Giiftii Eelizaabet manguddoo ganna 95 Jooseef Hamoondi guyyaatti km 3.2 imaluun deeggarsa walitti qaban badhaasuuf

Madda suuraa, FORCES HELP AFRICA/GUBA FOUNDATION
Manguddoon lammii Gaanaa umuriin ganna 95 tahaniifi Waraana Adunyaa 2ffaa irraa oolan kun ittisa koroonaavaayirasiif kan oolu deeggarsa walitti qabaa turuusaanitiif Giiftii Eelizabet galata dhiyeessuf jedhu.
Joseef Hammondi guyyaatti fageenya km 3.2 tahu miilaan lafa deemuun deeggarsa yaadan sana walitti qabaa turan..
Manguddoon kunis deeggarsa walitti qaban hojjettoota fayyaa dura bu'uummaan ittisa koroonaavaayirasii irratti hirmaatanii fi jaarroolee Afrikaa waraana irraa hafan deeggaruuf yaadaniiti.
Haaluma kanaanis ji'a darbe keessa doolaara 35,000 kan tahu walitii qabaniiru.
Miira natti dhagahame hin beeku, gammachuu guddaadhaanan guutame,'' jedhan yeroo badhaasa 'Commonwealth Point of Light award' jedhamu argachuu isaanii dhagahan.
Dhimma isaan onnachiise ammoo miiltoo isaanii Kaappiteen Toom Muur kan UK'tti deeggarsa wal fakkaataaf paawundii miliyoona 32 walitti qabanii turaniidha jedhan.
Kaappiteen Toom Muur guyyaa dhaloota isaanii waggaa 100ffaa irratti mooraa isaanii keessatti marsaa 100 kan tahu fiiganii xumuran.
Kanatu piraayiveet Haamondi kakaasuun bittaa meeshaalee ittisa koroonaavaayirasiif oolchuuf akka deeggarsa walitti qaban isaan taasise.
Manguddoon kun biyya Gaanaa magaalaa Akiraa keessatti ganama ka'uun imala isaanii km 3.2 tahu jalqabu. Osoo ho'i akka malee hin cimiin guyyaa waaree keessa ammoo xumuru jedhame.
Kaayyoon isaanii doolaaraa 600,000 waliitti qabuu yoo tahu, ammas deeggasi kun itti fufa jedha gabaasaan BBC Toomaas Naadii.
Piraayivet Haamondi waraana Aunyaa 2ffaa keessatti akkuma miiltoo isaa Tim Muur Barmaa keessatti waraanaa turan.
Giftii Elizaabet namoota tola ooltummaa guddaa hojjetaniif badhaasa biyyoota 'Commonwealth' kan biyyoota bittaa Ingliz jala turaniif kennamu qopheessaniiru.
Jalqaba ji'a kanaatti ilma mootii Haarii fi Giiftii Elizaabet irraa xalayaa jabaadhuu itti fufi jedhu argatanii ture. Lammiileen Gaanaa hedduun yeroo Waraana Adunyaa 2ffaa bittaa Ingliz jala waan turaniif Ingiliziif lolaa turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
















