Aadde Atikiltii Jaankaa: ‘Warqiikoo gurgureen daa’immaniif aannan bitaa ture’

Maxxanfame

Weerarri Covid-19 dubartoota fi daa'imman haleellaa fi qoccollaa saalaaf akka saaxilee dhaabbileen dhimma kana irratti hojjetan ibsaa jiru.

Kunis, lakkoofsa dubartootaa fi daa'imman deeggarsa seeraa dabalatee gargaarsawwan garaagaraa fedhan akka dabalu taasiseera.

Rakkoon daa'immanii, dubartootaa fi maanguddootaa isaan yaaddessee waldaa gargaarsaa erga hundeessanii kan bubbulan Aadde Atikiltii Jaankaas kana ragaa bahu.

"Koroonaan erga dhufee as rakkoo hammaataatu uumamaa jira. Daa'imman dubartootni baay'inaan gudeedamu. Daa'imni abbaa ishee guddiseen gudeedamte harka koo jirti," jechuun dubbatu.

Aadde Atikiltiin deeggarsa maallaqaa hiriyyootaafi namoota isaan beekan irraa argataniin Godina Sidaamaa Magaalaa Yirgaalamitti giddugala hundeessuun daa'imman fi dubartoota gargaaruu kan eegalan.

"Ka'umsikoo jireenya kooti…"

Aadde Atikiltii Jaankaa godina Sidaamaa magaala Yirgaalam keessatti dhalatanii magaala Finfinneetti guddatan.

"Jireenya koo irraayin ka'e. Ani daa'imummaattin heerume. Umriikoo waggaa 16tin daa'ima dahe" kan jedhan Aadde Atikiltii, keessattuu dubartoota rakkoolee garaagaraaf saaxilamaniif durumarraa kaasee marartee akka qaban himu.

"Laaqanakoo qabadhee gara hojii yeroon deemutti dubartoota rakkoof saaxilaman yeroon argu laaqanakoo isaan waliinan nyaadha ture," jedhu.

Boodarra bara 2002 waldaa gargaarsa shammarranii, maanguddoota fi daa'immanii hundeessan.

Giddugala kanatti shamarran haleellaan saalaa irratti raawwatame tajaajila wal'aansaa akka argatan akkasumas immoo qaamolee mootummaa walin ta'uun haqa akka argatanif kan hojjetan ta'uu himu.

Dabalataan, shamarree iddoo jireenyaa hin qabne fi balaaf saaxilaman iddoo jireenyaa mijeessun akka gargaaraman akka godhanis dubbatu.

Yeroo ammaattis shamarran 35 fi maatii isaanii rakkoolee garaagaraaf saaxilamanif ji'a ji'aan meeshaalee qulqullinaa fi deeggarsa barnootaa akka taasisan himu.

"Mana kitaabaa qopheessuunis shamarran kun akka qo'ataniifi barnoota isaanitti akka ciman taasisaa jirra."

Daa'imman akkuma dhalataniin gataman poolisii fi waajjira dhimma dubartootaaf daa'immaniin itti kenname kunuunsanii guddisuu fi guddifachaa biyya keessaaf kennuunis hojiisaanii biraati.

Akka waliigalaattis yeroo ammaa maatiiwwan 460 karaa waldaa isaaniitin deeggarsa garaagaraa argachaa akka jiran himu.

Sababa hojii isaanii kanaan yeroo garaagaraatti rakkoon isaan mudachaa fi waliin jireenyi maatii isaaniis akka miidhame kan himan Aadee Atikiltiin "warqii koo fi meeshaalee gatii naaf baasan gurguruun daa'immanif aannan bitaan ture" jedhan.

Yeroo ammaattis deeggarsa dhalattoota naannichaa iddoo biraa jiraatan fi afooshaalee garaagaraa irraa argatanin namoota kunneen deeggaru.

"Soorata gargaaruun hiyyummaa hin hir'isu…"

"Namaaf soorata gargaaruun hiyyummaa hin hir'isu, barumsi garuu jireenya jijjiira" kan jedhan Aadde Atikiltin, shamarran barnootaan akka fulla'an fi diinagdeen akka of danda'an gochuun rakkoo dubartootarra gahuf furmaata tokko ta'uusaa amanu.

Kanaafis, giddugala isaanii magaala Yirgaalamitti argamuun dabalataan magaala Finfinneettis shamarran umriin isaanii waggaa 18 ta'e dhaabbilee guddisaa garaagaraa keessaa bahan mana kireeffachuun gareedhaan akka jiraatan fi baratan taasisaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees, dubartootni dandeettii diinagdee isaanii akka cimsanif daldalaafi oomisha irratti akka hirmaatan fi maallaqas akka qusatan kan taasisan ta'uu himu.

"Gadi baanee bashannanuufillee 'osoo dhiirri na affeeree' jenna. Kanaafuu jireenya deeggarsa bira darbe hin qabnu.

Waan hundaaf deeggarsa barbaana. Haa ta'u malee, dubartiin yoo baratte fedhii namaatin hin daangeeffamtu. Jireenya koorraa ka'ee barachuun jireenya namaa ni jijjiira jedhee amana."

"Rakkoo xiyyeeffannoo dhabe…"

Haleellaa fi qoccollaan saalaa daa'imman fi dubartoota irratti qaqqabu hammaachaa akka jiru kan himan Aadde Atikiltii, shamarran erga gudeedamanii booda nama isaan gudeede walin akka araaraman gochuun rakkoo ijoo ta'uu himan.

Kana malees, qaamoleen haqaa dhimma haleellaa dubartoota irratti raawwatamu ilaalchisee murtee hatattamaa akka hin laanne himu.

"Dubartootni haganaa haleellaan saalaa irratti raawwatameera jedhama. Haa ta'u malee, haqni hin jiru. Dhimmi isaanii maalif akka ukkaamfamu hin beeku. Dhimmichi xiyyeeffannoo hin arganne."