Fayyaa: 'Harargee Lixaatti dhibeen gifiraa daa'imman ajjeesaa jira'

Gifira

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti dhibeen shiftee (gifiraa) daa'imman ajjeesaa jira jedhu jiraattoonni BBC'n dubbise.

Jiraattonni aanaa Gubbaa Qorichaa daa'imman sababa dhibee gifiraa kanaan du'an lakkoofsaan hedduu ta'uu yoo himan, Waajjirri Eegumsa Fayyaa aanichaa garuu kan buufata fayyaa dhufee du'e hin jiru jedha.

Godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaa magaala Komonaa irraa BBC'n kan dubbise Aadde Kamziyyaa Aliyyi, dhibeen kuni erga naannichatti mul'atee bubbuleera jedhu.

Isaanis sababa dhibee kanaatiin maatii isaanii keessaa daa'imman sadii du'uu himan.

"Mana kiyya keessaa daa'imman sadii bakka tokkotti shifteen tuni narraa qabde. Buufatallee deddeebi'een ture. Booda manattiin galeenii garaagarummaa sa'aatii jahaa keessatti sadan isaanituu najalaa du'an" jedhu.

Dhukkubni kuni naannoo isaaniitti bara kana akka mudateefi ijoollee kana sagalee qabee afaan madeessee nyaata fudhachuu dadhabuudhaan duu'an jedhu.

Talaallii gahaa dhabuun rakkoo ijoodha kan jedhan Aadde Kamziyyaan, ijoolleen kuni umurii isaanii kan wagga 2 hanga 4 gidduu akka tureelleen dabaluun himaniiru. Jiraattuu Magaala Komonaa kan ta'an biraa BBC'n dubbise Aadde Masgulaa Aliyyis sababa dhibee shiftee (Gifiraa) tiin daa'imni waggaa sadii akka jalaa duu'e himu.

"Daa'ima kana shifteen najalaa qabnaan mana yaalaa geesseen ture' shirooppii' bitiif amma qorichisaa hin jiru naan jedhan. Qilleensa keessan hin deemiin bishaanis hin obaasin naan jennaan manattin gale. Isaan boodas qamabee guyyaa Afur booda daa'imni kuni najalaa du'e" jedhan.

Waajjirri Eegumsa Fayyaa Anichaa maal jedhaa?

Jiraattonni aanaa Gubbaa Qorichaa daa'imman sababa dhibee Gifiraa kanaan du'an lakkoofsaan hedduu ta'uu himanis, Waajjirri Eegumsa Fayyaa aanichaa garuu kan buufata fayyaa dhufee du'e hin jiru jedha.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Sabrii Nuuruu, dhibeen kuni aanaa isaanii keessatti mul'achuun dhugaa ta'uufi lakkoofsa daa'imman aanichatti sababa dhibee kanaatiin du'anii adda baasuuf koreen hundeesinee qorachaa jirra jedhan.

Hanqina hubannootiin hawaasni daa'imman yeroo dhukkubsatan gara mana yaalaa fiduu irratti rakkoon jiraachuus himu.

Baby with measles rash

Madda suuraa, Getty Images

"Ogeessi fayyaa yeroo tallaalliifi hordooffiidhaaf gara gandaa deemu nibaqatu. Ilaalcha dogogoraatu jira. Yeroo dhukkubsatan mana yaalaa fiduu irrattis hanqinatu jira. Kana sirreessuuf gandootarra naannofnee hubannoo uumaa jirra" jedhan.

Hanga ammaatti aanichatti sababa dhukkuba kanaatiin daa'imman gara mana yaalaa dhufan haalaan xiqqoo ta'uu fi maalummaa dhukkubichaa adda baasuufis saamudni daa'imman shan irraa fuudhatame instituutii fayyaa hawaasaa Itoophiyaatif ergamuu eeran.

Hanga ammaattis marsaa tokkoon daa'imman 300 caalaniif talaalliin kennamuu himan.

Godina Harargee Lixaatti dhibeen Gifiraa kuni aanota shan keessatti mul'achuu fi hojii too'achuu hojjetamaa jira jedha, ittigaafatamaan waajjira eegumsa Fayyaa Godinichaa obbo Ahmaddiin Mohaammad.

Dhibeen kuni miidhaa geessisaa jiraachuun dhugaa ta'us aanaalee akka Gubbaa Qorichaatti daa'imman dhibbaan lakkaahaman ajjeeseera kan jedhamu garuu dhugaa mitis jedhan.

"Dhibeen shiftee ykn Gifiraa kuni godina keenya keessatti faffaca'ee jira. Kanammoo too'achuuf hojjechaa jirra. shifteen akka baalaa daa'imman harcaasaa jira kan jedhamaa jiru garuu dhugaa miti" jedhan.

Aanaalee akka Gubbaa Qorichaa Daa'imman hedduun sababa Shifteetiin du'uun gabaafamaa jiru kanas qulqulleessuuf koreen godinaa dhugaa kana adda baasu aanichatti ergamuu himaniiru.