Koronaavaayiras: Baqattoonn maatiisaaniif maallaqa erguuf rakkataa jiru

Maatii Ismiitaa

Madda suuraa, SMITHA GIRISH

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Ismiitaa
Maxxanfame

Maatiiwwan miiliyoona hedduu ta'an guutuu addunyaarraa maallaqa biyya alaatii isaaniif ergamuun jireenyaasaanii gaggeefataa jiru.

Haa ta'u malee sababbii weerarri koronaavaayirasitiin baqattoonni hojjatanii maallaqasaanii akka hin ergineefi danqaa ta’eera.

Ismiitaa Giriish kibba-lixa Indiyaa Keerelaa mucaashee waliin jiraatti. Abbaan warraashee UAE, Dubaayi jiraata. Osoo sababa Covid-19 kanaan hojii hin dhabiin dura injineera ta’ee hojjataa ture.

“Ji’a darbee kaase manuma keessa jira,” jette Ismiitaan. “Hojii haaraan hojjatuu hin dandeenye, baankiidhaas maallaqa baasuu hin dandeenye. Sababa kiraa manaa keenya kaffaluu qabuuf baay’ee ulfaataadha.”

Ismiitaan abukaatoo taatuus ogummaadhaan maallaqa abbaan warraashee ji’a ji’aan erguun jiraatu. Ammatti garuu ilmashee ootizimii qabu kunuunsuuf mana turuu qabdi.

“Sodaa keessa jirra. Baay’ee ulfaataadha,” jette. Akka gabaasa UN’tti namoonni miiliyoona 800 ta’an maallaqa firoottansaaniirraa ergamuun gargaaramu.

Hammi maallaqa biyyoota guddatanii gara guddataa jiranitti ergamu waggootan kudhan darban keessati haalan dabaleera. Kunis bara 2019 doolara biiliyoona 554 ta’uun gargaarsa alaa si’a sadiin caaleera.

Wirtuu Guddina Addunyaa Waashingtan irraa Maayikil Kileemenis akka jedhu maallaqni maatiidhaaf ergamu akka kan gargaarsaa san osoo hin taanee kallattiidhaan harka maatii harka qalleeyyii gaha jedhan.

Innis maallqani maatiidhaaf ergamu kun barbaachisaadha akkasumas hiyyummaa hir’isuuf gahee guddaa qaba.

Namoonni maallaqa ergamu saniin hojii akka invastimantii, qulqullinna, barnootaa fi fayyaa keessatti akka isaani “gammachiisuuf, fayyaa qabataanii fi diinagdeedhaan bu’aa akka buusaniif” isaan gargaara jedhu Obbo Kileemenis.

Bara kana maatiin hedduu invastimentii akkanaarratti hin hirmaatan.

Baankii Addunyaa maallaqni alaa ergamu kun sababa Covid-19 %20, bara 2020’tti doolaraa biiliyoona 445 ta’uun hir’achuu danda’a jedha.

Hir’achuun kun “seenaa keessatti mul’atee hin beeku” jedhan ogeessi diinagdee Baankii Addunyaa Diilip Raata. Isaanis kufaatii faayinaansii addunyaa bara 2008 %5 fi kan isarraa xiqqaa bara 2016 akka ture Baankichi hubatee ture jedhu.

Artuur Beeree Laayibeeriyaa Moonrooviyaa jiraata. Eega Bitooteessa 27 as baankiidhan maallaqa baafachuu hin dandeenye.

“Yeroodhaan yoo achi hin geenyee akka baatu si gaafatu. Baankiiyyuu osoo seentee daftee tajaajila hin argattu. Ganama sa’aatii 4’tti yoo baankii osoo maallaqa kee hin argatini sa’aatiin 8 ykn 9 ta’a.”

“Maatii manatti si eegan qabda, obboleewwan gara m/barnootaa hin deeman akkasumas gargaarsa kee barbaadu. Namoonni yoo beela’an miseensonni maatii ni beela’u, ala bahuuf yeroo yaalan dhukkubaan qabamuu malu. Inni immoo balaa haala keessa jirruuti.”

Chaandiraa Ceeka UK keessatti maatiisaatiif maallaqa erguuf rakkataa jira.

Gorsaan IT kun waggoota 18’f UK kan jiraate yoo ta’u yeroo hedduu maallaqa gara Indiyaa erga.

“Tajaajilli dijitaalaan maallaqa erguu ni jira. Jijjiirraa maallaqa gatii hir’isanii hojjatan jiru. Tajaajila gaarii nuu kennuu yaalu. Amma garuu sababa Covid-19 oonlaayinii fayyadamuudhaaf dirqameera.”

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Obbo Kimeemenis akka jedhanitti dhiibbaan koronaavaayiras biyyoota guddataa jiran keessatti waggoota hedduuf turuu danda’a.

Isaanis qorannoo 1980’tti taasifameen weerarri infuluuweenzaa bara 1918 keessa dhiibbaa US irra geessise ammallee mudatuu danda’a jedhu.

Daa’imman yeroo weerara sanii hin dhalanne carraa barnootaa gad aanaa, qaama hir’uu, galii gad aanaa fi haalli diinagdee fi hawaasummaasnii gad aanaa ture.

Haaluma wal fakkaatuun ijoolleen ammaa jiranii fi kan hin dhalanne kan maallaqni maatiisaanii ergan gad bu’u “du’uudhaaf carraa guddaa qabu, hanqinni nyaata madaalawaasaanii mudachuu danda’a, galii maatiif galchuuf jecha mana barnootaarraa hafuu. Isaan kunneen waan qorannoo fuulduraa irra gahuudha. Kunis ragaa waggoota 50-70 kana boodaati,” jedhu.

Ismiitaa fi abbaa warraashee waggoota 15 walirraa fagaatanii jiraachaa turanis giddu gidduudhaan wal argu turan. Isheenis bara itti aanuu hojii jalqabuuf abdii qabdi akkasumas abbaan warraashee akka manatti galuufi.

“Sababa maallaqaatiif jecha inni achi jiraa ani as jira. Maallaqni waan hunda. Isa malee waan tokko hojjachuu hin dandeettu. Koronaavaayiras abdii keenya hunda jijjiireera.”