Dinagdeefi Koronaavaayiras: 'Konkolaataan Kaampaaniiwwan Chaayinaan oomishan dhuguma farra-vaayirasii' qabu?

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaa keessatti warshaaleen konkolaataa oomishan yaaddoo fayyaa amma jiruutti fayyadamuun konkolaataawwan farra-vaayirasii qaban hojjechuuf akka yaadan dubbataa jiru.
Moodeelii haaraan isaan hojjechuuf kaayyoo godhatan kun konkolaataa akkasii keessa ta'uun akka sadarkaa maaskiin (aguugguun afaaniifi funyaanii) tokko namarraa ittisuu danda'uutti.
Warshaaleen konkolaataa omishan biyyattii gurguddoon konkolaataawwan haaraa waan farra-vaayirasii jedhame kana qabu jalqabaa jiru. Dhabbanni Giilii jedhamu kan Landanittis konkolaataawwan akka taaksiitti gargaaran omishuun beekamu warra kana jalqaban keessaa tokkodha.
Chaayinaatti kurmaana jalqaba waggaa baranaa sababa koronaavaayirasiitiif guutummaan biyyaa waan cufateef gurgurtaan konkolaataa akka malee kufeera.
Giiliin biraandii konkolaataa farra-vaayirasii qabu jalqabuudhaaf isa jalqabaadha. Dhaabbanni konkolaataa omishu kun kan kanaan dura abbootii konkolaataa magaalaawwan gurgguddoo keessa jiraatan yaaddoo faalama qilleensaa qaban maalaluuf hojjetee turerraa ka'eeti.
Pirojektii isaa Konkolaataa Fayyaalessaa ykn (“Healthy Car Project”) jedhamu kan kaayyeffate paartikiloonni xixiqqoo konkolaataa akka hin seenne gochuudhaan wantota miidhaa qaqqabsiisanirraa konkolaachistootaafi warreen konkolaataa akkasii kanaan imalan eeguudhaaf.
Giiliin kana malees wantota farra baakteeriyaa ta'an konkolaataafi qabannaa karra konkolaataa baakteeriyaafi vaayirasiirraa bilisa taasisan hojjechaa jira.
“Maamiltoonni mana jireenyaa isaaniitti aansee bakki itti dabarsuu jaallatan konkolaataa isaanii keessatti. Kanaaf, meeshaa fayyaa isaanii eeguuf gargaaru hojjechuudhaan qofaan kan nuti fedhii maamiltoonni jireenya fayyaa'aadhaaf qaban guutuu dandeenyu," jedhan dubbi himaan Giilii.
Konkolaataa irratti wantota fayyaa konkolaachiftootaafi imaltootaa eegu hojjechuun "kaayyoowwan isaa ijoo yeroo dheeraaf qabu" keessaa tokkodha.
Giiliin akka qaama konkolaataa tuttuqqaa irraa bilisa ta'e dhiyeessuuf hojjechaa jiruutti, maamiltoota haaraatiif furtuu yeroo kennullee diroonii fayyadamuudhaan kallattiidhaan mana isaaniitti ykn ammoo geefoo/ balbala mana isaaniirratti geessee kennuufiin tutuqqaa hojjetootaarraa bilisa taasisaa jira.
Dhaabbanni SAIC jedhamuuf biraandii konkolaataa beekamaa Biriitish MG dhiyeessu ammoo filannoo biraa ifa vaayirasii ajjeesu (ultraviolet lamp) fayyadamuun karaa siisteema ho'aafi qorra konkolaataa ittiin sirreessan (air conditioning) qilleensa konkolaataa keessa jiru kan jarmiin (baakteeriyaafi vaayirasiin) keessa hin jiraanne gochuun qulqulleessa.
Warshaan konkolaataa omishu Giilii morkachaa jiru Guwaanzhuu Awutoomoobil ykn GAC jechamu ammoo konkolaataawwan moodelii haaraa isaaniirratti siisteema qilleensa sadarkaa sadiidhaan calalu qaban dhiyeessaa jira.
Dhaabbanni qorannoo Firoostiifi Suliivaan jedhamu akka yaadutti tarkaanfiiwwan haaraa kunneen dorgommii gabaa keessatti 'kan kooti caala' jechuun dhiyeessuun olitti ilaalama.
“Xiyyeeffannoon wantota fayyaaf ta'an konkolaataan akka qabaatan gochuun omishuun kun xiyyeeffannoon itti kennameera. Bifa watoota fayyaafi nageenyaaf barbaachisan waliin konkolaataa hojjechuun ammaan dura tureera garuu Covid-19 ammoo saffisaafi humna dabalataan akka hojjetamu taasise," jedhu ogeessi Firoostiifi Suliivaan irraa ta'an Viiveek Vaa'idiyaa.
Wantonni yeroo ammaa konkolaataatti dabalamanii hojjetaman kunneen qofti dhimmoota yaaddoo qulqullinaafi fayyaa waliin ka'an furu jechuu miti garuu biraadotaafi moodeloota gidduutti garaa garummaa ijoo ta'an ni uumu jedhanii amanus.
"Kun Chaayinaa keessatti qofa kan murtaa'u miti, waan guutummaa addunyaarratti bifa walfakkaatuun carraaqamudha."
'Sobaan gabaa harkisuuf' hamiin jedhu
Haata'u malee, Daarektarri Garee Qorannoo Gabaa Chaayinaa Shuwaan Re'iin kana waliin waliif hin galu: "Kampaaniiwwan carraa sodaan Covid-19 uume fayyadamuudhaan omishaafi tajaajila isaanii waan itti daballe qabna jechuun gatii dabalataan maamiltootatti gurgurachuuf yaalaa jiru."
Bara 2015 keessa, dhaabbanni Teslaa jedhamu Chaayinaa keessatti baayyee beekamaa kan ta'e konkolaataawwan siistemiiwwan farra-faalama callalan qaban gugureera. Omishini isaa "Bioweapon Defense Mode" jedhamu namoota magaalaawwan keessatti yaaddoo faalama qilleensaa qaban kan kaayyeffatedha.
"Omishoonni konkolaataa ammas konkolaataawwan omishan akka kan vaayirasiirraa nama ittisu goochuuf yaalaa jiru. Ani doktora ykn saayintistii miti garuu akka maamiltoonni kampaaniiwwan omishini isaanii tatamsa'in vaayirasii, keessumaa Covid-19 ni hir'isa jedhan akka of eeggannoon ilaalan nan akeekkachiisa," jedhan Obbo Re'iin.
Akkuma 'haati tambooyyu kan kooti caala' jettu sana wayita gabaan dhibu omishoonni 'kan kootu' caala jechuun maamiltoota tooftaan ittiin maalalan jiraachuu isaa beekuu akka qaban ibsu daarekatarrichi.
Jalqaba ji'a kanaa kampaniin qalama omishu Niippoon jedhamu qalama yoo dibame farra vaayirasii ta'uun namoonni bakka harki isaanii qabatee akka dhukkuba daddarbaa lafa qabanii fudhataa hin kaane gargaaru hojjedheera jedhee ture. Haata'u malee, kana kan hojjete koronaavaayirasii isa kamiif akka hojjete maqaa adda baasee hin himne.
Kampaaniin Jaappaan kun halluu/qalamni inni vaayirasiirraa ittisa jedhe kun hospitaalota keessatti akka hojiirra ooluuf yommuu ta'u hospitaalota magaalaa Wuhaan, kan giddu-gala weerara koronaavaayirasii turteef hanga tokko gumaacheera.
Kun kan dhufe yeroo omishtoonni konkolaataa Chaayinaa gurgurtaan isaanii Ji'a Guraandhalaa keessa %80n kufettidha. Kun ammoo waggoota 20 darban keessatti kufaatii isa guddaadha.
Gurgurtaan ji'a Bitootessaa keessa suutuma ol deebiyaa dhufeera garuu ammallee kan bara darbee ji'uma kana keessaa waliin yeroo ilaalamu %43 bu'eera.
Ji'a Ebal keessa gabaan kun ittuma fufee foyyaa'aa akka ta'e agarsiisuu danda sababiin isaas namoonni hojiitti deebi'aa jiru garuu tiraanispoortii ummataa fayyadamuu ni sodaatu.
“Walirraa fageenya eeggachuufi mana keessatti adda of baasnee turuun sammuu keenya keessa akkuma jirutti waan jiruuf, namoonni imalan tiraanispportii ummataa ykn waloo fayyadamuurra konkolaataa dhuunfaa isaanii akka filatan beekamaadha. Kun ammoo fedhaan gabaa konkolaataa akka dabalu taasisa," jedhan hoji-gaggeessaan dagaagina gabaa Aksencherii Giyaanfiraankoo Kazaatii.
Mootummaan Chaayinaas tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuudhaan gurgurtaan konkolaataa akka dabalu gargaaraa jira.
“Akka xiinxalli keessa agarsiisutti gurgurtaan konkolaataa kan sadarkaa weerara Covid-19 dura turetti deebi'uudhaaf waggaa sadii fudhata," jedhan Obbo Va'idiyaa.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















