Misoomni, ijaarsi seeraan alaafi nageenyi magaalaa Buraayyuu maal irra jira?

Maxxanfame

Magaalli Buraayyuu magaalota Godina Addaa Naannawaa Finfinnee keessaa tokko yoo taatu, namootni 400,000 ol magaalicha keessa akka jiraatantu himama.

Magaalonni akka Buraayyuu, Sabbataa, Sulultaa fi Laga Xaafoo magaala Finfinnee handhuura biyyattii fi teessoo dippilomaatotaa taatetti naanna’anii haa jiraatan malee guddinni bu’uuraalee misoomaa isaanii baay’ee walirraa fagoo akka tahe jiraattoni ni himu.

Addatti magaalaa Buraayyuu kan magaalaa Finfinnee waliin walitti ejjetanii jiran keessatti rakkoon bu’uuraaleen misoomaa akka daandii, ibsaa fi bishaanii guddaan akka jiru jiraattotni BBC’n dubbise ni himu.

Akkasumas magaalattiin rakkoon nageenyaas qabaachuu himu jiraattoonni BBCn dubbisee.

Jiraataan magaalaa Buraayyuu maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko, magaalittiin yeroo roobaa dhoqqee fi lolaan ni rakkatti jedha.

Amma daandiin keessa keessaa dhagaa koobiliin hojjetamu haa jalqabuyyuu malee sababa rakkoo daandii irraa kan ka’e tajaajilli geejibaa Buraayyuu fi magaalaa Finfinnee gidduu jirullee rakkoo taheera jedha.

'‘Daandiin caccabaadha. Yeroo roobaa dhoqqeedha. Kun rakkoo yeroo dheeraa magaalittii keessa turedha. Magaalaa Finfinneetti hidhamtee osoo jirtuu gama misoomaan garaagarummaan akkasii mul’achuun isaa nama gaddisiisa’' jedha.

Ibsaa fi Bishaan magaalaa Buraayyuutti….

Jiraataan kun magaalaa Buraayyuu bakka tokko tokkotti ibsaan yeroo bade torban lamaa hanga ji’a tokkoo gidduu turullee jira jedha.

Ibsaa irra deddeebiin baduuf rakkoon walqabatees tiraanisfoormerii irratti uumame yoo jedhamu qofaa dhageenya kan jiraan jiraataan kun, bishaan bara kana xiqqoo fooyyee qabaatus rakkoo hamaa magaalittiin qabdudha akka ta'e himu.

Namni BBC’n dubbise kan biraas, ''bishaan yeroo weerara koroonaavaayirasii kanallee argachuuf hedduu rakkanne. Ibsaan yoom dhufee yoom akka badu dubbachuuniyyuu hin beekamu. Waanti amansiisaa tahe hin jiru,'' jedha.

Bulchiinsi Magaalaa Buraayyuu maal jedha?

Komiiwwan ka’an kanneen ilaalchisee BBCnis Itti Gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Magaalaa Buraayyuu Obbo Abdallaa Tibbeesoo dubbiseera.

Obboo Abdallaanis, rakkoowwan turan furuuf tibbana pirojeektota gurguddaa magaalichaa 46 buleeyyii tahan keessaa 31 xumuramuun tajaajila eegalsiisneerra jedhan.

Rakkoo magaalichaa guddaa kan ture tajaajila bishaan dhugaatii hiikuuf ammoo baajata birrii Miliyoona 400 tahuun boolli bishaanii gadi fagoon afur qotamuun amma tajaajila kennuu jalqabeeras jedhan. Haa tahu malee ammayyuu rakkoo bishaanii magaalichaa guutummaan kan hike miti jedhan.

Akkasumas jiraattota tajaajila bishaanii manatti galfachuuf kaffaltii guddaa gaafatamna. Yoo harka wayyaa jalaan mallaqa namoota dhimmicharrti hojjetaniif kennite malee hin argattu jechuun komii kaasu.

Obbo Abdallaan namootni yakka akkasii hojjetan jiraachuu akka danda’u himanii, garuu rakkoo guddaan namootni kaartaa fi pilaanii hin qabne tajaajilicha gaafatanii kan hin arganne jiraachuu danda’u jedhan.

Isaan seera guutan kaan garuu dabaree qabatanii argataa turan jedhu.

Dabalataan ''bulchiinsi magaalichaa ogeessota harkaan deemaa turan adda baasuun bakka hojii isaanii irraa jijjiiruufi gulantaa hojii isaanii gadi buusuun tarkaanfii fudhataa tureera. Ammas namoota akkasii irratti ni hojjenna'' jedhan.

Gama misooma daandiin ilaalattuun ammoo, bara kana daandii dhagaa koobiliin km 19 ol hojjetamuu himanii, abbootiin qabeenyaa magaalichaas waliiti dhufuun daandii asfaaltii km 2.5 tahu hojjetani maqaa isaa daandii Jeneraal Taaddasaa Birruu moggaasaniiru himu.

Daandii guddaan Finfinnee irraan gara Lixa Oromiyaatti geessu inni guddaan erga hojjetame waggoota dheeraa lakkoofsiseera. Dhiphachuu isaa irraa kan ka’es balaa adda addaaf sababa tahuu himan Obbo Abdallaan. Kana furuuf ammoo daandicha cirrachaan cinatti bal’inseerra jedhan.

Obbo Abdallaan yeroo rakkoon ibsaa addaan cituu uumamu kanaan dura distiriiktii Finfinnee waliin hojjechaa akka turrehimanii, amma garuu wajjiirii ibsaa distiriiktii sadii magaala keenya keessatti banuun itti dhiyeenyaan hojjechaa waan taheef ibsaan badee hanga ji’aatti hin turuu jedhan.

Ijaarsa seeraan alaa Magaalaa Buraayyuutti

Gama biraatii ammoo weerara koroonaavaayirasii sababeeffachuun ijaarsaaleen seeraan alaa magaalaa isaaniitti akka baay’atan dubbatu Obbo Abdallaa Tibbeesoo.

Kana ittiisuuf ''Manneetii dhoqqee fi bilookeettiin ijaaramaa turan irrattillee tarkaanfii fudhachuun diigaa jirra'' jedhan.

Manneetiin labsii liizii bara 2005 ijaaraman irratti tarkaanficha fudhataa turre kan jedhan Obbo Tibbeessoon, lafa waliinii fi qonnaan bulaa irratti ijaaramaa turan jedhu.

Kanaan dura magaalaa Sulultaafi laga Xaafoo keessatti manneetiin seeraan alaa jedhaman yeroo diigamaa turan mormii jabaan bulchiinsota magaalota kanneenii mudatee akka ture ni yaadatama.

Haa tahu malee kun ammatti nu hin mudanne kan jedhan Obbo Abdallaan, ''ijaarsa seeran alaa manneetii jedhaman kanneen duuba kan jiran harka qalleeyyii qofa osoo hin taane abbootii qabeenyaati'' jedhan.

Pirojeektii Qindaa’aa magaalichaa

Godinni Addaa Naannaa Finfinnee qonnaan bultoota 5,000 tahan gara magaalaatti galchuun hojii investimentii irratti akka hirmaatan gochuuf akka hojjechaa jiru ibsee ture.

Haaluma kanaanis Magaalaan Buraayyuu qonnaan bultoota 87 qabeenya guddaa horatan qaraxaa fi taaksii malee investimentii keessa akka galaniif hojjechaa jirra jedhan Obbo Abdallaan.

Qonnaan bultootni kunneen lafuma isaanii irratti akka investi godhaniifi meeshaalee barbaadan alaa galchanii oomisha isaanii ammoo akka erganiif adda baasnee hojjechaa jirra jedhan

Rakkoon nageenyaafi hidhaan Buraayyuutti maaliif baay’ata?

Magaalota Godina Addaa Naannawa Finfinnee jiran keessaa addatti irra deddeebiin rakkoon nageenyaa magaalaa Buraayyuu mudataa ture.

Baatiiwwan muraasa dura Itti Gaafatamaan Bulchiinsaaf Nageenya magaalaa Buraayyuu Komishiner Salamoon Taaddasaa magaaluma kanatti ajjeefaman,

Isaani waliinis Itti Gaafatamaan Poolisii Humna Addaa godina Addaa Naannawa Finfinnee Komander Tasfayee Dinquu fi namootni biroo lama madaa’uun lubbuun oolaniiru.

Obbo Abdallaan rakkoo nageenyaa irra deddeebiin magaalattii keessatti mudatuurf itti gaafatamaan qaama hidheetee bosoonatti argamu ta'u himu. ''Yakkoota kana kan hojjete namoota humna hidhatee bosona jiru kan Marroo waliin hidhata qabanidha'' jedhan.

Haala isaas waita ibsan ''qaamooleen kunneen ammoo Lixa Oromiyaa irraa yeroo dhufan magaalaa Buraayyuu buufatu'' jedhan.

Haaluma kanaan walqabatees sakkatta’insa godhamuun namoota akkasii hedduun to’atamaa turan jedhan.

BBC’n namoota Lixa Oromiyaa keessumaa godinaalee Wallaggaa irraa dhufan shakkii kanaaf caalaa akka saaxilaman hintaasisuu? jechuun gaaffii Obbo Abdallaaf dhiyeesseen, ''addatti namoota achirraa dhufan irratti qaamni xiyyeeffatu hin jiru'' jedhan.

Kana malees, qaamuma hidhatee jiru kana waliin hidhata kan qabiifi maqaa Abbaa Torbee qaamni socho'an magaalicha keessatti to’atamaa turan jedhu. ''Shakkamtootni yakkaa akkasii keessaa harka qaban kunneenis ammatti qoratamuun seeratti dhiyaachaa jiru'' jedhan.

Itti gaafatamaan kun akkas haa jedhan malee 'namoota nagaa hojii barbaachaa gara magaalichaa dhufaniifi hojjettoota dabalatee hidhaan namoota nagaa irratti raawwatama' jechuun komtu jiraattoonni.