Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuu Maalezyiyaa intarneetii argachuuf bosona keessatti qormaata fudhatte
Barattuun yunivarsiitii biyya Maalezyiyaa tokkoo qoramaata qoramuuf intarneetii gaarii argachuuf malli malattee dinqisiffannaa argamsiiseef.
Shamarreen ganna 18 Vevenaah Moosiibiin, ganda Saabaanaalaang Piitaas jedhamu keessa jiraatti. Naannicha tajaajilli intarneetii biroodbaandii baayyee murtaa'aadha.
Mana isheen jiraattu keessa bishaan ujummoo ta'e ibsaan hinjiru. Bilbilashee firoota yookiin warra ollaa biratti akka chaarjii taasifattu dubbatti.
Torban lamaaf dahoo qopheessitee gaara irra baatee qo'achaa turte. Sababiinsaas gaaricha irra intarneetii 3G gaariitu jira.
Gaafa qormaata ishee garuu dahoo xiqqoo qayyabannaaf tolchite qilleensi jalaa fudhate. Sana booda qormaataaf iddoon gaarii bosona keessa dha jettee murteessite.
Vevenaan viidiyoo YouTube gadhiisuun beekamuu barbaaddi. Waan keessa darbites waraabdee YouTube irra keesse.
Saaphanaa siree keessa teessee, nyaata ruuzii irraa hojjetame qabattee qormaatashee fudhatte.
Haatahuu malee, laaqanashee yeroo soorattu ilbisoonni bosona keessa jiran na jeeqaa turan jetti.
Halkan achi bulanii qormaata fudhachuun qorraa fi sagalee bosonaa nama jeequ qaba ture jetti. Dabalataan immoo haatishee lafa isheen bulte hin barre, ganama gaafa deebitu itti dheekkamteetti.
Haala dabarsite waraabdee Youtube irra keenyaan torbeedhuma kana keessa namoota kumaatamaan lakkaa'amaniin qoodamaa jira. Dinqisiffannaas argachaa jirti.
''Dubartiii ammayyaa, danqaa kam keessattillee jiruu ishee komii tokko malee dalagdu,'' jechuun namni Youtube ishee hordofu barreesseeraaf.
''Murannoo guddaa! Haatahu malee kuni hiyyummaa keenya agarsiisa. Maalezyiyaatti erga makamnee waggaa 57 boodallee naannoleen baadiyyaa Saabaah fi Saaraawaak jireenya gadadoo keessa jiru,'' jedhe fayyadamaan Feesbuukii biraa.
''Akka barsiisaa tokkotti kun waan laphee koo cabse dha,'' Intarneetiin kutaalee biyyatti hundatti waliin gahuu qaba tureeyyuu,'' jedhe kaan immoo.
Viidiyoon ishee kun erga akkanatti ilaalameen booda, Koomishiniin Koominikeeshinii Maalezyiyaa intarneetii naannoo sanaa 4G gochuuf akka hojjetu dubbate.