Kanaadaa: Jeettiin agarsiisarra ture mana irratti kufee namni tokko du'e

Madda suuraa, Reuters
Jeettiin Humni Qilleensaa Kanaadaa agarsiisarra osoo jiruu mana jireenyaa dhiyoo jiru tokkotti bu'ee yoo xiqqaate namni tokko du'eera.
Xiyyaarri mana jireenyaa magaalaa Kaamloops, Biriitish Kolombiyaatti argamutti bu'uun balaa qaqqabeen miseensi humna xiyyaaraa biroon madaa'eera.
Viidiyoon balaa Dilbata qaqabe kana akka agarsiisutti paayiletiin tokko garuu osoo xiyaarri sun hin caccabiin dura miliquu danda'eera.
Jeetiin Isnoobardiis jedhamu "lammileen Kanaadaa weerara Covid-19 dura dhaabbachuun gahee isaanii bahan jajjabeessuuf" akka bobba'an odeeffannoon marsariitii garaa kanaarraa argame ni mul'isa.
Isnoobardiis akkuma Reed Aroos UK keessaatti, Biluu Anjelsi ammoo US keessatti taasisan ummanni akka daawwatuuf agarsiisaaf bahan.
Balaan jeettii kun Dilbata ganama ka'ee osoo baayyee hin turiin.
"Miseensi garee Snoobard CF tokko du'ee kaan ammoo cimaa madaa'uu isaa gadda guddaan beeksifna," jechuun Humni Qilleensaa Rooyaal Kanaadaa fuula tiwiitera isaarratti.
Humni Qilleensichaa boodara miseensi madaa'e sun kan lubbuuf sodaachisu akka hin taane hubateera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Viidiyoon tiwiitera irratti bahe tokko akka agarsiisutti jeettiiwwan lama Buufata Xiyyaaraa Kaamloops keessaa qilleensarra bahanii booda tokko ibiddi itti qabate.
Dubartiin ijaan argite Annettee Shoonwelii jedhamtu CBCtti akka himtetti: "Wanta laman arge; tokko haara kan fakkaatu kaan ammoo ibidda kan fakkaatanidha. Isaan keessaa tokko ittuma fufe," jette.
"Sagalee hin qabu, waan addaa ture. Gommaa isaa diriirfachaa samirraa gadi bu'e. Kallattiin akkum alafa dhaheen haara gur'aachatu ol bahe."

Madda suuraa, Twitter / @MikeGT79
Akkuma xiyaarri kun o'iruu mana Kaamloops keessa jiru rukkuteen booda jiraattonni gadi yaa'uun ibidda dhaabsuuf carraaqaniiru.
"Ani bataluman irraan gadee fiiguu jalqabe. Erga inni kufee tarii daqiiqaa tokko ni ta'an kan ani achi qaqqabe. Jiraattota lama osoo isaan ujummoo bishaanii gadi harkisanii ibidicha dhaabsuuf dhama'aniin arge sababiin isaa mana rukkuteera," jechuun achitti dhiyoo kan jirtu Kenii Hindis Assoosheetid Pireesitti himteetti.
"Qaamni jeettichaa garri caalaan isaa mana fuulduratti kufe, garuu baallee ykn qaamni saa bakki ta'e guutuu manaarra ooleera."

Madda suuraa, Getty Images
Jiraataan biraa Nooliin Makli'ood jedhamu CBCtti akka himetti, yeroo xiyaarichi gara daandiitti jallifachaa foddaa kutaa ciisichaa mana hollaa isaa rukkute argeera.
Suurawwan miidiyaa Kanaadaa irratti mul'atan akka agarsiisanitti paraashutiin guutuu manaa irratti argameera.
Magaalaan Kaamlopps Qarqara Gama Lixaa kanaadaatiin Vaankoover irraa kiloomeetira 320 fagaattee kan argamtu yoo taatu ummata 90,000 qabdi.












