Ajjeechaa Jooj Filooyid: ‘Tiraamp addaa nu qoqqooduu barbaada’ jedhan Jeems Maatis

James Mattis was President Donald Trump's first defence secretary - but resigned in 2018 Jeemis Maatis Ministira Ittisaa jalqabaa bulchiinsa Tiraamp turan, boodarra aangoorraa ka'an

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Hogganaan duraanii waraana Ameerikaa Tiraamp addaan qodamiinsa gidduu uummataatti hammeessanii aangoo seeraan ala fayyadamanii jechuun himatan.

‘Pirezidantichi ummata Ameerikaa addaan qoqqoodu barbaada. Ga’uumsaan hoogganuu hin dandeenye’ jechuun ifatti qeeqan.

Maatis jeequmsa magaalota Ameerikaatti tamsa’e qabbaneessuuf Tiraamp tarkaanfi fudhatanitti ‘baayeen aare’ jedhan.

Hogganaan duraanii Waraana Ameerikaa gameessi kun bara 2018 pirezidantichi loltoota Ameerikaa Sooriyaa keessaa baasuuf murteessinaan aangoo gadhiisan.

Yeroo sanarraa eegalee qeeqa ifatti dhiyeessuurra of qusataa turan.

Roobii kaleessaa barruu Atilaantik jedhamurratti qeeqa jajjabduu bulchiinsa Tiraamp irratti dhiyeessan.

Qeeqa kana booda Tiraamp toora tiwitaraa gubbaatti ‘jeneraal waraanaa akka amma ga’umsa isaatii olitti dhaadheffame ‘ jedhanii qeeqan. Sana booda itti dabalanii ‘Ani hoggansa isaa duraanu hin jaaladhuu, baga aangoo gadhiise. Gammedeera’ jedhan.

Maatis hiriirtonni mormiif bahaan kuma kudhanitti lakka’aman duudhaa akka biyyatti qabnuun jiraannaa jechuu isaaniis ibsanii, namoota seera cabsan muraasan kallatti hin gadhiisnu jedhaniiru.

Jeneraalli waraana Ameerikaa sooramaan gaggeeffaman kun imaammaata dhimma alaa pirezidantichi hordofan qeequudhaan, hiriira mormii tibbanaa qabbaneessuuf waraanaan deebii kennuu yaaluu balaaleffataniiru.

‘’Loltoonni mirga lammiilee heeraan argatan akka sarbanii haala kam keessattu ni ajajama jedhe hin abjoonne’ jedhan Maatis.