Koronaavaayirasii: Facebook hojjattoota dhiphinnaaf saaxilamaniif beenyaa doolara miiliyoona 52 kaffaluufi

To'atoota qabiyyee Feesbuukii hojiirra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Feesbukiin hojjattoota qabiyyeesaa to'atan kanneen dhiphinnaaf saaxilamaniif beenyaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 52 kaffaluufi.

Feesbuukiin maxxansaalee seera dhaabbatichaa cabsan to'achuuf humna namaatii fi 'artificial intelligence (AI)' fayyadamaa jira.

Dhaabbatichi yeroo tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf sochiin uummataa ugguramee jirutti maxxansaalee miidhaa geessisan balleessuuf itti fayyadama artificial intelligence (AI) dabaleera.

Bara 2018 Ameerikaatti namoonni qabiyyee to'atanii fi qaama sadaffaadhaan qacaraman, Feesbuukiin iddoo hojii nagaa ta'e uumuu dhabuusaatiin, himannaa irratti bananii turan.

Isaanis suuraalee sammuu namaa jeeqan kan akka gudeeddii fi of ajjeesuu fa'a akka argan ibsaniiru.

Kunis hojjattoonni dhiphinna sammuu(PTSD)'f akka saaxilaman taasiseera.

Walii galteen himannaa kana furuf mana murtii Kaalifoorniyaatti Jimaata mallattaa'eera.

Walii galteen kunis to'attoota qabiyyee Kaaliifoorniyaa, Ariizoonaa, Teeksasii fi Filooriidaatti bara 2015 hamma ammatti hojjataa turaniif kan ooludha.

Hojjattoonni duraa fi ammaa beenyaa doolara 1,000 akkasumas dhiphina sammuutiin qabamaniiru yoo ta'e kaffaltii dablataa argatu.

Hojjattoonni 11,250 ta'an beenyaa kanarraa fayyadamu.

Uggura to'achuu

Dhaabbatichi namoota qabiyyee Feesbuukii fi YouTube to'atan ji'a Amajjii keessa qacareera.

Feesbuukiin yeroo uggura koronaavaayiras kanatti dhalli namaa qabiyyee nama jeeqanii fi miidhaa uuman akka to'atan taasisaa jira.

Hojjattoonni heddu manaa hojjachaa waan jiraniif qabiyyee muraasa manaa to'achuu dhabuu danda'u jedha dhaabbatichi.

To'attoonni qabiyyee manaa to'ataa hin turre, kaffalamaafii ture garuu hojjachaa hin jiran.

Feesbuukiin gabaasa Kiibxata baaseen AI fayyadamuudhaan haasaa jibbiinsaa %90 ta'u adda baasuu danda'eera.

AI maxxansaalee waa'ee koronaavaayiras miidhaa geessisan heddu adda baaseera.

Feesbuukiin Ebla keessa akka jedhetti maxxaansaalee odeeffannoo sobaa miiliyoona 50 waa'ee weerara kanaarratti maxxanfaman irratti akeekkachiisa kenneera.

Dhaabbatichi yeroo tokko tokko viidiyoowwan keessatti suuraalee miidhaa geessisan adda baasuudhaaf ni rakkata.