Ameerikaan Kibbaa gidduugala weerara Covid-19 ishee haaraa taate-WHO

Madda suuraa, Reuters
Braaziil biyyoota aardii kanaa akkaan miidhamaa jirtu yoo taatu, Afrikaatti ammoo lakkoofsi namoota dhibee Kanaan qabamanii dabalaa jiraa jedheera ibsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Jimaata bahe.
Weerarri Covid-19 jimaata Afrikaa keessatti lakkoofsa namoota qabamanii 100,00n gaheera. Erga weerarichi jalqaba ardii Afrikaatti mula'atee torbee 14 booda biyyoota hunda waliin gaheera jedha ibsi kun.
Hanga ammaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan Afrikaa keessatti du’anii 3,100 ol ta’uus eera.
Lammiin Bootsiwaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa damee Afrikaa hoogganana Dr. Mashiidisoo Mo’etii, ‘‘hanga ammaatti tamsa’inni vaayirsichaa Afrikaa keessatti laafaadha, lakkoofsi namoota du’aniis kan kutaa addunya biroon gadii’’ jedhan.
Haa ta’u malee sirni fayyaa biyyoota aardii Afrikaa laafaa waan ta’eef weerara kana salphisanii ilaaluun, weerarichi tasa yoo cimeef to’achuun rakkisaa ta’aa jedhan.
Walakkaan biyyoota Afrikaa dhibeen kun biyyuma keessatti namaa namatti darbaa jiraachuu hubataniiru jedha Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa.
Gama kaaniin dhibeen kun biyyoota Ameerikaa Kibbaa haalaan miidhaa jiraachuu ogeessi dhiibeewwan tasaa Dhaabbatichaa Dr. Maayik Reeyinar ni dubbatu.
Ammaan tana Ameerikaan Kibbaa gidduugala weerara vaayirasii kanaa taatee jirtii jedhuun ibsan.
Biraazil biyyoota akka malee miidhamaa jiran keessaa adda duree ta’uu fi qoricha dhibee busaa Haayidiroo kiloorikiin Covid-19’f fayyadamaa jiraachuus beeksisan.
Qorannoon qorichi kun gaarii ta’uu mul’isuu waan hin jirreef irraa of qusachuu akka qabanillee akeekkachiisan.
Torbee darbe keessa biyyoota Afrikaa sagal keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii harka 50’n dabaluu kan himan Raayineer, kanneen hafanitti ammo hir’isaafi akkuma dura turetti itti fufaa jiraachuu ibsan.
Biyyoota Afraikaatti duuti kan hin heddummaanneef tarii lakkoofsi harki caalaan uummataa darggaggeessa ganna 18 fi isaa gadii waan ta’aniifi jedha ogeessi kun.













