Sodaa Covid-19 irraa kan ka'e namoonni hedduun duula na filadhaa Tirmaap osoo hin hirmaatin hafan

Doonaald Tiraamp duula na filadhaa gaggeessan

Madda suuraa, EVN

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp duula na filadhaa gaggeessan
Maxxanfame

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wayita weerara koronaavaayirasiitti duula na filadhaa gaggeessuunsaanii namoota baay'ee biratti komii kaase.

Duula na filadhaa Tiraamp Bitootessa darbe booda yeroo jalqabaaf gaggeessan kanarratti sodaa koronaavaayirasiirraa kan ka'e namoota muraasatu argame.

Torbee kana Doonaaldi Tiraamp, sagantaa giddu gala Baankii Tulsaa Oklaahomaa argamu keessatti qopheesuuf jedhanirratti argamuuf namoonni miiliyoona tokkottti siqan tikeetii gaafataa akka turan ibsachaa turan.

Garuu akka yaadan osoo hin taane nama muraasatu argameef.

Teessoon galma nama 19,000 qabatuu duwwaa ture jechuun ni danda'ama.

Alatti, dirreerratti nama walitti qabuun ammoo dhowwameera.

Duula na filadhaa Tiraamp kana namoota hedduutu morman, pirezidaantichi garuu bakka hin laanneef.

Kanneen argamanillee Tiraamp duula kana akka dhaaban gaafachaa turan.

Yoo namni dhibee kanaan qabame Tiraamp itti gaafatamummaa akka fudhatan akeekkachiisaa turan.

Sirni duula na filadhaa Tiraamp osoo hin eegaliin sa'atii tokko dura namoota sirnicha qindeessaa turan keessaa ja'a irratti koronaavaayirasiin argamuu aanga'oonni ibsanii turan.

Sa'aatii lamaaf dhimmoota garaagaraa irratti haasawa taasisaa kan turan Tiraamp namoonni hedduun argamuu dhabuuf miidiyaa fi mormitootatti quba qaban.

Iddoo walga'iin itti gaggeeffameen ala namoonni marsanii jiran mormii kaasuuf yaalanis garuu miidhaan hamaan hin uumamne.

Deggertoonni Tiraamp heduunsaanii maaskii hin uffanne

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deggertoonni Tiraamp heduunsaanii maaskii hin uffanne

Kan yaaddoo uumemmoo deggertoonni Tiraamp hedduunsaanii osoo maaskii hin uffatin duula na filadhaarratti hirmaachuusaaniiti.

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee as Ameerikaa keessatti ummata walitti qabuun duulli na filadhaa Tiraamp kun isa jalqabaati.

Bakka Tiraamp duula na filadhaa itti gaggeessan Oklaahomaa keessatti ammoo yeroo ammaa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii haalaan dabalaa jira.

Ragaan Joohns Hopkiins Yuunivarsitii akka mul'isutti US keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 2.2 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u kanneen keessaa namoonni 119,000 ta'an du'aniiru.