Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministeerri Fayyaa dhaabbileen tajaajila idilee kannaa hin jirre akeekkachiise
Sodaa COVID-19 irraa kan ka’e dhaabbileen fayyaa tajaajila idile kannaa hin jiran jedhe Ministeerr Fayyaa Itoophiyaa.
Sababa kanaatiiniis haadholiin manatti dahuuf dirqamaniiru; namootni dhibee salphaattii irraa fayyamuun du’aa jiruu jedha.
Torbee lama dura gabaasa BBCn hojjetee tureen dhukkubsattootni hordoffii addaa barbaadan 'xiyyeeffannoon hunduu COVID 19 irra waan ta’eef dagatamnee miidhamaa jirraa'' jechuun komachuu isaanii dhiyessinee ture.
Ji’oota shan dura biyya Hindiitti wal’aanasa Baqaqsanii Yaaluu Onnee fudhatee deebi’uu kan himu Gaazexeessaa Gaarii Lammaa, ergasii yeroo yeroodhaan Hospitaalatti deddeebi’ee hordoffii taasisaa ture.
Erga dhibeen koronaavaayirasii kuni dhufee garuu Hospitaalatti deddeebi’ee hordoffii gochuuf rakkadheera jedhu.
“Ani torbee lama lamaanin Hospitaalatti deddeebi’ee hordoffii taasisa ture. Amma erga dhibeen Koronaavaayirasii kuni dhufee garuu tokkoffaa geejjibni hin jiru, lammaffaa bakka hospitaalaa kanattis namni waan baayyatuuf dhibee dabalatatu naqaba jedhee waanin sodaadhuuf amma deemuu dhiiseera,” jedhu.
Dhukkuba sukkaaraa qaban yaalamuuf Hospitaalati akka deddeebi’an kan himan namni BBC’n dubbise kan biraa Obbo Simee Gaarradoo, dhibeen koronaavaayirasii dhufe namoota dhukkuba cimaa akka keenyaa qaban akka dagataman godheera jedhu.
Mootummaan Koronaavaayirasii qofarratti xiyyeefachuu osoo hin taane yoo warra akka keenyaa kanas dagate namni hedduun miidhamuu dandaha yaaddoo jedhus qabu Obbo Simeen.
Ministeerri Fayya ibsa reefu kenneen yaaddoo COVID 19 irraa kan ka’e dhaabbileen fayyaa cufamaniis jiraachuu hubadheeraa jedheera.
Mootummaan bakka waldhaansa addaa dhukkuba Koroonaa qopheessee waan jiruuf dhaabbileen fayyaa tajaajila idilee kennuutti atattamaan deebi’uu akka qaban akeekkachiiseera.
Dhaabbilee fayyaa yaala guutuu hin kennine irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamus beeksiseera.
Yaaliin fayyaa haadholii fi daa’immanii dhiibeewwan namatti daddarbaniifi dhibeewwan bifa weeraran ka’an irratt xiyyeeffannoo akka godhus beeksiseera.
Ministeerri Fayya akka jedhutti tajaajila fayyaa kamiifuu galteen hanga ji’a jahaatti barbaachisu hanqina akka hin qabaannetti guutameera.