan gara ispermii dhiiraa ykn hanqaaquu dubartiitti guddatan- germ cells jedhaman baayyee huba.
Sirni maagneetii dachee carallaa kana nurraa ittisa, garuu dirree maagneetiin ala yoo baane, Maarsii dabalatee, carallaaf waan saaxilamnuuf haalli baayyee hammaataa ta'a.
Yuniversitii Saayinsii Fayyaa Turkiitti ogeessi dhimma hawaa fi dawaa hawaa keessaa kan ta'e Dr. Abdurrahman Engin, carallaan hawaa keessaa qaama pilaaneetotaa caccabe ykn dhohe- supernovae jedhamu irraa uumama jedhe.
Dhohiinsi kun qaama hawaa haguugu uree seenuun qaama namaa keessas gadi seenuun miidhaa geessisa.
Carallaa dacheerratti nu quunnamu dachaa hedduu ta'uun qaama keenyatti seena.
Engin egeree wayita Maarsiirra jiraachuun egalamu carallaan nu mudatu sadarkaa dhala godhachuu nu dhowwurra ga'uu danda'aa? gaaffii jedhu gaafatame.
Eeyyee jedhe.
Fakkeenyaaf dubartiin ulfi qorattuu hawaa taate tokko wayita Dacheerraa gara Maarsiitti ji'oota ja'aaf imaltu carallaa ykn raadiyeeshinii milisiivertii (milliseverts) 90 hanga 300f saaxilamti.
Kun daangaa raadiyeeshinii soolaarii yeroo ulfaa akkaan kan darbuudha. Jaarmiyaan US National Council on Radiation Protection and Measurement jedhamu dubartiin yeroo ulfaa raadiyeeshinii milisiivertii shanii oliif saaxilamuu hin qabdu jedha.
Raadiyeeshinii guddaan micireen osoo hin guddatin karaatti doomsa, kanarraa ka'uun DNAn akka miidhamu taasisa.
Engin akka jedhutti balaan sababa kanaan dhufu ulfi akka ba'u, daa'imi akka hin guddanne, yeroo da'umsaa rakkoo cimaan akka mudatu, akkasumas daa'imi haala kana keessatti dhalatte yeroo keessa kaansariif akka saaxilamtu sababa ta'a.
Meeshaalee teeknooloojiin rakkoo kana hanga tokko salphisuun danda'amus garuu carallaa ykn raadiyeeshinii hawaa guutummaatti ofiraa ittisuun ''baayyee ulfaata,'' jedhe Dr. Engin.
Qorataan hawaa Karawia jedhamu raadiyeeshinii fi harkisi (giraavitii) laafaan walumaagalatti uumama dhala namaa kan miidhu ta'uu ibse, garuu rakkoon kun as qofarratti hin dhaabbatu jedhe.
''Imalli qilleensaas akkaataa hormooniin keenya itti hojjetu, marsaa irriibaa fi sochii qaamaa kaan ni miidha,'' jedhe.
Sababoonni kunneen walitti ida'amuun qilleensa keessatti ykn hawaa keessatti ispermii dhiiraa ykn hanqaaquu dubartii miidhu jedhe.
Kun ammoo yeroo ulfaa micireen akka miidhamu taasisa jedhe.
Waa'ee jireenya dacheen alaa yoo yaadnu, waa'ee walhormaata dhala namaaf hubachuun dhimma murteessaadha.
Ammoo kana hubachuun qorattoota gara hawaa imalaniif egumsa gochuufis murteessaadha jedha Siwiidiin, Yuniversitii Uppsala jedhamutti qorataan molikiyulii fi seelota baayooloojii Pirofeesar Jan Bernd Stokkenborg.
Hanga ammaatti dhalli namaa hawaa keessatti daa'ima godhachuu baatus, qorattoonni hawaa (astiroonaatonni) fi seelonni walhormaataa isaanii haalota hawaa keessa jiraniif saaxilamaniiru jedhe qorataan kun.
Kanaafuu qorannoon miidhaa raadiyeeshinii irratti gaggeeffamu qorattoota hawaaf eegumsa taasisuu keessatti qooda guddaa qaba jedhe.
Yoo hanga ammaatti astiroonaatonni hawaa keessatti da'uuf yaaluu dhiisanillee, seelonni walhormaataa miidhamnaan balaansaa dhaloota itti aanutti darba jedhu qorattoonni damee kanaa.
Qorattoonni hundinuu kan irratti waliigalan ''dhimma kanarratti ammallee hojii hedduun akka hafuufi irratti hojjechuun akkaan murteessaa ta'uusaati.''
''Itti qaana'uu hin qabnu, ammumarraa sirriitti itti yaaduu qabna,'' jedhe Stockenberg.