Haleellaa Kaaba-baha Naayijeeriyaatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 59 ajjeefaman

Haleellaa Laagositti taasifame

Madda suuraa, AUDU MARTE

Maxxanfame

Kaaba-baha Naayijieeriyaa ganda baadiyyaa Gubio jedhamtu keessatti Kibxata kaleessaa hidhattoonni Jihaadistoota ta’uunsaanii shakkamu seenuun haleellaa hamaa raawwatan.

Hidhattoonni kunneen ganda kana guutummaatti barbadaneessan, dubbii ture haaloo ba’uuf akka haleellaa raawwatan gabaasi naannawa sanaa ba’aa jiru ni mul’isa.

Qaamni anatu kana raawwate jedhee itti gaafatamummaa fudhate jiraachuu baatus gareen jihaadistii ofiin jedhu haleellaa kanaaf shakkameera.

Gabaasi AFP namoonni 59 du’anii argamuu ibsa, Rooyitarsi ammoo 69 du’aniiru jedha.

Haleellaa kana eenyu akka raawwate ifa ta’uu baatus garuu gareen Bokoo Haraam fi Gareen IS ofiin jedhu kan Naayijeeriyaa keessa socho’u Kaaba-baha biyyattiitti deddeebi’ee haleellaa gaggeessaa tureera.

Gareen hidhattootaa Bokoo Haraam kan bara 2014 wayita shamarran 270 butanii ukkaamsan maqaa horate biyyoota ollaa Naayijeeriyaa kanneen akka Chaad, Niijeer fi Kaameeruun keessas ni socho’a.

Ebla darbe keessaa hidhattoonni kunneen Kaaba-baha Naayijeeriyaatti namoota hedduu ukkaamsanii loltoota biyyattii 47 ajjeesaniiru.

Guyyaa itti aanu ammoo biyyaa ollaa Naayijeeriyaa taate Chaad keessatti loltoota mootummaa 100 ajjeesan.

Gareen kun erga hundaa’ee as lubbuu kumaan lakkaa’amu galaafateera, hedduun achi buuteensaanii dhabameera.