Koroonaavaayiras: Wal'aansa kaansarii sababii Covid-19'n rakkoo keessa seene

Covid19

Madda suuraa, NurPhoto

Maxxanfame

Shamsiyaa Jabal Daseetti dhalattee guddatte. Yunivarsiitii Wallootti hojii nyaata bilcheessuun jiraatti ture. Bara darbe mucaan ishee jalaa dhukkubsannaan Dasee irraa gara Finfinnee dhufte.

Daa'imni ishee ganna afurii qorannoo taasifameefiin immoo kaansariin dhiigaa irratti argameera.

Shamsiyaan kana gaafa dhageesse lafatu isheen mare. Qarshii daa'ima ishee ittiin yaalsiftu hin qabdu. Nama ishee gargaarus hin qabdu. Maallaqni yaalii kaansarii immoo qaalii dha.

Abbaan warraa ishee kana yoo dhagahu 'humna hin qabu' jedhee ishee dhiisee akka deeme, yeroos ulfa ji'a tokkoof guyyaa 15 tahuu himti.

''Daa'imni yeroo yerootti keemooteeraappii fudhata. Qarshii ittiin isa yaalsisu fixee biyya kootti yeroon deebi'uuf jedhu hakiimonni Xiquur Ambassaa waldaa dhukkubsattoota kaansarii gargaaru waliin wal na quunnamsiisan.

Otoon waldaa kana hin argannee mucaan koo lubbuudhaan hin jiraatu ture,'' jetti.

Amma garuu dhukkubni addunyaa raase Covid19 yaaddoo Shamsiyyaa taheetu jira. Isa yaalsisuuf hospitaala yoo marmaartu na jalaa dhukkuba jettee yaaddofti.

Daa'imashee lammataa erga deessee amma baatii lama taheera. Yeroo hospitaala kanatti marmaartu daa'ima ishee kanas fudhatteetu deemti.

''Akkattin of eeguu qabullee natti bitaacha'a. Mucaan koo inni guddaaan immoo ariifataa dha. Isa hordofuun baayyee ulfaataa dha. As waldaa keessa waan harka ittiin qulqulleessan ijaa jiruuf yaaddoo naa salphisa, deebi'ee hawaasatti gaafan deemu nan sodaadha,'' jetti.

Yaaddoon kun kan Shamsiyyaa qofa miti. Kanneen dhukkuba sukkaaraa, asmii fi dhiibbaa dhiigaa qaban Covid19f saaxilamoo tahuun isaanii ni yaaddeessaan.

Shamsiyyaan daa'imashee torbee lama lamatti hospitaala geessiti. Erga koroonaavaayirasiin Itoophiyaatti argamee kaasee beellamni hakiimni kennuuf marti isheef yaaddoo dha.

''Kaansariin dhukkuba yeroo namaa kennu miti. Beellama hin dabarsu. As deebi'uu kootti gammadduu miti garuu dirqama kooti. Kanaachi daa'imni koo ni du'a. Of eeggachaa Waaqni akka na gargaarun kadhadha,''jetti.

Namoota vaayirsichaan qabamanii mallattoo hin agarsiisne akka jiran gaafa beektu immoo sodaanshee dabaleera.

'Rakkoo dachaa'

Shamsiyyaan wiirtuu namoota kaansarii harmaa, gadameessaa fi kan biraan rakkataniif deeggarsa kennu keessa jiraachaa jirti.

Hoggannaan waldichaa Obbo Zalaalam Mangistuu Covid-19 dhukkubsattoota kaansariifi maatii isaaniif rakkoo dachaa taheera jedhu.

Namoonni kaansariin qabaman koroonaavaayirasiif saaxilamoo dha, dhukkubicharraa dandamachuufis rakkachuu danda'u.

Karaa biraan vaayirasichi Finfinnee keessa dabalaa waan jiruuf, dhukkubsatoonni kaansarii naannoorraa gara Finfinneetti dhufuuf dhiphina keessa galu.

Rakkoon inni biraan immoo dhaabbileen fayyaa xiyyeeffannoo isaanii koroonaavaayirasii to'achuutti garagaluu isaaniiti.

Kaansariin dhukkuba hordoffii barbaadu ijaa taheef namoonni yeroo yerootti gara hospitaalaa deemuun dirqama. Manaa hin bahiinaa yeroo jedhamus jarreen kun dhipachuun isaanii hin oolu.

Obbo Zalaalam lakkoofsa namoota iddoo tokkotti walitti qabaman hir'isuuf jecha dhukkubsattoota keessummeessu hir'iseetu jira. Kutaaan kana dura hanga namoota ja'aa qabachaa ture akka tokko qofa qabatu godhameetu jira.

Kaansariin dhukkuba dhiibbaa xiinsammuu qaqqabsiisuufi qarshii guddaa gaafatu dha. Biyyoota guddatanillee kan qoraa jiru dha.

Qorannoowwan biyyoota garaagaraatti gaggeeefaman akka ibsanitti Covid19 dhiibbaa qaqqabsiisu dabalataan miidhaan moggaatti dhufu immoo lubbuu dhabsiisaa jira.

Obbo Zalaalam ''durumaanuu dhukkubsattoonni kaansarii dhiibbaan irra jira. Amma immoo ittuu nutti caale jechaa jiru, yaalii isaaniillee yeroo addaan kutaati jiru,'' jedhan.

Wiirtuun yaalii dhukkuba kanaa Xiqur Ambassaa qofa jira. Wiirtuuwwan Qidduus Phaawuloosiifi naannolee irra jiran yoo hojii jalqaban dhiibbaa kun hir'isuu mala jedhu.

Sababii Covid19'n hir'inni qoricha kaansarii mudachuu baatus, gatiin qaalii tahuufi akka garaa argamuu dhabuun ammallee gaaffii hin deebinedha jedhu Obbo Zalaalam.

'Hawaasaaf hubannoon gahaa hin kennamne'

Meeshaalee wal'aansa fayyaa

Madda suuraa, Pedro Vilela

Kaansariin yoo namarra ture wal'aansaaf rakkisaaa waan tahuuf namoonni yeroodhaan yaalii akka jalqaban gorfama. Kana malees, qorannoo harmaa fi balbala gadameessaa kennuun barbaachiisaa tahuu ogeessonni ni dubbatu.

''Yeroo ammaa kana hakiimonni manaa manatti naanna'anii ho'a sakatta'u. Waa'ee dhukkuba Covid-19 illee ni hubachiisu, waa'ee kaansarii garuu namni isaan dhaggeeffatu hin jiraatu,'' jedhu.

UK keessatti addaan cituu yaalii kaansariin namoonni kuma 60 tahan du'aaf saaxilamuu danda'u jedhu hakiimiin kaansarii biyyattii tokko.

Obbo Zalaalam akka jedhanitti yoo tahe si'ana namoonni kaansariin qabaman dafanii yaalii hin deeman, yoo deemanis wal'aansa si'ataa tahe hin argatan. Kunimmoo, yeroo yaalii argachuu qaban jalaa tursiisa.

''Keessumaa biyya qorichaafi kiimooteeraappiin qaalii itti tahe kanatti, biyya raadiyooteeraappiin wiirtuu tokkotti qofa kennamuufi, innis dabareedhaan waan taheef namni dafee yaalii jalqabuu qaba. Yeroo sadarkaansaa dabalu fayyisuuf rakkoo dha,'' jedhu.

Furmaatni hoo?

Kaansariin namoota dhuunfaa irratti qofa osoo hin taane diinagdee biyyaa irrattillee miidhaa akka dhaqqabsiisu himu.

Covid-19 gaafa dabalamu immoo rakkoo attamii akkanni qaqqabsiisu himuun salphaa miti jedhu Obbo Zalaalam.

Gama fayyaatiin murtoowwan darban wal'aansa kaansariillee yaada keessa galchuu qabu yaada jedhu qabu. Kanaan ala, furmaata addaa hin qabu jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa