Jiraattota Shebel maaltu qe'eerraa buqqise? Amma akkamiin jiru?

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Anfilloo Ganda Shebel jedhamtu keessaa sababa rakkoo nageenyaatiin kanneen baqatanii naannoo Gambeela jiran rakkoo hamtuutu harkaa nu qaba jedhu.
Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Aanaa Anfilloo Obbo Geetahuun Shaambii ammoo namoonni gara naannoo Gambeelaatti baqatanii turan hundinuu qe'eesaaniitti deebi'anii hojii qonnaa hojjetachaa jiru jedhan.
Torban Sanbata darbee (13,06,2020) sababa walitti bu'iinsa uumamee, lubbuu namootaa ''dabarraan'' gara naannoo Gambeelatti godaananii akka turan kan dubbatan jiraataan ganda Shebel, ''amma humnaan nu deebisanii jiru'' jedhan.
''Sanbata ganama sa'aatii tokkootti waraanni mootummaa kaampii Shebel keessa jiru wayita dhukaasa banu jiraataan karuuma argeetti faca'ee baqachuu eegale. Sababiin dhukaasaas Waraana Bilisummaa Oromootu as jira kan jedhu ture.''
Erga baqatanii bosona (buna) keessa dhokataniin booda wayita odeeffatan namni miidhamu dhageenye, kan jedhu jiraataan kun, ''looltoonni nuttis dhaadhataa turan'' jedha. Haaluma kana sodaachunis miilaan gara Gambeellaatti baqachu himu.
Qaamni Waraana Bilisummaa Oromooti ofiin jedhu naannoosaanii keessa akka socho'uus dhugaa bahan namni kun.
''Wayita dhukaasi banamu kan ajjeefame namoota nagaadha. Sababii shaneen naannicha keessa socho'utiin walqabatees ummanni naannichaa gama lachuun miidhamaa jira' jedhan.
Akka jiraataan kan biraa jedhuutti ammoo ummanni naannichaa gama waraana shaneefii kan motummaa lamaaniinu rakkoo argaa jira.
Araddaan qonnaa bakki rakkoon itti mudate Xooxxii jedhamuun yoo ta'u, guyyaa rakkinichi mudateettis namoonni naannoo sanaa baqatee bahuu himu.
''Sa'aatii torba miilaan erga deemnee booda Gambeela geenye. Kaan deemaa bulee borumtaasaa ga'e. Uummanni Oromoo Gambeela jiranii fi mootummaan naannochaas deggersa nuuf godhaniiru,'' jechuun galateeffatan.
Mootummaan ganda 03 isaan qubachiisee eegumsa gochaafis akka ture himu. ''Dargaggoonnis daabboo fi shaayee nuuf dhiyeessaa turan. Dhaabbanni Fannoo Diimaa akka nu gargaarus haala nuuf mijeessan,'' jedhan.
Guyyaa jahaaf erga akkasiin turanii booda Jimaata darbe qaamoleen mootummaa godinaa fi aanaa isaanii gara Gaambeelaa deemuun akka isaan haasofsiisan dubbatu namni kun.
''Sanbata darbe qaamoleen mootummaa fedhii keenya malee nu fe'anii gara Shebelitti nu deebisan. Wayita nu mariisisanittis waraanni mootummaa akka nu buqqiseefi akka nama keenya ajjeese itti himneerra. Kana hunda osoo dhagahanii konkolaataa ja'atti nu fe'anii namoota 120 nu deebisan.''
Kanneen didanii Gaambeelaatti hafanis kan gara 200 ta'an jiraachu kan himan jiraataan kun, wayita deebinanittis qe'eensaanii barbadaa'ee argu himu.
''Wayita odeeffannu ammoo naannoon nagaa miti''
Namoota baqatanii Gambeelatti hafan keessaa namni dubbisne tokko ammoo ijoollee lama waliin akka dhokatanii jiran nutti himan.
Akka namni kun jedhanitti, namoonni isaan waliin Gambeela jiran ganda 03 keessa, kaan sharaan hidhameef, kaan ammoo mana namootaatti kooluu galanii jiru.
''Torbee Sanbata darbee erga namoonni ajjeefamuu dhageenyeen booda ijoollee kiyya qabadheen ba'e. Akka tasaa waan baaneef homaa harkaa hin qabnu. Namootuma keenya as jirantu nu gargaaraa jiru. Amma nama nuuf birmatu barbaanna,'' jedhu.
''Ganda Shebel keessaa bakki rakkoon itti mudate Xooxiin namoota 800 caalan qabdi. Kun hunduu dhukaasa banameen rifachuun ijoollee keenya qabannee bosona keessa miila keenyaan Gambeela seenne.''
''Amma dhufanii qe'een nagaadhaa galaa nuun jedhan. Wayita odeeffannu ammoo naannoon nagaa miti'' jedhu namni kun.
Akkasumas , buqqaattoota kanneen gargaaruufi dhaabbileen akka Fannoo Diimaa akka gargaaraniif haala mijeessaafii kan turan jiraataan magaalaa Gambeelaa maqaasaanii eeruu hin feene tokko haalli baqattooti keessa jiran yaaddessaadha jedhu.
Namni kun waggoota hedduuf Gambeela kan jiraatanii fi Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Naannoo Gambeelaa keessa kan hojjetaniidha.
Akka namni kun jedhanitti, erga rakkoon nageenyaa naannoo Shebel keessatti mudachuu eegalee namoonni gara Gambeelaatti baqachuun waan baratameedha.
''Kanaan duras namoonni 70 ta'an baqatanii dhufanii turan. Namoonni kunneen nageenya isaaniif waan soaataniif rakkoosaanii hin himatan. Of dhoksanii jiraatu. Kanneen dheengadda baqatanii dhufan ammoo naannoo 03 bakka namoonni keenya itti heddumaatanitti tursiifnee gargaaraa turre'' jedhu.
Hiriyyootasaanii waliin ta'uun maallaqa walitti qabanii baqattoonni kunneen akka gargaaraman gochaa akka turanis dubbatu.
Qaamni Mootummaa maal jedha?
Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Anfilloo Obbo Geetahuun Shaambii namoonni gara naannoo Gambeelaatti baqatanii turan hundinuu qe'eesaaniitti deebi'anii hojii qonnaa hojjetachaa jiru jedhan.
Rakkoo nageenyaa uumamee tureen namoonni gara Gambeelaa imalaa turuu kan mirkaneessan Obbo Geetahuun, amma kan achitti hafan hin jiran jedhan.
''Bakkasaan walitti qabamanii turan 03 keessaa kaasnee gara qe'eesaaniitti deebisneerra,'' kan jedhan Obbo Geetahuun, ''kan isaan buqqise waraana mootummaa osoo hin taane 'shanee' dha jedhan.
Qondaalli kun komii jiraattoonni ammas sodaa nageenyaa qaban jedhaniif deebii wayita kennan, uummanni nageenyi isaa eeggamuun hojiisaa hojjetachaa jira jedhan.
Guyyaa namoonni buqqa'an sana rakkoon uumamee akka ture kan hin haalle Obbo Geetaahuun, ''tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatameedha'' jedhan.
Dhukaasa banamee tureen jirraattoonni ajjeefamuu jiratatonni Shebel himatan irrattis Obbo Geetaahuun,''namni du'uus du'uu dhiisuus danda'a. Isa kana waanan beeku hin qabu'' jedhan.
Gaaffii akka hoogganaa nageenyaatti rakkoo uumame kana adda hin baasnee? jennee gaafanneefis, ''Hin beeku'' jechuun deebii nuuf kennanii jiru.
Haala jiraattonni Shebel amma keessa jiran gaafannus, Obbo Geetaahuun irraa deebii argachuu hin dandeenye.

















