'Komiin sagaleen Obbo Lammaa OBN irraa uggurameera jedhu qulqulleessuu dandeenya'

Madda suuraa, Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii oromiyaa
Miseensi Boordii fi Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa haasaan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa obbo Lammaa Magarsaa OBN irratti akka hin dabarre dhorkamuu ilaalchisee yaada kennaniin ''kun ta’uu isaa quba hin qabu'' jedhan.
Gaazexessitootni OBN, BBC’n dubbise Kamisa darbe sirni awwalchaa isaanii kan raawwate dureessa Oromoo Obbo Kabiir Huseen irratti haasaan Ministirri Ittisaa obbo LammaaMagarsaa haasa’an ‘’ajaja olii dhufe jedhameen’’ akka hin dabarre dhorkmuu himanii turan.
‘’Sababiin kun ta’uuf madaallii kamiinuu hin jiruu’’ kan jedhan Obbo Getaachoon, ajaja olii dhufe jedhanii fakkeessanii bira darbuun fudhatama hin qabu, qaamni sagaleen koo dhorkameera jedhu murtee enyuu akka ta’e ifa gachuutu irra jira'' jedhan.
Komii ka’erratti deebii akka nuu kennan Hooggantoota OBN’tti irra deddeebiin bilbillee nuu kaaasuu hin dandeenye.
Walitti qabaa boordii OBN kan ta’an obbo Addisuu Araggaas argachuuf yaaliin irra deddeebiin goone hin milkoofne.
Obbo Geetaachoon miidiyaa fi kanneen boordii keessa jiran waliin hojii waliin hojjechaa akka jiran nutti himanii, rakkoon kun qunnameera jedhamee mariidhaafis hin kaanee jedhan.
‘’Dhimmi kun qulqullaa’uutu irra jiraatas'' jedhan.
Kana duras yeroo garaagaraatti sagalee namootaa siyaasaafi hojiileen aartii kanneen akka sirboota Oromoo sababa garaagaraan gama OBN’n akka hin tamsaane dhorkamaa ture.
Jijjiirama waggoota lamaan darban dhufan keessaa tokko miidiyaaleen bilisummaa akka qabatan gochuu akka ta’e dubbatan obbo Getaachoon.
''Ogeessa ogummaatiin gulaalu malee namni kun haa darbu kun hin darbiin jedhee 'saansuur' gohdhu hin jirus'' jedhan.
‘’Wanna akka biyyaatti uummatarratti miidhaa hin geessifne, waan safuu uummataa, siyaasa, dinagdee fi hawaasummaa uummata kanaarratti dhiibbaa hin geessifne dhagahuufi dhaggeffachiisuuf miidiyaa bilisa ta’eedha’’ jedhan obbo Getaachoon.
Rakkoon akkasii mudachuun isarra hin jiraatuu kan jedhan aanga’aan kun, ‘’yoo mudateera ta’e ammoo hoogganaa boordiitti odeeffannoo kana dhiyeessinee dhimmicha qulqulleessuu dandeenya’’jedhan.
Obbo Lammaa Magarsaa yaada ida’amuufi paartii badhadhinaa hundeessuuf adeemsa deemamaa tureen waliigaluu dhabuu isaanii VOA’tti erga himanii booda siyaasa Itoophiyaa keessatti gaheen qaban akka durii akka hin taane himama. Miidiyaaleerrattis badaa bahanii hin beekan.
Kanaan duras Jaarsummaa fi maariiwwan garaagaraa taasifamanii, OBN’irratti odeeffannoo darbeen, obbo Lammaan dhaaba isaanii waliin hojjechuu itti fufuu waliigaluun ibsamee ture.
Namni baayyeen tarii obbo Lammaan ammas ilaalcha ida’amuufi paartii badhaahinaatti waan amananii hin jirreef sagaleen isaanii ugguuramee yaada jedhu qabu.
BBC’n gaaffii kana obbo Getaachoof dhiyeesseera.
‘’Garaagartummaa siyaasaa isaan qaban maalinni? Paartii tokko keessa jiru. Akka koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaattin beeka obbo Lammaa.’’ Jedhu obbo Getaachoon.
‘’Osoo waliin gaggeessaa jiranii garaagartummaan yaadaa uumamee, waan garaagartummaan uumameef miidiyaan kan dabarsuu dhabe kan jedhu gama siyaasaatiinis akka dhuunfaattis bu’uura hin qabu.’’
Sagalee isaanii mitii kan nama kaaniiyyuu dabarsuuf dirqama qaba miidiyaan waan ta’eef wanni ta’e jedhamu kun bu’uura hin qabu jedhan.
‘’Paartii tokko keessa taa’ee namni tokko ilaalcha siyaasaa lama qabaachuu hin danda’u, yaada garaagartummaa qabaachuu danda’a’’ jechuun obbo Lammaan miseensa paartii Badhaadhinaa akka ta’anitti kan beekan ta’u ibsan.














